Harargetti namoonni miseensi maatiisaanii Raayyaa Ittisaatti dabalamuu didan reebamuu himatan

Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa

Madda suuraa, Getty Images

Jiraattoonni Godina Hararge Lixaa Aanaa Xuulloo miseensonni maatiisaanii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatti dabalamuu didnaan qaamoleen nageenyaa mootummaa isaan reebuufi hidhuu BBC himatan.

Bulchaan Aanaa Xuulloo Obbo Soofiyaan Ahimad garuu maatiin jiraattoota aanichaa sababa raayyaa ittisaatti dabalamuu didaniif reebamuu fi hidhamu waakkatan.

Namoota miidhaan irra qaqqabuu himatan keessaa tokko Obbo Abdulsalaam Ussoo jedhamu, milishaa Aanaa Xuulloo ganda Tokkummaa Haqaa turan.

Obboleessi isaanii waraana mootummaatti dabalamuu sababa dideef jecha maatiin isaanii guutuun dhiyeenya kana reebamuu himatan.

‘’Haadha, obbolaa fi abbaa kiyya reebinii cafanii, tumanii hidhaa seensisan. Anallee obboleessa keetu waajira cabse jedhanii na hidhan turan’’ jedhan.

Obbo Abdulsalaam akka jedhutti, obboleessa isaanii barataa yunvarsiitiirraa gara maatiitti deebi’etu raayyaa ittisa biyyaatti akka dabalamuuf gaafatame fedha dhabnaan reebamee, hidhaa buufame.

Sababni obboleessi isaanii hidhameef dirqamaan raayyaa ittisa biyyaatti dabalamu didusaati jedhan Obbo Abdulsalaam.

Obboleessi Obbo Abdulsalaam boodarra hidhaarra erga miliqee booda deebi’ee to’atamuu himu maatiin isaa, bulchaan aanichaa garuu amma ‘hidhaa hin jiru, maatiisaa waliin jira’’ jedhanii waakkatan.

Obbo Abdulsalaam sababa obboleessa isaanitti miidhaan qaamaa irra qaqqabee hospitaalatti yaalamaa jiraachu himatu.

''Lafee kiyya addaan facaasanii,'' jedhanii miidhaa irra qaqqabe himatan.

Jiraataan Aanaa Xuulloo kan biraan sababa ijoolleen isaanii qaamolee nageenyaa mootummaatti dabalamuu didaniif jecha qe’eerraa baqatanii akka jiran, ijoollee isaanii qofa otoo hin taane, ofiisaaniillee qe’eerraa baqatanii akka jiran himatan.

Namni maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan kun obboleessi isaanii umrii ganna 50 keessatti argamu sababa kanaaf to’atamee hidhamu dubbatan.

‘’Obboleessi kiyya hidhaa jira, ijoolleen koo baatii tokkoof qoonqoofillee manatti galaa hin jiran, anas barbaada jiru manatti hin galu’’ jedhan.

Bulchaan Aanaa Xuulloo maal jedhan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan Aanaa Xuulloo Obbo Soofiyaan Ahimad ''namni humnaan raayyaa ittiisa biyyattiis dabalame akka hin jirre fi maatiin reebaman hin jiran'' jechuun waakkatan.

‘’Waajira araddaa namoota cabsan lama to’anne, maatii otoo hin taane, abbaa yakka hojjatutu to’atame, namni maatiin reebame hin jiru’’ jedhan Obbo Soofiyaan dhimma raayyaa ittisaa biyyatti dabalamuun walqabatu akka hin taane ibsuun.

Milishaan gandaa garuu sababa obboleessi isaa raayyaa ittisa biyyaatti dabalamu dideef reebichi irra qaqqabuun wal'aansaaf hospitaala seenu himatan.

Bulchaan Aanaa Xuulloo Obbo Soofiyaan gama isaanitiin milishaan[Obbo Abdulsalaam] poolisiin walitti bu’e malee, dhimma raayyaa ittisa biyyattiin walqabatu miti jedhanii waakkatan.

Amma yeroo dhiyootti raayyaa ittisa biyyattii dabalamuuf fedharratti kan hundaa'e kan ture yoo ta'u, yeroo dhiyoon asitti dirqamaan waraanatti miseensa maatiisaanii waraanatti akka dabalan dirqisiifamu namoonni himatan jiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa lammilee nagaa dararuudhaan yeroo baayyee komiin irratti ka'a.

Ajajaa Ittaanaa Walii Galaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Julaa raayyaan ittisa biyyattii namoota nagaa akka hin dararre himanii turan.