Hakiima duuti tasaa akaakayyuusaa waldhaansa fayyaa akka baratu isa dirqisiise

Madda suuraa, Dr. Daawit
Yeroo ijoollummaa barsiisonni ykn maatin “gara fuulduraatti maal ta’uu barbaadda?” jedhanii yeroo gaafatan ‘hakima fayyaa ykn injinara ta’uun barbaada’ akka jedhaa ture yaadata.
Erga guddatee ammoo addatti ogummaa waldhaansa fayyaarratti akka xiyyeeffatu waan isa taasise mudannoo addaa qaba.
Daa’imummaa isaatti haadha isa deesse caala akaakayyuusaa waliin walitti dhufeenya addaa akka qabu kan himu Dr. Daawwit Amaaraa, guyyaa tokko akaakayyuunsaa dhibee istirookin qabamanii gara hospitaalaa deeman.
Akaakayyuusaa hordofee gaafa hospitaala dhaqu, waanta inni hin dagannetu isa mudate. Yeroo kana inni daa’ima ture.
Ogeeyyin fayyaa gaafa sana darabeen kansaanii ta’e waldhaansa hatattamaa gochuufii dhiisurraa kan ka’e akaakayyuunsaa paralaayizii ta’e du’e.
“Osoon ogeessa fayyaa ta’ee lubbuu akaakayyuu kootii nan oolcha ture,” xiiqin jedhu keessa isaa akka bule hima. Lubbuu akaakayyuusaa oolchuu baatus lubbuu kumaatamaa oolchu danda’eera amma Dr. Daawwit.
“Hakiima gaafa taatu rakkoo dhukkubsataa dhagahaa jiraatta,” jechuun dhukkubsattoonni fayyanii gaafa galan gammachuu sammuu guddaa akka kennuuf himu ogeessi fayyaa kun.
Barataa kutaa 12ffaa ta’ee osoo jiruu hakiima ta’uu akka qabu murteesssus namoonni ogummaan kun waggaa dheeraa akka itti fudhatu itti himnaan, inni garuu hanga fedhe fudhatuyyuu barachuu akka qabu of amansiise.
Magaala Maqaleetti kan dhalate Dr. Daawwit, bara 1991tti Yuunivarsiitii Jimmaa seenun ‘meedisiinii’ barachuu eegale.
Waggaa jahaaf erga baratee booda Hospitaala Addigiraatitti hakima ta’uun tajaajiluurraa hanga daayireektara hospitaalichaatti tajaajileera.
Boodarra Yuunivarsiitii irraa ispeeshaalistii dhibee keessaa ta’uun baruumsasaa xumuree Finfinneedhumatti hojii eegale. Boodarra kilnika dhuunfaa banuun hojjachuu eegale.
“Awurooppaafi biyyoota Eshiyaa deddeebi’ee muuxannoo fayyaa arge biyya kootti hojjachuuf fedhii qaban ture,” jechuun hiriyaansaa Angoolaa jiru tokko achi deemee akka hojjatuufi gama fayyaan biyyattiin ogeeyyii fayyaa baay’ee akka hin qabne itti hima.
Dr. Daawwit magaala Finfinneetti giddu gala fayyaa banuun doktaroota 22 qacaree akka hojjachiisu himuun, fuulasaa gara Angoolatti deebifachuu hima.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammiilen Itoophiyaafi Ertiraa 30,000 ol ta’an biyyattii keessa jiraachuu kan hubate Dr. Daawwit, magaala guddoo Angoolaa keessatti namoota biroo lama waliin ta’uun dolaara miliyoona tokkoo ol baasun Wiirtuu Meedikaalaa Girees jedhamu ijaarsisee xumuree jira.
Wiirtuu fayyaa kana keessatti baqaqsanii yaaluu dabalatee dabalatee waldhaansa gosa garaa garaa akka kennamu himuun namoota 60 ol qacaruun hojjaachiisa.
Yeroo itti aanutti ammoo babal’isuun ogeeyyii fayyaa 150 fayyaa qacaruun hojjachuuf karoora akka qaban hima.
Itoophiyaatti ogeeyyin fayyaa muuxannoo gahaa qaban heddu akka jiran kan himu ogeessi fayyaa kun, kanarraa ka’uun kilinika dhuunfaa banuuf akka murteessefi namoota heddu wal’aanuf onnatee jiraachuu kaasa.
Biyyoota Afrikaa garaa garaa imaluun galiifi haala jireenya ogeeyyii fayyaa biyyoota kanaa ilaaluf carraa akka argateefi baay’ensaanii dabalataan hojii qonnaa fa’aarratti bobba’anii akka jiran arguu himu.
“Itoophiyaatti garuu kan biraa hafee mana jireenyafi konkolaataa ittii deemaa dhukkubsataa yaaluyyuu hakiima argachuu hin dandeenyetu jira.
Ija ogummaatiin, ogeessi fayyaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu tokko konkolaataa ittiin deddeebi’ee tajaajila argachuun fedhii bu’uurati,” jedha.
Itoophiyaatti mootummaan ogeeyyin fayyaa carraa ittiin mana argatan akka mijeesufi konkolaataa qaraxarraa bilisaan galfachuu akka danda’an haala mijeessufii barbaachisaa akka ta’e kaasa ogeessi fayyaa kun.












