Hoggantoonni Olaanoo BBC hojii gadhiisan, Tiraamp yaada kenne

Daarektarri olaanaa BBC, Tiim Deevii fi itti gaafatamtuu olaantuun damee oduu Deeboraa Turnes, Dokumeentarii waa'ee Doonaald Tiraampi irratti hojjetame 'keessaa kutamuun gulaalamuu' hordofee qeeqamuun aangoo gadhiisaniiru.
Dokumeentari qophaa'e kana keessatti haasaan pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp "gulaalamuun" daawwattoota dogoggorseera jechuun qeeqa irratti ka'e fudhuchuun amanamummaa BBC'f aangoo gadhiisuuf kan murteessan.
Kunis barruun 'The Telegraph' jedhamu haasawaa Pireezidaanti Ameerikaa Doonald Tiruumpi yeroo jalqabaa aangoo qabataan jeequmsa Amajjii 2021 Kappitolitti muudate akka waan BBC'n ifatti jajjabeessetti erga dhiyeessen booda qeeqa BBC irratti ka'e hordofeeti.
Tiraamp, aangoo gadhiisuu Daarektarri Olaanaa fi Hojii Gaggeessituu olaantuu oduu BBC irratti yaada kennaniin, "Haasawa koo isa ajaa'ibaa, mudaa hin qabne jallisaan!" jedhan.
Sababa ''gulaaluu haasaa'' Doonaald Tiraamp irratti hojii gad dhiisuun hoggantoota miidiyichaa pirezidaantii Ameerikaa dabalatee akkasumas namoota siyaasaa UK biratti dhimma ijoo ta'eera.
Tirumpi , karaa miidiyaa hawaasa "Truth " jedhamu, taatteen raawwate kun BBC'n ''filannoo pirezidaantummaa keessa seenuuf'' yaaluu isaa agarsiisaa jichuun himan.
"Hoggantoonni olaanoo BBC hundi, dura taa'aa Tiim Deevi dabalatee, haasawa koo ajaa'ibaa (guutuu!) Amajjii 6 waan dabsaniif hojii gadhiisaa jiru." jedhan.
Gaazexaa Biriteen 'The Telegraph jedhamu " yaadannoo keessoo BBC'ti miliqe jedhame bal'inaan qoodera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yadannoon kun akka agarsiisutti sagantaa BBC Panorama haasawa Tiraamp kutaa lama walitti gulaalee jeequmsa Amajjii 2021 Kaappitoolii Ameerikaa keessatti uumame ifatti jajjabeessaa akka jirutti akka mul'atu taasiseera komiin jedhu irraatti dhiyaachu hordofee kan tarkaanfiin kun fudhatame.
Daarektarri fi hoji gaggeessituun oduu BBC guyyaa tokkotti hojii gadhiisuun waan baratame miti.
Deeviin waggoota shaniif itti gaafatamummaa kanarra kan turan yoo ta'u, "akkuma dhaabbilee ummataa hundaatti BBC'n mudaa hin qabu. Yeroo hunda banaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabaachuu qabna," jedhan Tiim Deeviin murtee isaanii Dilabata galgala beeksisaniin.
"Sababni kana qofa ta'uu baatuus, falmiin amma naannoo oduu BBC irratti mula'atu murtoo kootiif gumaacha godheera.
Walumaagalatti BBCn haala gaariirra jira, garuu dogoggorri tokko tokko mul'ateera, Sana akka hogganaa tokkootti itti gaafatamummaa guddaa fudhachuu qaba." jedhe
Hojii gaggeessituun oduu Debra Turnis falmiin dokumeenterii kana marsee ture ''hanga BBC miidhu irra ga'eera'' jette. itti dabaluunis'' itti gafaatamummaan narra jira'' jetteetti.
Hoggantoonni jireenya hawaasaa itti gaafatamummaa guutuu fudhachuu qabu. Kanaafis aangoo gadhiisaa jira.
Dogoggorri jiraatus BBC'n dhaabbata loogii qabu akka hin taane ifa gochuu barbaada," jechuun ibsite
Debra Turnes waggoota sadan darbaniif Hojii Gaggeessaa Oduu fi Dhimmoota Yeroo BBC' ta'uun hojjataa turte.

Madda suuraa, EPA
Yaadannoo keessoo gaazexaan 'The Telegiraaph' maxxanfame kun BBC'n waraana Israa'elii fi Gaazaa uwwisa isaa keessatti ''rakkina tarsiimoo'' jedhee ibse furuuf tarkaanfii fudhachuu dhabuu kaasa.
Waashingitan, DC, Amajjii 6, 2021, "Gara Kaapitol Hill hiriira ni deemna, akkasumas senaatoroota keenya ciccimoo fi miseensota kongiresii keenyaa fi dubartoota keenya ni jajjabeessina," jedhan Traamp haasawa taasisaniin.
Garuu wanti dokumeentarichi agarsiisu, "Gara Kaapitooliitti hiriira baana . . . anis isin waliin jira . Akkasumas wal lolla. Hanga dhumaatti wal lolla." jedha
Kutaaleen lamaan bakka adda addaa irraa muramanii deebi'anii jalqabaman kunneen gidduu isaaniitti qaawwi daqiiqaa 50 qaba.
Yaadannoo keessoo erga maxxanfamee booda, Waayit Haawus dabalatee qeeqni BBC irratti ka'eera, kunis miidiyichi ''oduu sobaa tamsaase'' jechuun ibseera.
Dura teessuu koree Aadaa, Miidiyaa fi Ispoortii Kaarooliin Diinaaj, Tiim Deeviin aangoo gadhiisuu isaanii ''yeroo hogganaa turanitti BBC fi tajaajila tamsaasa ummataaf kutannoo guddaa agarsiise'' ilaalcha keessa galchuun ''kan nama gaddisiisu'' jedhan.
Garuu itti dabaluudhaan "dhaabbaticha irratti amantaa deebisuun dursa qabaachuu qaba" jetteetti.
"Boordii BBC amma adeemsa dheeraa maqaa gaarii korporeeshinichaa biyya keessaa fi idil-addunyaatti deebisee ijaaruuf jalqabuu qaba."
Mootummaan amma "adeemsa gara fuulduratti tarkaanfachuu qaba" jechuun ummanni fi paarlaamaan egeree BBC bocuuf gumaachuu akka qaban ibsiteetti.















