Hayyuun maqaa guddaa, Pirof Andiriyaas, akkamiin yaadatamu?

Pirof. Andiriyaas Isheetee torban dura boqotan
Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Andiriyaas Isheetee torban dura boqotan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 9

Pirofeesar Andiriyaas Isheetee siyaasa Itoophiyaa ammayyaafi hayyuulee biratti maqaa haalaan beekamudha.

Falaasamaa ta’un isaanii, nama jaalachuu, dubbii bareechuu, barsiisaa cimaa, nama haasaa beekanifi qoosan akka ta’an namoonni isaan jaalataniifi barattoota isaaniin dubbatu.

Pirofeesar Andiriyaas tamboo baay’uma jaalatu, shurraabii biitils uffatu, muuziqaa keessumaa jaazii, mozaart fi Richaard Vaaginarif jaalala addaa qabu.

Akkuma hayyuu kana beekumsa isaanii guddaan kanneen jajan akkuma jiran, kanneen isaan qeeqaniifi maqaa isaanii karaa gaarii hin taane kaasanis jiru.

Fakkeenyaaf barattoonni Oromoo ALI Bara 1996 Yun. Finfinneetti gaaffii siyaasaa kaasun ari’aman keessaa tokko kan ta’e Nageessaa Oddoo, waa’ee isaanii yoo yaadu ‘’miidhaman’’ yaadadha jedha.

‘’Yaadannoo gaarii hin qabu. Jireenyi nama hedduu sababa kanaatiin faca’e. Nama hedduun biyyaa baqate.’’ Ari’amuu barattoota kanaan hoggantoonni siyaasaa yeroosis maqaan isaanii ni ka’a.

Haa ta’u malee, kanneen isaan jajaniis ta’e morman garuu Pirofeesar Andiriyaas Isheetee hayyuu sammuu qaroo akka ta’an hin waakkatan.

Andiriyaas Finfinnee Kiiloo 4’tti dhalatanii guddatani. Waggoota 79 dura ALI Bara 1937 abbaa isaanii Isheetee Tasammaafi harmee isaanii Manbara G/Maariyaam irraa Finfinneetti dhalatan.

‘’Maatii sadiitu na guddise jechuu nan danda’a’’ kan jedhan hayyuun kuni, kunneenis maatii, eessuma isaanii Obbo Jamaanah Allaabiso fi maatii Paankirast akka ta’an eeru.

Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa isaanii mana barumsaa Miniliik Kiiloo 4 argamutti baratani.

Waggoota muraasa dura turtii Gaazexeessituu Ma’aazaa Birruu waliin FM Shaggar irratti turtii dheeraa taasisaniin ‘’Miniliik mana barumsaa araadaati. Anis kanan guddadhe Kiiloo 4 dha,’’ jedhan.

Andiriyaas yunivarsiitiiwwan Ameerikaa maqaa guddaa qaban keessatti falaasama barataniiru, barsiisaniiru, akkasumas qorataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunivarsitii Qadaamaawii H/Sillaasee boodarras Yunivarsitii Finfinnee jedhame keessattis barsiisaniiru. Pirezidantii Yunivarsitii Finfinnee ta’unis hoggananiiru.

Ministira Muummee duraanii Mallas Zenaawwiifi H/Maariyaam Dassaalany gorsaniiru.

Heera Itoophiyaa qopheessuu keessatti qooda olaanaa qabu turan.

Piroofeesar Andiriyaas Komishinii Heera Mootummaa Wixineessu keessatti gaheen isaanii warra Heericha qopheessaa turan akka Obbo Kifilee Wadaajoo fa’i gargaaru akka ture ibsu.

‘’Sana gochuun kabaja guddaadha,’’ kan jedhan Pirofeesar Andiriyaas ‘’carraan lammataa ni jiraata jedhee yaadee hin beeku’’ jedhu.

Yunivarsitii Pensilveeniyaa keessatti hogbarruu kan barsiisan Pirofeesar Daagmaawwii Wubishat hiriyaa yeroo dheeraa Pirof. Andiriyaasidha.

Waggoota 15 dura Pirof. Andiriyaas waliin gaaffiifi deebii dheeraa tolchanii turan.

‘’Umrii kiyya keessatti hiriyyoota gaarii tolfadhe jedhu keessaa tokko Andiriyaasidha,’’ jedhu Pirof. Daagmaawwiin.

‘’Hunda caalaa nama nama jaalatanidha. Bilisummaa namaatti hin bu’ani,’’ jechuun ibsu.

Pirofeesar Andiriyaas ALI Hagayya 23, 2016 ture lubbuun isaanii kan darbe.

Nama warraaqsaa, falaasamaa, barsiisaa, nama biyya jaalatan ta’un isaanii namoota baay’ee biratti akka yaadataman isaan taasisa.

Nama warraaqsaa idil-addunyaa

Andiriyaas Isheetee yeroo Ijoollummaa

Madda suuraa, Embaasii US

Pirof. Andiriyaas ‘’lafni qonnaan bulaaf’’ jechuun dhaloota harka bitaa isaa ol kaasuun qabsaa’e keessaa tokkodha. Sochii barattootaa keessaa hirmaataa turan.

‘’Dhaloota san’’ siyaasa Itoophiyaa jijjiire keessaa tokkodha.

Biyyarra darbees waa’ee qabsoo walqixxummaa fi bilisummaa keessas qooda fudhataa turan.

Barattoonni rifeensa guddifatan daandiiwwan Finfinneerratti waa’ee ‘’ummata cunqurfame’’ yeroo qabsaa’an, isaan Kaaba Ameerikaatti miseensa Waldaa Barattoota Itoophiyaa turan.

Barri suni bara qabsoon gurraachota Ameerikaa finiines ture. ‘’Sosochii lammiilee Afrikaa Ameerikaa hawwii guddaan eegaan ture. Gaafa eegale garaa guutuun keessatti hirmaachaan ture,’’ jechuun yaadatu.

Hayyuun kuni yeroo Ameerikaa deman sanyummaan isaan qunname ‘’baay’ee keessummaa akka itti ta’e’’ Ma’aazaa Birruuf dubbataniiru.

Gaaffii fi deebii kanarratti waan isaan qunname yoo ibsan ‘’sanyummaa kana waan hin eegne ture. Hammi mirgi dhiibamuu gara hin qabu, hiyyummaanis kan adda ta’edha. Baay’ee baay’ee kan nama mufachiisudha,’’ jedhan.

Mufiifi xiiqiin kunimmoo hiriira fi mormii Bilaak Paantars qopheessurratti akka hirmaatan sababa ta’eera.

Hirmaannaan siyaasaa Andiriyaas Ameerikaa qofatti hin daangeffamne.

Lammiileen biyya isaanii siyaasni gara bitaa yeroo caalsifatanii dubbii Markis fi Leenin eeran Andiriyaasis siyaasa gara bitaatti caalsisatanii turan.

Ameerikaa ta’anii waa’ee cunqursaa sabaafi kutaa hawaasaa, impeeriyaalizimii, mootummaa ummataa hundeessuu yaadaniiru, mufataniiru, falmaniiru akkasumas barreessaniiru.

Gaaffiin sabaa kana dura ka’aas turu barattoota biratti garuu guddatee kan ka’e ALI Bara 1960 keessa ture.

Yeroo kanatti ture Waalaliny Mokonnin ‘’Gaaffii sab-lammoota Itoophiyaa keessatti’’ barreeffama jedhu barruu waldaa barattootaarratti kan maxxanse.

Barreeffama ‘’Itoophiyaan saba tokko qofa miti’’ jedhe keessatti jechuudha.

‘’Qabsoowwan bilisummaa sabaa kaayyoo fottoquu qabaatanis, hanga soshaalistii ta’anitti deeggaramuu akka qaban,’’ bal’inaan ibse.

Yeroo kanatti ture Itoophiyaatti dhimmi gaaffii saboota gaaffii hin dhiifamne ta’utti kan ce’e.

Andiriyaas Isheetee bara dargaggummaa

Madda suuraa, SM

Waldaan Barattoota Itoophiyaa Kaaba Ameerikaatti argamuufi Pirof. Andiriyaas miseensa itti ta’an dhimma kanarratti mari’atee ture.

Yeroo marii taa’u ‘’gaaffii sabaa’’ isa jedhurraa ‘’gaaffii naannawaa’’ jecha jedhu filate.

Qorataa seenaa kan ta’an Pirof. Baahiruu Zawudee yaa’iin waldichaa ‘’gaaffii fottoquufi naannummaa balaaleffachuun xiyyeeffannoon ijoo warra tarkaanfataa qabsoo gitaarratti akka ta’u lafa kaa’e,’’ jedhu.

Ejjennoon waldaa kanaa namoota warraaqsaa Aljeriyaa jiraniin akka jabaatti qeeqame.

Kunneen maqaa qalamaa Xilaahun Taakkala jedhun qajeeltoon namoota warraaqsaa ‘’mirga hiree ofii murteeffachuu hanga fottoquutti’’ ta’u qaba jedhan.

Waggaa tokko booda Pirofeesar Andiriyaas maqaa qalamaa ‘Tumtuu Leencoo’ jedhuun barreeffama ‘’the question of nationalities and class struggle in Ethiopia’’ jedhu barruu barattootaa Chaalenj jedhamturra baasan.

Xilaahun Taakkalaaf deebii ta’u isaati.

Andiriyaas maqaa Tumtuun barreeffama baasaniin ‘’gaaffiin sabaa gaaffii gitaatti aanee sadarkaa lammaffaarratti ilaalamuu’’ kan qabu akka ta’e ibsuun falman.

Sochiiiwwan bilisummaa deeggarsa namoota warraaqsaa kan argatu ‘’hanga qabsoo farra fiwudaalaafi farra farra impeeriyaalizimiif danqaa hanga hin taanetti,’’ jedhan.

Andiriyaas barreeffama isaanii kana keessatti ‘’kaayyoon hiree ofii ofiin murteeffachuu fottoquu osoo hin taane bulchiinsa qaama biyyaa of bulchan’’ ijaaruu ta’u akka qabu ibsan.

Barreeffamni barruu Chaalenj irratti maqaa qalamaa Tumtuu jedhuun bahaa ture barreeffamoota kaan barruu kanarraa bahaa turanirraa bilchaataa akka ture Pirof. Baahiruu kitaaba isaanii ‘The Quest for Socialist Utopia’ jedhuurratti ibsaniiru.

Pirof. Daagmaawwiinis yaada Pirof. Andiriyaas kanaan waliigalu.

‘’Andiriyaas yaadota siyaasaafi falaasama walxaxaa ta’an [jecha] salphaan dhaamsa dabarsuu danda’u. Nama falaamaa ta’anis barreessaa cimaadha,’’ jedhu.

Andiriyaas Isheetee sochii baratgtootaa keessatti hirmaateera

Madda suuraa, SM

Nama Filoosoofii Andiriyaas Isheetee

Walakkaa jaarraa tokkoon dura ture. Dargaggeessi Itoophiyaa abbaa goofaree Ameerikaa, Vermont baadiyaa keessa osoo saffisaan konkolaachisaa jiruu poolisii tokkoon akka dhaabu kan taasifame.

Dargaggeessi kun barataa ta’uufi saffisaan oofuu isaatiif dhiifama gaafate.

Dhiifama isaa caalaa barattummaa abbaa goofaree kanarra qalbii isaa kan buufate poolisiin, “maal baratte? Manni-barumsaakee ammoo eessadha? Gaaffiiwwan jedhan dhiyeesseef.

“Wiliyaams Kollejji keessattin Filoosoofii baradha,” jechuun deebise dargaggoon kun.

“Eessaa dhufte?” kan jedhu gaaffii poolisii itti aanu ture. “Itoophiyaa” jedhe.

Poolisichi itti aansuun ‘Filoosoofiin maal siif godha?” jedhee gaafate.

Kun deebii barame akka ture kaasa dargaggeessi yeroo sanaa Andiriyaas Isheetee. Andiriyaas waggoota 15 dura ture Piroofeesar Daagimaawwii Wubisheet waliin turtee taasisaniin, “Itoophiyaanota dabalatee namoonni baayyeen gaaffii wal fakkaatu akka na gaafatan nan yaadadha,” jedhan.

Andiriyaas, “yeroo sanatti Saayinsiin Hawaasaa kan hin taane ture” jechuun kanaaf sababa isaa dubbatu.

Yeroo isaan gara mana-barumsaa deemanitti, keessumaa biyya iyyeettii akka Itoophiyaa taate keessaa namoonni dhufan barachaa kan turan warra akka barnoota Ikonoomiksiifi barnoota fayyaa ta’a bu’aa qaban turan.

Piroofeesar Andiriyaas gosa barnootaa kaan barachuu jalqabanii ture. Garuu tokkoon isaaniillee qalbiisaatti dhiyoo hin turre.

Barnoota wagga jalqabaa turetti koorsiin tokkichi isa gammachiise waa’ee walaloo ta’uu kan yaadatan Andiriyaas, Filoosoofiin qalbii isaanii hawwate.

Isaan boodas Filoosoofii ykn Falaasama waliin wal kudhaammatan. Falaasama baratan, Falaasama barsiisan,Falaasama qoratan.

Andiriyaas Wiliyaams Kollejjirraa digirii jalqabaa Falaasamaan fudhataniiru. Digiriin isaaniiyyu qophaa isaatti gaazexaa biyyaalessaarratti oduu bahe ture. Yeroo sanatti gaazexaan Addis Zaman, Andiriyaas Isheetee digirii maaragaa argatan” oduu jedhu baasee ture.

Andiriyaas Wiliyaams Kollejjirraa erga eebbifameen booda yeroo sana Qadamaawwii Hailesillaasee Yunivarsiitiitti wagga tokko barsiiseera.

Itti aansuun gara Ameerikaatti deebiyee Keel Yunivarsiitiitti doktiratii isaanii Falaasamaan argataniiru.Haqa, bilisummaa, ammayyummaafi obbolummaa (fraternity) irratti barreeffamma Andiriyaas barreessan nama karaa Falaasamaa hin darbine birattillee osoo hin hafiin ni beekamu.

Andiriyaas mata-duree ‘On Fraternity’ jedhuun wagga 43 dura barreeffamni barreesse hanga har’aatti marii kamiyyu keessatti ijoo dubbii miyeessitu ta’ee gargaara.

Piroofeesar Andiriyaas, “obbolummaan Soshaalizimiifi sochiiwwan ummataa keessatti bakka qabu tureen alatti yaada bu’uuraa ta’ee natti hin mul’atu waan ta’eef kun dogoggora natti fakkaata,” jechuun turtii Ma’aazaa Birruu waliin taasiserratti dubbatee ture.

Piroofeesarichi itti-dabaluun, “dhabbiin sirnoota bilisummaafi walqixxummaa bu’uura hin godhatiin kanaaf [obbolummaaf] xiyyeeffannaa kennuu dhabuu isaaniitiinidha,” jedhu.

Piroofeesar Andiriyaas barreeffama isaanii keessatti, “namoonni gidduusaanii miirri obbolummaa akka jiraatu maal waliif qooduu qabu?” gaaffii jedhuun jalqabu. Piroofeesar Andiriyaas obbolummaan sivikii kan uumamu firooma uumamaan ykn jaalala irratti osoo hin taane namoota kaayyoo tokko qaban gidduutti hariiroo ykn waliigaltee jiruunidha jedhu.

Yaada ammayyummaa irratti kan barreessan namoota hedduu biratti kan beekamu Pirofeesar Andiriyaas, “ammayyummaan kan nundaati, galma waloo osoo hin taane carraa waloofi aadaa ummataati,” jedhu.

Piroofeesar Andiriyaas Safartuun ammayyummaati kan jedhan, ‘Sekulaariizim kan jedhu amantaarraa ykn bifa biraan amantaan namni barmaatumaan hordofurraa adda baasuu/gargara baasuudha. Akkasumas, bilisummaa dhala namaa dhugoomsuudha.

Kana hordofee ammoo heeddumminni yaadaa jiraachuu akka danda’u kaasu. Kana hordofees, “yaadonni garagaraa kan waliif hin galle fakkaatan ni dhiyaatu,” jedhu.

Piroofeesar Andiriyaas, sochiin barattootaa amayyummaa Itoophiyaa yoo dhalchu “abaarsaaf nu saaxileera” jedhu.

Akka ibsa isaaniitti, carraaqqii Itoophiyaan ammayyummaa dura kan ture kaleessasheerraa adda bahuun kaayyoo barbaadameef qaqqabuu baatus, Sooshaalizimiitiif qophiin qaba ture abjuuwwan garagaraa itti fakkeessee darbeera.

Abjuuwwan hin qabatamne kanneen keessaa dinagdeen to’annoo mootummaa jala ta’uufi tarkaanfiiwwan murteessoo muraasa guddina dinagdeefi haqa ni argamsiisa kan jedhudha.

“Qonnaan-bultoonni dirqamoota abbaa lafaa jalaa waan bahaniif qofa iyyummaa keessaa akka bahaniif maaliif eegama?” gaaffii jedhu kan kaasan Piroofeesar Andiriyaas, “Beelaafi iyyummaarraa bilisa ta’uun gara dinagdee industiriin durfamutti ce’uun hin danda’amne. Faalaa isaatiin ammoo qonnaan-bultoonni kan duraan abbaa lafaatiin irraa fudhatame caalaa dirqamoota mootummaatiif bitamoo ta’aniiru,” jechuun ibsu.

Pirofeesar Andiriyaas Itoophiyaatti kaayyoon Sooshaalizimii huma waraanaatiin butamee aangoo mootummaa ittiin butachuufi mirgaafi bilisummaa lammilee kan ukkaamse gita bittaa gara jabeessa ta’e cimsuuf ooleera jedhu.

Andiriyaas Isheetee bara gahummaa

Madda suuraa, Fana

Yeneettaa Andiriyaas, Pensilveeniyaarraa hanga Kiiloo Ja’aatti

Barattoonni isaanii Pirofeesar Andiriyaas Isheetee safartuu barsiisummaafi beekumsaa (hayyummaa) ta’uu isaanii dhugaa ba’uuf. Beekumsa warra Lixaafi akadamii isaanii keessatti dhaabbileen maqaa gurguddaa qaban keessatti Falaasama barsiisaniiru.

Yunivarsiitiiwwan kanneen keessaa Pensilveeniyaa, Barkilee, Biraawun fi Los Aanjalas keessatti kan argamu Yunivarsiitiin Kaalifoorniyaa warra eeramanidha.

Andiriyaas bariisummaa kan jalqaban Qadaamaawwii Hayile-sillaasee Yuniversiitii keessattidha. Erga Wiliyaams Kollejjirraa eebbifamanii booda wagga tokko Yuniversiiticha keessatti Falaasama barsiisaniiru.

Manneen-barnootaa Ameerikaa keessatti maqaa guddaa qaban keessattis barsiisummaan tajaajilaniiru. Piroofeesar Andiriyaas waa’ee barsiisummaa yeroo dubbatan, “barsiisummaa jechuun dargaggoonni umurii isaanii reefuu ta’e keessatti addunyaa biraa akka arganiif, isaanis addunyaa haaraa akka barbaadaniif qopheessuudha” jedhanii ture.

Barsiisaan kan itti boonu “nama isa caaluufi isaan ol ta’e omishuudha” kan jedhan Andiriyaas, “namoonni akkasii xiqqoo ta’anillee horadheera amantaa jedhun qaba, isaan baayyeen boona,” jechuun waa’ee barsiisummaa isaanii dubbataniiru.

Pirofeesar Andiriyaas barattoota isaaniitiin hedduu kan jaallataman ture. Yunivarsiitii Finfinnee Mana-barumsaa Seeraa keessatti Falaasama Seeraa barsiisaniiru.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraay yeroo ammaa Obbo Getaachoo Raddaa barataa Piroofeesar Andiriyaas turan.

Obbo Getaachoon waa’ee barsiisaa isaa durii kan yaadatu, “Pirofeesar Andiriyaas barsiisaa baayyee cimaa ta’edha. Falaasfaa ‘nama nama urgaa’u, yaadawwan ulfaataa fakkaatan jechoota salphaatiin ibsuu kan danda’udha. Waan hunda caalaa garuu biyyaafi ummatichaas jaalala guddaa kan qabudha,” jechuun BBCtti dubbataniiru.

Hariiroon Pirofeesar Andiriyaas fi Obbo Getaachoo michummaa barataafi barsiisummaarra darbe ture.

“Namoota baayyee dura ta’ee yeroo koo hedduu irratti dubbachuudhaafi ibsuurrattin dabarsa. Andiriyaas waliin yeroo ta’u garuu dhaggeeffachuu qofaanan yeroo koo hedduu dabarsa,” jedha Getaachoo Raddaa.

Barataan biraa Piroofeesar Andiriyaas Hasan Mohaammed faana isaanii hordofuun barsiisaa ta’aniiru. Yunivarsiitii Maqaleetti Seera kan barsiisan Hasan , “Piroofeesar Andiriyaas barsiisummaa akkan jaalladhu na godheera, ani gama kiyyaan [barsiisummaa] akkan jaalladhuufi gara ogummaa kanaatti akkan galu kan na godhe isadha,” jedhu.

Andiriyaas nama sa’aatii kabajudha. Osoo sa’aatiin isaani itti barsiisan hin ga’uun daqiiqaa 30 dursanii kutaatti akka argaman yaadatu barsiisaa Hasan.

Barattoonni kutaa Pirofeesar Andiriyaasitti hin ramadamiin hafan osoo hin hafiin barnoota isaanii hordofuudhaaf daree isaan barsiisan seenu ture. Tokko tokko ammoo digirii baadhatanii, eebbifamanii barsiisa isaanii dhaga’uudhaaf daree kan seenani turaniiru. Isaan akkasii keessaa tokko Qumillaachoo Daanyee tokko ture.

Pirofeeser Andiriyaas Inter Afrikaa Giruup yeroo hojjechaa turanitti itti gaafatamaa Qumullaachoo turan.

Qumillaachoon akka itti gaafatamaa isaatti kan ilaalu Pirofeesar Andiriyaas Isheetee barsiisaa mudaa hin qabne akka ture raga ba’uuf. Barnoota ‘Jurisprudence’ jedhamu yeroo barsiisanitti haala baayyee nama gammachiisuun waan barsiisu tureef barnoota yoon xumures akka barataa idileetti daree seeneen hordofan ture,” jedha.

“Yoomiyyu kan isa bakka bu’u ni argama jedhee hin yaadu. Beekumsi Andiriyaas, bilchinni isaa, yaadni isaa gadi fagoon nama hiriyyaa hin qabne isa taasisa,” jechuun Andiriyaasiin yaadata.

Obbo Getaachoo Raddaa gamasaatiin, “kan qixxee hin qabne haala jechuun danda’amuun, nama sammuu qaroo qabu ture,” jechuun ibsa.

Pirifeesar Andiriyaas sammuu qara qabaachuun isaa wal nama hin falmisiisu. Yaandi Falaasamaa Pirofeesar Andiriyaas, “bal’inas, gadi g=fageenyas kan qabu” ta’uu kan yaadatu Daagimmaawwii Wubisheet, “kun of kennuu hin baratamiinidha,” jedha.

Hasan Mohaammed, “Andiriyaas lafadha, nama gadi of deebisudha, barsiisaa kabaja qabudha. Akka beekumsa isaa miti,” jechuun barsiisaa isaa yaadata.

Namni warraaqsaa Andiriyaas, namni Falaasamaa Andiriyaas, namni gadi of deebisu Andiriyaas, ogummaa aarti ikan jaallatu Andiriyaas amma boqoteera.