Daandiin qilleensaa Indiyaa doorsisa boombii sobaan miidhamaa jira

Daandiin qilleensaa Indiyaatti  dorsiisni boombii sobaa haala ajaa'ibsiisaan dabaluu isaatin tajaajilli balallii bal'inaan akka addaan citu taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Daandiiwwan qilleensaa fi buufatni xiyyaaraa Indiyaa bara kana hanga Sadaasa14tti doorsisni boombii sobaa kuma tokkotti siqu irra ga'uu itti aanaan ministeera siviil aviyeeshinii biyyattii paarlaamaatti himaniiru.

Kunis doorsisa bara 2023 mudate irraa gara dachaa 10 caala jedha Murlidhar Mohol.

Dorsiisni akkasii kun bara kanaa keessaa 500 ol kan ga'e torban lamaan dhumaa baatii Onkoloolessaa darbe keessa qofa.

Dorsiisni sobaa haala ajaa'ibsiisan dabaluu isaatiin sagantaawwaan balallii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta'u, tajaajilichi bal'inaan akka addaan citu taasiseera.

Dorsiisni dhiheenya kana mudate hundi kan soba ta'uu kan himan aanaan ministeera siviil aviyeeshinii biyyattii Murlidhar Mohol ''buufata xiyyaaraaykn xiyyaara Hindii kamiyyuu irratti balaan qabatamaan muudate hin jiru'' jedhan.

Poolisiin doorsisa kanaan walqabatee komiiwwaan 256 galmeessee, namoota 12 to’annoo jala ooluu ministirichi beeksisaniiru.

Garuu dhimmoonni kun sobni akkasii kanaan dura hin baramne dabaluu agarsiisa.

Bara 2014 fi 2017 gidduutti aanga'oonni akeekkachiisa sobaa boombii 120 buufata xiyyaaraa qofa irratti galmeessanii kan turan yoo ta'u,kan walakkaan isaa ta'u buufata xiyyaaraa gurguddoo biyyattii Delhii fi Mumbaayitti akka ta'e ibsameera

Dorsiisni sobaa baatii Onkoloolessa darbe kana keessa mudate balallii irraan dhiibbaa geessisuun, baalliiwaan kaan kan harkifatan yoo ta'u, kaan ammoo sagantaa isaanii gara biraatti jijjiiraniiru.

Balaliiwwan gara biyyoota birootti imalan irratti doorsisni sobaa taasifamuunis dhaabbileen idil-addunyaa akka kana keessa seenan taasisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baatii Onkoloolessaa keessa Humni Qilleensaa Singaapoor doorsisa boombii hordofuun xiyyaara waraanaa lama erguun xiyyaara Air India Express eegee ture.

Baatidhuma kana keessa xiyyaarri Air India kan biraa Niiw Deelii irraa gara Chikaagootti balali'aa ture buufata xiyyaaraa Kaanaadaa keessa qubachuuf dirqamee ture.

Imaltoonni balallii kanarra turan booda xiyyaara Humna Qilleensaa qondaaltota Kaanaadaan bobbaafameen gara Chikaagootti geeffamaniiru.

Ministeerri siiviil aviyeeshinii Hindii yeroo sanatti hojii balallii eeguuf ''tattaaffii danda'ame hunda'' gochaa akka jiru ibse.

Buufatni xiyyaaraa Hindii koree qorannoo fi madaallii balaa boombii kan qabu yoo ta'u, koreen kun hamma balaa kanaa madaalee tarkaanfii bu'uura kan fudhatuudha.

B. Balaan tokko gareen boombii itti gatan, saawwan urgaa'an, ambulaansii, poolisii fi hakiimonni akka hirmaatan taasisuu danda'a.

Koreen kun garee ogeeyyota dhimma kan irratti qorannoo godhan,saroota foolii fuudhan, Ambulaansii, poolisiifi garee hakimootaa kan hammateedha

Sababa doorsisaa kanaan harkifannaa sa'aa balallii muudatu irraa kan ka’e daandiiwwan qilleensaa fi dhaabbilee nageenyaa irratti miidhaa doolaara kumaatamaan lakkaa’amu ga'uu danda’a.

Bara darbe Hinditti imaltoonni miiliyoona 150 ol balali’uu isaanii ministeerri siiviil aviyeeshinii beeksiseera.

Buufata xiyyaaraa idil-addunyaa 33 dabalatee buufataalee xiyyaaraa hojiirra jiran 150 ol irraa guyyaa guyyaan balalliin kuma 3 ol gara biyyatti dhaqu,ykn achirra balali'u.