Arseenaalii fi Biraayitan dogongora murteessaatiin qabxii guutuu erga dhorkamaniin booda walgahiin murteessitootaa waamame

Ayivaan Toonii erga goolii garicha wal qixa taasisee galcheen booda

Madda suuraa, Getty Images

Walitti qabaan Waldaa Oggeessota Murteessitootaa kan Piriimer liigii Ingliizii hogganu (PJMOL), Hawaard Weeb, taphawwan liigii irratti dogongorri mudachuu hordofee walgahii waaman.

Waancaa Addunyaa murteessummaadhaan tajaajilanii kan beekan Hawaard Weeb, taphawwan guyyaa Sambataa taphatamanii turaniin dogongoraaf kan saaxilaman Arseenaalii fi Biraayitan bilbila bilbiluu saanii ibsaniiru.

Bireentifoordi irraa kan ta’e Ayivaan Tooniin taphataa taphaan ala (offside) ture irraa kubbaa fudhachuun goolii garicha wal qixa taasifte galchuun isaa gareen Arsenaal qabxii sadi guutuu akka dhaban taasiseera.

Gooliin Kiristaal Paalaas lakkoofsisee ture ammoo taphaan ala jedhamuun dogongoraan haqamuusaatti garicha Paalaas waliin qabxii qooddachuuf dirqameera.

Tapha Arseenaal Bireentford waliin taphachuun tokko wal qixa itti baheen, kubbaan Arseenaala irratti lakkaa’ame ammo kan taphattoota taphaan ala turan irraa dhufeen turte.

Murteessaan VAR guyyichaa, Lii Meesan goolii Bireentifoordi walqixa taasifte taasifte yoo deebiisanii viidiyoon ilaalan, taphataan kubbittii gooliif sirreessee itti dabarse taphaan ala kan ture ta’uun mirkanaa’eera.

Lii Meesan mmoo kan daqiiqaa 75ffaa irratti goolii lakkoofsiisee Ayiivaan Toonii akka qaqqabduuf mataadhaan kubbaa kan dhawe ture Noorgaardi taphichaan ala ta’ee, ta’u dhabee mirkanneessuuf sirna VAR'tti fayyadamuun osoo sarara hin sarariin hafaniiru.

Osoo gooliin Ayivaan Toonii haqamte ture, dursaan liigichaa Arseenaal sadarkaa lammaffaadhaan kan hordofaa jiru Maanchiistar Siitii waliin Jimaata dhufaa osoo wal hin argiin dura garaa garummaa qabxiisaanii shan gochuu itti fufuu danda’a ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warri Biraayitan tapha Kiristaal Paalas waliin taphataniin dogongora murteessaatiin gooliin galchan haqamuun qabxiiwwan murteessoo ta’an sadii argachurraa dhorkamaniiru.

Lammiin Ikuwaawoor Peerviis Isituupiinyaan gareesaa Biraayitaniis daqiiqaa 32ffaa irratti goolii lakkoofsiisulleen, erga sararri argama taphattootaa dogongoraan sararameen booda, gooliin sun taphaan ala jedhamuun haqameera.

Guyyaa sana murteessummaa viidiyoo irratti ramadamanii kan turan Jeemsi Poolkiinsi sarara dogongoraan sararunsaanii ibsameera.

Liigicha irratti dogongorriiwwan ‘‘ilmaan namaa’’ lamaan kunneen mudachu hordofee, walgahii Hawaardi Weeb waaman kanarrattis murteessitoota taphawwan liigii Awurooppaa dursaniin alatti murteessitoonni hundi ni argamu jedhameeti eegama.

Walitti Qabaan Waldaa Murteessitootaa, Hawaard Weeb, dogongorawwan murteessummaa irratti mudataa jiran irratti, akkasumas taphatoonniifi leenjiiftoonni akka sirna murteessummaa irratti amantaa qabaataniif dogongorri wal fakkaatu irra deebiin akka hin mudannemurteessisoota waliin ni mari’atu jedhameera.

Tapha Biraayitaniifi Paalaas irratti dogongora kan raawwatan Joon Biriiksi tapaha har’a Evertanii fi Liivarpool akkasumas Roobii dhufaa ammo taphawwan murteessoo Arseenaaliifi Siitiin taphatan irratti murteessaa Vaar (viidiyoo) ta’unsaanii mirkanaa’eera.