Gochi dubartoota ajjeesanii 'haarsaa gochuu' Indiyaatti naasuu uume

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Bulchiinsa kibba Indiyaa Keraalaa keessatti poolisiin namoota sadii kan dubartoota lama aarsaadhaaf ajjeessaniiru jedhe to’annoo jala oolchera.
Qaamni hafteen dubartoonni garaa garummaa ji’ootaan ajjeeffamaniiru jedhaman kunneenis Onkolooleessa 11, 2022 argame.
Himatamtoonnis abbaa waraafi haadha warraa, akkasumas nama gara biraa tokko yoo ta’an, dubartoota kanneen osoo hin ajjeessiin dura ‘‘garmalee dararaa’’ akka turan poolisiin dubbateera.
Himatamtoonnis yakkicha raawwachuu ammanuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachus himan.
Haata’u malee, himatamtoonni to’annoo poolisii jalatti argaman dhimma himannaa kanarratti omaa hin jenne.
Akeekkachisa: Barreeffamni kun odeeffannoo dubbistoota jeequu malu of keessa qaba.
Dhimmi ajjeechaa sukkaneessaa mata-dure gabaasa miidiyaalee biyyattii ta’e kun Keraalaa bulchiinsota Indiyaa guddataa jiran keessaa tokko taateetti dhagahamuun hedduu naasise.
Namoonni himataman kunneen waan akka nama fayyiisuutti kan himameef Baagaavaal Siing fi haadha warraa saa Layilaa, akkasumas tolchituudha kan ofiin jedhu Mohaammad Shaafii akka jedhaman poolisiin ifa taasiseera.
Manni murti Magaalaa Kochiiny keessatti argamu guyyaa Roobii akka torbanoota sadiif to’annoo mana murtichaa jala turaniif murtee dabarseera.
Komishinarri poolisii Koochiiny, Sii’ech Nagaaraajuu, ajjeechaan kun kan raawwatame baatii afur dura ta’uufi sirna waaqeeffannaa‘‘ maallaqaafi faayidaalee biraa’’ argachuuf taasifameen akka ta’e shakkiin qaba jedhan.
Sababiin ajjeechaa kana duba jirus tilmaama akka ta’eefi erga jechi isaanii dhagahameen booda qorannoon kan irratti gaggeeffamu ta’uu himan.

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Indiyaa keessatti qabeenyaa horachuuf, dubartoonni akka dahaniif, dhukkuboota garaa garaa irraa fayyuuf, akkasumas roobni akka robuuf jecha tolchaafi yeroo tokko tokkos sirni waaqeeffannaa ni taasifama.
Namoonni ajjeeffaman kunneenis kan Koochiinitti tikkeetii lootarii gurguruun jiraatan yoo ta’an, maallaqa isiniif kenniina jechuun himatamtoota akka soban poolisiin dubbateera.
Jarris dubartoota kanneen fudhachuun erga murmasaanii qaluun ajjeessaniin booda qaama isaanii kukkutaniiru.
Haftee lafee dubartoota kanneenii ta’uun kan shakkame tokkos guyyaa Kibxataa bulchiinsa Paataanaamtiitaatti kan argamu dhiheenya mana jireenyaa Baagaavaala keessaa qotamuun baafameera.
Qaama cicitaa kanas maatiin dubartoota kanneenii adda baasuu waan hin dandeenyeef qorannoo DNA’f ergameera.
Dursaan Ministira biyyattii Pinarayi Vijayan yakkichaan ‘‘kan sammuu namaa qorudha’’ jedhan.
Sababii amantaa hin taaneetiin namota ukkaamsuufi ajjeessuun bulchinsoota akka Keraalaa jiraniitti ‘’yakka yaada ilamaan namaatiin olii ta’eedha,’’ jedhan.

Madda suuraa, ARUN CHANDRA BOSE
Miidhamtoonni eenyufaadha?
Dubartoonni ajjeeffaman Paadmaam fi Rooziilii kan jedhaman ta’uu poolisiin himeera.
Dubartiin wagga 52 Paadmaam bulchiinsa Daarmaapuraam jedhamu irraa dhufuun magaala Koochiin keessa jiraataa kan turte yoo ta’u, dubartiin biraa kan umuriin wagga 49 Rooziilii ammoo bulchiinsa Katiriisisur jedhu irraa dhufuun bakka Kaalaadii jedhamu jiraataa turte.
Ilmi Paadmaam haatiisaa akka badde Fulbaana keessa poolisiitti gabaaseera. Paadmaan baatii Guraandhalaa irraa kaaftee magala Kochiin keessa kutaa tokko kireefachuun jiraataa turte.
‘’Qofaa jiraataa turte. Yeroo hunda galgalas naaf bilbilaa turte’,’ jechuun ture obboleettiin ishee BBCtti kan himte.
Paalaaniyaamaan irra dedeebin obbooleettii isheef bilbiltuus guyyootaaf deebii omaa argachuu waan dadhabdeef, haalicha adda baasuuf gara mana jireenyaa obbooleetti isheetti qajeelte.
Manni obboleetti ishe furtuun cufamuufi bilbilli ishee baduu dubbatti.
Poolisiin wayita bilbila Paadmaan hordofutti bakka Koochiin irraa fageenya kilomeetira 113tti argamu Paataanaamitiitaatti argate.
Himatamtoota keessaa tokko kan ta’e Shaafiin irraa yeroo hedduu akka bilbilameef mirkaneessan.
Yoo bilbilli Shaafii qoratamuttis, himatamtuu biraafi kan naannicha jiraatu Siing waliinis walii bilbilanii akka turan poolisiin adda baafachuu danda’eera.
Siingis wayita poolisiin gaafatameetti gochicha amaneera.
Poolisiin qorannoo dabalataa wayita gaggeesseetti Siing, gargaarsa haati warraa iaafi Shaafiitiin dubartii Rooziilii jedhamtu irratti ajjeechaa raawwachuu dubbate.
‘‘Yakka ajjeechaa baayyee adda ta’eedha. Ajjeechaawwan kunneen sirriitti yoom akka raawwatamaniifi ajjeechaawwan gara biraas jiraachuu adda baafachuuf yaalaa jirra,’’ jechuun Inspektar Pii Piraakaash gaazexessitootatti kan himan.












