Meejar Jeneraal Faaxumaan dubartii jalqabaa humna qilleensaa Keeniyaa ajajju taate

Madda suuraa, Kenya Defence Forces/X
Pirezidantiin Keeniyaa Waliyaam Ruutoo seenaa Keeniyaa keessatti dubartii ajajjuu humna qilleensaa jalqabaa muudan.
Meejara Jeneraal Faaxumaa G. Ahimad aangoo waraanaa olaanaarratti muudamuudhaaf seenaa Keeniyaa keessatti dubartii jalqabaati.
Meejara Jeneraal Faaxumaan ajajaa humna qilleensaa duraanii balaa helekooptaraa dhiyeenya qaqqabeen lubbuu dhaban bakka bu'e Chaarles Kahaariir waliin muudamte.
Balaa kanaan ajajaa waraanaa waliigalaa biyyattii dabalatee qondaalota waraanaa olaanoo biyyattii sagal ta'antu du'e.
Meejer Jeneraal Faaxumaan seenaa Keeniyaa keessatti ‘maaraga’ Birgaader Jeneraaliifi Meejara Jeneraal argachuudhaanis dubartii jalqabaa turte.
Meejer Jeneraal Faaxumaan humna ittisaa Keeniyaatti kan makamte bara 1983 yoo ta’u, yeroo sanatti kan dubartootaa qofa kan ture Wuuman Sarvis Korpis [Women Service Corpus] humna jedhamutti makamtee turte.
Wuuman Sarvis Korpis kun humna ittisaa guddichaaf deeggarsa bulchiinsaa, loojistikii, akkasumas wallaansa fayyaa kennuuf itti gaafatama qaba ture.
Bara 1999 humni dubartoota qofaan ijaarame kun akka diiigamu yeroo taasifametti, miseensota kan turan humna qilleensaa Keeniyaa, humna lafoofi galaanaatti akka makamaniif yeroo jalqabaatiif hayyamameef.
Meejer Janaraal Faaxumaan bakka aangoo olaanaa waraanaa kanatti muudamuun, Keeniyaa keessatti walqixuummaa koorniyaarratti hiika guddaa qabaata jedhameera.
Bara 2018 gara meejer Jeneraaliitti kan guddatte pirezidantii yeroo sanaa Pirezidant Uhuuruu Keniyaataatiin ture.
Yeroo sanatti Uhuuruu Keeniyaataa, “Sitti nan amana, dubartootaaf fakkeenya gaarii akka taatu [sitti nan amana] jechuun dubbatanii ture.
“Dubartiinis bakka yaadde gahuu akka dandeessu isaanitti agarsiisi,” jedhanii ture Uhuruu Keeniyaataa haasaa muudamasheerratti taasisaniin.
Meejer Jeneraal Faaxumaan, kan gara loltummaatti makamteef naamuusa eessumasheetiin booji’amtee akka ta’e kanaan dura dubbattee ture.
Haata’u malee, waraanatti makamuudhaaf yeroo murteessitetti miseensonni maatiishee, “ati dubartii waan taateef callisii taa’i” ittiin jedhaa akka turan dubbatteetti.












