Dubartii 'biyya-maleettii' Indiyaa, UK fi Yugaandaan lammummaa dhoorkatan

Poopaatiifi Abbaa warraashee

Madda suuraa, Getty Images

Ii’aa Poopaat waggaa 50 caalaaf Indiyaa keessa jiraatteetti. Acumatti heerumte, ijoollee godhattee eeyyama konkolaachisummaafi kaardii filattootaas qabdi.

Haatahu malee akka lammii Indiyaatti gara biyya alaa deemuu hin dandeessu sababiinsaas paaspoortii hin qabdu. Kuni immoo nama lammummaa hin qabne ishee taasisa.

Mana murtii olaanaa Boombee deemuun paaspoortiin akka keennamuufi gaafatte.

Poopaat nama ganna 66 yoo taatu bara 1955 Yugaandaa keessatti dhalattee yeroo ganna 10 paaspoortii haadhasheetiin Indiyaa galte.

Achumaan Indiyaa jiraachuu jalqabde. Akka isheen jettutti sanada "Indiyummaa" ishee ibsu baay'ee qabdi.

Namni kuni haala adda tahe tokko keessa jirti waggoota dheeraaf paaspoortii argachuuf yaaliin taasifte biyyoota sadiin  ‘nama lamummaa hin qabne,’ ishee jechisiiseera. 

"Takka takka gaaffii lamummaa koo otoo gaafatanii danqamanii turu," jetti.

Abbaan Poopaat lammii Indiyaa yoo tahau, bara 1952 hojiidhaaf gara Yugaandaa deeme, waggaa muraasa booda paaspoortii Biriiteen argate.

Popaat Yugaandaa magaalaa Kaamuulii jedhamtu keessatti dhalatte, kunis bilisummaa Yugaandaan waggaa torba dura dha. 

"Yeroon Indiyaa dhufu maqaan koo paaspoortii haadha koo irratti galmaa’e, paasportichi,’’nama mootummaa Biriitishiin eegamu," jedha ture.

Kunis sadarakaa lamummaa mootummaa UK dhaan yeroos kennamaa ture dha.

Abukaatoon niitii kanaa Adiityaa, "seerri yeroos ture daa’imni paaspoortii haadhaa fayyadamti yookiin biyya sana galuurraa dhorkamuu malti ture" jedha jetti. 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1997tti Poopaat lammummaa Indiyaa argachuuf  sanada barbaachisu guutuuniifi abbaa warraa lammummaa Indiyaa qabutti heerumtee iyyattus iyyannishee jalaa kufaa godhameera.

Kana malees Komishinii Olaanaa Biriitiish Indiyaa jiruttis lammummaa argachuuf iyyannaanis haatishee fi abbaanshee paaspoortii UK qabu malee tokkoonsaaniyyuu UKtti hin dhalanne ykn lammummaa hin arganne jedhamuun dhorkamte.

Poopaat lammummaa Yugaandaadha kan argachuu dandeessu jedhamte, "garuu mootummaan Yugaandaa yoo paaspoortii kennuufi dide nama lammummaa hin qabne taataa," jedhamte. 

"Nama lammummaa hin qabne," jedhamuun maqaa itti kennamaa ture keessa tokko tahuu himti.

Waggoota aanan keessattis paaspoortii Indiyaa argachuuf al lama iyyattus hin milkaa’in hafeera.

"Otoon paaspoortii argadhee akaakayyuu koo UK jiru dhaqeen daawwadhan ture," jetti.

Obboleessi ishee quxisuun akkamuma maatisaa paaspoortii Biriitiish qaba.

Maatiinshee  dogoggora akkamii uumanii paaspoortii UK otoo hin argatiin akka hafte hin beeku, jetti

Bara 2015tti yeroo paaspoortii Indiyaa argachuuf iyyattudha aanga’onni biyyatti dura akka lammiitti galmaa’uu akka qabdu kan itti himan.

Poopaat, "namni sirnaan qajeelfama naa kenne hin jiru ture bakkan deeme maratti akka nama lammummaa hin qabne tahe natti himu, dhimmi koos abdii akka hin qabne natti himaa turan," jette.

paaspoortii Indiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2018tti intalli Poopaat Koomishiniin Olaanaa Yugaandaa, Indiyaa jiru paaspoortii Indiyaa dhaaf akka iyyattu haala akka mijeessu gaafannaan, Yugaandaatti dhalatte malee, "lammii Yugaandaa hin taane" jechuun deebise.

Nama lammummaa hin qabne jechuun lammummaa Indiyaadhaaf akka iyyattu gaafatamte.

Yeroo dhumaafa bara 2019 lammummaa Indiyaa argachuuf iyyattullee ammas irra deebiin biyyattii keessa viizaa sirriifi paaspoortii malee jiraachaa turte jedhamuun sanadani kee guutuu miti jedhamtee iyyannoonshee kufaa tahe.

Poopaat sababa kanaa gadduu himti,’’iyyannoo mana murtii olaanaa Bombeetti dhiyeessiteen,’’abbaan warraa koo lammii Indiyaa dha, ijoolleen koo, ijjoolleen ijoollee koos akkasuma.

Sanada mootummaa hunda qaba. Kuni hundi maaliif gahaa akka hin taane hin beeku," jechuun BBCtti himte.

Bara 1972tti yeroo mootummaan Idii Amiin aangootti dhufu lammiileen Eeshiyaa akka biyyattii gadhiisanii akka bahan itti himame. Garuu baayyeen isaanii lammummaa UK, Kaanaadaafi Indiyaa argataniiru.

 Manni murtii olaanaa Boombee dhimma poopaat Hagayya keessa ilaaluuf beellameera. Sababa kanaan Poopaat cidha firootashee UKtti taasifame takkaa hirmaattee hin beektu.

 Amma garuu biyya jireenyashee guutuu keessa dabarsiteetti lammii jedhamtee akka waamamtu abdii qabdi.