Dararaa lammiilee Ertiraa lubbusaanii balaa cimaaf saaxilanii baqataa jiran

Yeroo haroo Turkaanaarratti aduun lixxu haati tokko haricha cina dhaabbattee boossii. Habaaboo [daraaraa] qabattee harichatti darbatti.
Mucaa ishee ol adeemtuu waggaa 14tu haricha keessatti jalaa dhidhimeera. Kun kan tahe ammoo osoo daddabarsitoonni namaa seeraan alaa karaa haaraa hin baramne kanaan Keeniyaa ishee galchuuf yaalaniiti.
Isa yaadachuuf jecha habaaboo bishaanichatti darbachaa imimmaan roobsiti.
Waggaa sadiin dura Keeniyaatti kolugaltummaa kan gaafatte lammiin Ertiraa hordoftuu amantaa Pirotestaantii [Pheenxee] taate Sanaayit Mabraatuu, mucaanshee waggaa 14, Hiyaab bakkatti dhabde ilaaluuf ture kan kaaba-lixa Keeniyaa deemte.
Mucaanshee haroo bubbee hamaa qabu osoo halkan keessa qaxxaamuruuf yaaltuu ture kan isheen lubbuu dhabdee obboleettiin ishee ammoo lubbuun oolte.
''Namoonni nama dadabarsan osoo Keeniyaa keessa haroon guddaafi balaafamaan akkasii jiraachuu natti himaniiru ta'e, mucaankoo akka dhuftuuf hin hayyamuuf ture'' jetti Sanaayiti qarqara haroo kanaa ta'uun BBC'n wayita dubbiseetti.
Sanaayit hordoftuu amantaa pirotestaantii yoo taatuu, dhiibbaa amantaa Ertiraa keessa jiru baqachuun ture kan ijoolleeshee xixiqqoo lama waliin karaa xiyyaaraatiin viizaa turistiin Keeniiyaa kan galte. Ijoolleenshee dubaraa lamaan sababii umuriinsaanii kan tajaajila loltummaa biyyaaleessaatiif gahaa jira ta'eef biyyaa akka bahan hin hayyamamneef ture.
Ertiraa biyya paartii tokkoon durfamtuu fi sadarkaa olaanaan tajaajila biyyaalessaa dirqii keessatti hirmaachuun lammiileef waggootaaf ulaagaa ta'etti, lammiileen umuriinsaan daangaa sana keessatti argaman yoo sababii addaatiin ta'een alatti, biyyaa bahuun hin hayyamamuuf.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sanaayit erga Keeniyaa seenteen booda ijoolleen ishee Ertiraadhaa baafte akka fudhattuuf cimsanii waan gaafataniif jecha, marii firootashee waliin taasifteen, maallaqaan Ertiraadhaa baasuun akka danda'amu dhageesse.
Isaan boodas ijooleeshee dubara lamaa harka namoota karaa seeraan ala namoota dadabarsanirraati kufuun, Ertiraadhaa miilaafi konkolaataan daandii dheeraa imaluudhaan kaaba Itoophiyaa seenan.
Achiinis Itoophiyaa keessa qaxxaamuruun karaa kaaba-baha Keeniyaatti kan argamu qarqara Haroo Turkaanaa qaqqaban.
Dubartiin namoota dadabarsituufi Keeniyaa keessatti argamtu tokko BBC'f akka mirkaneessiteetti Haroon Turkaanaa godaantoota karaa seeraan alaa dadabarsuuf baay'inaan faayidaarra olaa jira.
''Sararri kun sababii haaraa ta'eef karaa dijitaalii jennee waamna'' jetti.
Dubartiin bakka dhoksaa fi maqaan osoo hin dhahamiin BBC'tti dubbatte tun akka jettuutti, nama tokko gara Keeniyaatti yoo ceesiisan doolaara 1,500 argatu. Kunis miindaa ji'aa jiddugalaan hojjataan Keeniyaa tokko argatu dachaa afuriin caala.
Dubartiin tunis waggoottan 15'n darbaniif hidhata qaama dadabarsa namootaa Keeniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa fi Afriikaa Kibbaa guddichaa ta'un hojjataa turte.
Kanaanis baayyinaan baqattoota lammiilee Ertiraa, Itoophiyaa fi Somaaliyaa dadabarsuu irratti hirmaatteeti.
Sababii Keeniyaan eegumsa daandiiwwan gurguddoo irratti taasiftu cimsiteef, namoonni karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsan fuulasaanii karaa Haroo Turkinaatiin ceesisuutti naanneeffatan.
Balaa bidiruu namoonni itti baayyatuun taasifamuun yaaduun, maatiin ijoolleensaanii qofaa haroo kana akka qaxxaamuraniif akka hin hayyamneef dubartiin namoota dadabarsuu keessa hojjattuu tun ni gorsiti. Imala sa'aatii 15 olii barbaada.
''Maallaqni argadhu na gammachisa hin jedhu. Sababiinsaas akka haadhaatti yoo ijoollee dubaraa kaan irra wanti hamaan qaqqabu yoon argu gammadduu ta'u hin danda'u'' jechuun BBCtti himte.
"Baqattoonni yoo na dhagahan gorsuun barbaada. Biyyasaaniitii akka hin baaneen jedhaan'' jechuun ilaalcha hamaa namoota nama dadabarsan hedduu kaasuun akeekkachiifti.
Nageenya isaatiif jecha maqaasaa sirrii ibsuu kan hin barbaadne lammiin Ertiraa Osmaan, Shamarree Hiyaab duuteefi obboleettii ishee waliin yeroo tokko gara Keeniyaatti qaxxaamuran.
Bidiruun Hiyaab keessa turte osoo ijaan arguu attamiin akka haricharratti garagalte yaadata.
''Hiyaab bidiruu nu fuundura ture keessa turte. Motorri bidiriitti hojjataa waan hin turreef bubbee cimaan dhiibamee adeemaa turte. Haricha keessa gara meetira 300 erga seenteen booda garagaluudhaan badii lubbuu namoota torbaatiif sababa ta'e.''
Obboleettiin Hiyaab hanga bidiruun namoota dadabarsan biraa qaqabanii olchaniitti bidiruu dhiidhiimaa ture irratti rarraatee lubbuun ooluu dandeesse.
Bidiruu sanarratti namoota 20 ol fe'uudhaan lubbuu dhabuu Hiyaabiif namoota nama dadabarsan itti gaafatamoo taasifti haatiishee Aaddee Sanaayiti.
''Mucaankoo lubbuu kan dhabdee of eeggannoo dhabuuni. Bidiruu namoota shan illeen ceesisuu hin dandeenye xiqqoo irratti namoota hedduu fe'anii ture'' jetti.

Yeroo BBC ollaa Lomeewaak dowwateetti kiyyeesitoonni qurxummii, reeffa lammiilee Ertiraa ta'un hin ollee jedhamuun amaname lama haroo dheerina kiloomeetira 300 fi bal'ina kiloo meetira 50 qabu irra yoo bololi'u arguu dubbataniiru.
''Qarqara haroorra reeffi lamatu ture. Isaan boodas guyyoota muraasaan booda ammoo reeffi gara biraas bahan'' jedhan Biraatan Lokaale.
Kiyyeessaan qurxummii Jooseef Lemoriyaa jedhan kan biraa ammoo, reeffa dhiirootaa lamaafi dubartoota lamaa arguufi isaan keessaa tokka daa'ima ta'u dubbateera.
Odeeffannoon UNtti dhaabbanni baqattoota Waxabajjii darbe baase, baqattootaa fi kolugaltoota kuma 580 addunyaa keessaa kumni 345 baha Afriikaatti akka argaman ibsa.
Akkuma maatii Sanaayit kana, Ertiraa biyya waraanaa hedduu qaxanichaa keessatti hirmaattu, kan to'annoo mootummaa cimaa, bilisummaan siyaasaa fi sochiin amantaa hin qabne keessaa hedduun tajaajila loltummaa jalaa miliquuf baqatu.
Abokaatoon Yugaandaatti argamu, Mulu Birhaan BBC'tti akka dubbataniitti, sababii walitti bu'insa biyyoota Ertiraa daangeessan Itoophiyaafi Sudaan keessa jiruutiin Keeniyaa fi Yugaandaan baqattoota Ertiraanootaaf bakka itti baqannaa filatamoo ta'aniiru.
Baqattoonni kanneen keessaa muraasni Keeniyaa keessa jiraachu yoo itti fufan kaan ammoo gar biyyoota biraatti darbuuf baqattummaaf galmaa'uuf salphaadha jedhanii biyya amanan kan akka Yugaandaa, Ruwaandaa fi Afrikaa Kibbaatti ce'uuf Keeniyaatti fayyadamu.
Hidhanni namoota seeraan ala dadabarsuu biyyoota kanneen keessa hunda kan socha'an yoo ta'u, 'bakka bu'aa' biyya tokkorraa wal harkaa fudhuudhaan hanga dhumaa geessisuuf kan walitti hidhameedha.
Yeroo tokko tokko ammoo namoota dadabarsuun kun Afriikaan alatti hanga Awurooppaa fi Kaabaa Ameerikaa kan gahuudha.
Hojiin dubartii namoota dadabarsituu imala godaantoonni gara Naayiroobiitti taasisan simachuu fi hanga imala itti aanutti mijeessuu akkasumas hanga kanfaltiin barbaachisu raawwatamuutti ''manneen keessa tursiifaman'' keessa qubachiisuu hammata.
Hanga yeroo sanaattis baqataan tokko tarii maallaqa hanga doolaara kuma shanii gahu kanfaluun imala ittaanuuf maallaqa dabalataatu gaafatama.
BBCn mana ''turmaataa'' gamoo tokko keessatti argamu tokko argeera. Manicha keessa firaashii tokkicha qofati akka argamufi dhiiroonni Ertiraa shan itti cufamee argeera.
Baqattoonni mana turtii sana keessa wayita turaniitti kiraa maa fi nyaataaf ni kanfalu. Dubartiin namoota dadabarsuu keessatti hirmaattu sunis aallaqa fixachuudhaan beelaan kan du'an dhiiroonni sadiifi dubartiin tokko akka beektu dubbatti.
Namoonni nama dadabarsanis ''carraa hamaa'' jechuun salphisanii reefichaa kaasaniiru.
Dabalataanis, ''namoonni nama dadabarsan maatiiwwaniitti akka waan lubbuun jiraniitti himuun maallaqa irraa fudhataa turan'' jechuun haalicha yaadatti.
Gidaantoota dubartootaa baayyee irra ammoo miidhaan quunnamtii saalaa ykn akka namoota dadabarsaniitti heerumaniif akka dirqisiifaman dubbatti dubartiin tun.
Haata'u malee hojii namoota dadabarsuu maallaqa olaanaa irraa argataa jirtu kana dhaabuudhaaf yaada qabaachuu baattulleen, kaan adeemsa akkasii keessatti maal akka isaan irraa eegamu akka hubatan akeekkachiifti.
Sanaayiti duuti intalashee kan waggaa 14 gadda cimaa itti umulleen, intallishee kaan balaa sanarraa ooltee osoo miidhaan namoota dadabarsaniin irratti hin raawwatiin hafusheetti gaddarraa akka itti obsitu ta'eefiira.
''Haaluma maatiin Ertiraa hundi keessa darbu keessa dabarte. Waaqni biyya keenya eegee rakkoo kana hunda keessaa nu haa baasu,'' jetti Sanaayiti.












