Manneen hidhaa Indiyaa sirreeffamtoota amala gaarii qabaniif daawwannaa saal-quunnamtiif eeyyama kennuu eegalan

Manneen hidhaa Indiyaa sirreeffamtoota amala gaarii agarsiisaniif daawwannaa saal-quunnamtiif yeroo jalqabaatiif eeyyama kennuu eegalan.
Kaaba Indiyaatti manni hidhaa bulchiinsa Punjaabi hidhamtoonni daawwannaa saal-quunnamtiif eeyyama kennuun kan jalqabaa taheera.
Namni ganna 60 ajjeechaan himatamee mana hidhaa keessatti argamus kanneen jalqabaan fayyadamtoota ta'an keessatti argamu.
Gurjiit Siin mana hidhaa Gooyindwaal kan gale ji’oota muraasaan dura ture.
Kana duras miira ''qofummaa fi mukaa’utu’’ natti dhagahama ture, '‘amma haadha warraa koo qofaatti argadhee yeroo dabarsuun haaragalfii naa kenneera,’’ jedheera.
Manni hidhaa Punjaab hidhamtoonni naamuusa gaarii agarsiisan haadha warraa ykn abbaa warraa isaanii baatii lamatti sa’atii lamaaf akka argatan eeyyameeraaf.
Ergasii bulchiinsa Punjaab keessatti hidhamtoonni 1,000 eeyyama kana argachuuf kan iyyatan yoo tahu kunneen keessaa walakkaa kan tahaniif eeyyamameeraafi.
Bulchiinsota Indiyaa kanneen akka Rajaastaaniifi Mahaarastraa keessatti hidhamtoonnii hayaata gaarii agarsiisan mana hidhaa banaa keessatti maatii isaanii waliin akka turan akkasumas dhaddachi biyyattii baayyeen hidhamtoota kunneen sababa ''dhala godhachuu’’ ykn '‘gaa’ela eeguu’’ jedhuun mana hidhaatii akka bahanii deebi'an eeyyamamaafi jedhu ogeessi seeraa Mana Murtii Olaaanaa Saniil Siin.
Haatahu malee irra guddeessi hidhamtoota biyyattii keessa jiranii waggootaaf haadha warraa ykn abbaa warraa isaanii otoo hin argiin waggootaaf turu jedha.
Sagantaa haaraa baatii darbe bahe kanaan, bulchiinsi Punjaab mana hidhaa keessatti wal-quunnamtii akkasii eeyyamuun kan jalqabaa taateetti.
Manneen hidhaa bulchiinsichaa 25 keessaa sadii kessaatti eeyyamni kuni Fulbaanarraa qabee kennamaa jira.
Gara mana hidha 17tti babal’isuufis karoorfameera, manneen hidhaa hafan garuu tajaajila kana kennuudhaaf baayyee dhiphoo dha, tokko ijoolleef qofa kan qophaa’e dha jedhan.
Manneen hidhaa sagantaa kanarratti hirmaatan kutaa siree fi iddoo dhiqanna qabu qopheessuun haadha warraafi abbaa warraaf yeroo mateenyaa akka mijeessan gaafatamaniiru.
Mootummaan namoonni gaa’ela qaban saal-quunnamtii gochuun ni eeyamaafi manneen hidhaa muraasa keessatti immoo kondomiinillee ni dhiyaata.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaallii mana hidhaa olaanaa, Haarpiriit Sidhuu, ''murtoon kuni dhiphina hidhamtootaa hir’isuufi gara hawaasaatti deebi’anii makamuu isaanii dursanii mirkaneessuufi kana malees saal-quunnamtiin fedhii bu’uuraa baayolojikaalaa isaanii guutuuf kenname,’’ jedhan.
Biyyoonni kanneen akka Raashiyaa, Jarman, Firaans, Beeljiyeem, Ispeen, Fiiliippiins, Kaanadaa, Saa’udii Arabiyaafi Deenmaark akkasumas bulchiinsoti Ameerikaa daawwannaa saal-quunnamtii kana ni eeyyamu. Biraaziliifi Israa’el immoo jaalattoota saal-wal-fakkaataafillee ni eeyyamu.
''Haa tahu malee manni hidhaa Indiyaa namoota kaan daawwannaadhaaf dhufan hidhamtoota waliin akka walitti siqan ykn wal-tuqanillee hin eeyyaman,’’ jedhu ogeessi seeraa Amiit Saanii.
Bara 2019tti Obbo Saaniin Dhaddacha Olaanaa Delihiitti iyyannaa fedhii uummataa galchuun ‘daawwannaan saal-quunnamtii’ mirga namoomaa hidhamtootaa gatii taheef akka eeyyamamu gaafachaa turan.
''Namoonni wal-jaalatan gaafa wal-argan wal-hammachhufi harka wal-qabuun waan uumamaati garuu yeroo baayyee eegdonnii gatii wajjin jiraniif kana gochuu hin danda’an ture,’’ jedhan.
Akka Obbo Saaniin jedhanitti,’’nama yakka raawwate adabuun waan tokko garuu haati warraa ykn abbaan warraa immoo maaliif adabamu? Maaliif mirgi isaanii sarbama,’’ jedheera.












