Onnee dijitaalaa yeroo dhihootti qabaachuuf deemnaa?

Onnee dijitaalaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Duuti sababii dhukkuba onneefi sirna dhiigaan walqabate namoota umuriin isaanii waggaa 75 gadi ta'e irratti waggaa 50 booda akka addaatti dabaluu isaa qorannoowwan ni mul'isu.

Dhaabbanni 'The British Heart Foundation (BHF)' akka jedhutti, dhibeen sukkaaraafi furdina akka malee rakkoo kanaaf hedduu akka gumaachan beeksiseera.

Baarseloonaatti saayintistoonni piroojektii guddaa tokko galmaan gahuuf hojjechaa jiru.

Innis egeree fayyaa namaa kan jijjiiruu danda'uufi ammaaf kutaa qaama namaa murteesssaa tahe onnee irratti xiyyeeffata.

Galata teekinolojiif saayinsii haa tahutii hubannoon nuti onnee dhala namaa irratti qabnu akkaan fooyya'aa dhufeera. Kanumaafi onnee dijitaalaa kalaquuf daandiirra kan jirru.

Kunis hojii kompiitara saganteessuu wal-xaxaa tahe keessa kan darbu dha. Kompiitarooti kana dalaganis 'supercomputers' jedhamuun beekamu.

Isaanis qorannoofi dameewwan injineeriingii dabalatee kaan baayyee irratti akkaan gumaachu. Kompitarooti kunneen yeroo ammaa immoo qaama namaa qorachuudhaaf oolaa jiru.

Maariinoo Vaazkuweez hundeessaa waloo dhaabbata ELEM biotech jedhamuuti.

''Moodeelii onnee dhikkafattuu tolchineerra, sochii tishuuwwanii, kan maashaa fi yaa'a dhangala'aa qabuu hojjenneerra,'' jedha

Onnee dijitaalaa kana kan tolchinu herreega fayyadamneetu. Uumama akka inni itti hojjetu kan hiikaa kennuufii dandeessu herreega fayyadamteetu jedha Maariinoon.

Herreega fayyadamuun moodeelii onnee kana erga qixeessaniin booda gara sagantaa kompiitaraatti galchuu jechaadha.

Onneen dijitaalaa tolfamu kuni ammoo wal-fakkaataafi tokko osoo hin taane, odeeffannoo nama dhuunfaa tokko tokkoo irratti hundaa'uni.

Kunis qorichi ykn yaaliin akkamii nama sanaaf fayyada kan jedhu murteessuuf gargaara.

Akkuma wal'aansi ykn qorichi garee namootaa irratti yaaliin taasifamu sana onnee dijitaalaa kana fayyadamuunis akkasuma hojjechuun ni danda'ama.

Kana jechuun yaalii irra deddeebiin taasifamuun tajaajila ykn qoricha fooyya'aa qabaachuun dhukubsataa gargaaruun danda'ama.

Onnee dijitaalaa dhikkifatu kana tolchuuf dhalli namaa shallaga herreegaa isaa hojjetee xumuruuf waggaa biiliyoona 57 isa fudhata.

Kompiitarooti ''supercomputers' jedhaman ammoo sa'atii sagal qofa fudhatu.

Kunis saayintistoonni qorannoo isaanii bal'inaan akka dalagan gargaara.

Tahus dhukkubsattoota dabalatee hakiimonni teeknolojiitti amanuun isaan barbaachisa.

Gareen ELEM biotech onnee irratti dhaabuu hin barbaadan sochii qaama namaa hunda kooppii dijitaalaasaa tolchuu barbaadu.