Suppar Liigii Turkiin deeggartoonni garee mo'amee taphattoota haleelan

Deeggaraa Tiraabzonispor

Madda suuraa, EPA

Tapha kubbaa miilaa Suppar Liigii Tarkii Dilbataan, deeggartoonni Tiraabzonispor gara dirree seenuun, taphattoota Fenarbaachii haleelan.

Tapha istadiyemii Paappaaraa Paark, Tiraabzonitti gaggeeffame kanaan Fenarbaachii 3 fi 2n kan mo'ate ennaa tahu, taphattoonni injifannoo isaaniin gammadaa wayita jiranitti miidhaan irra gahe.

Taphattoonni kilabichaa Bright Osayi-Samuel fi Michy Batshuayi jedhaman, qaamoleen nageenya kabachiisan dirree seenuu isaanitiin dura, deeggaraa dirree seene wajjin wal'aansoo walqabaa turan.

"Hundaan oli, ispoortiin [agarsiiftuu ammayyaa'ummaati]," jechuun Ministirri Biyya Keessaa Tarkii Alii Yerlikaayaa X gubbaatti kataban.

"Dirree kubbaa miilaa keessa hokkorri mudatu haala kamiinuu fudhatama hinqabu.

"Deeggartoota gara dirree seenan adda baasuu fi taateewwan taphaan booda mudatan baruuf, hatattamaan qorannoon jalqabameera."

Muddamni kan dhalate taphicha daqiiqaa 87 keessa ture.

Daqiiqaa sanatti Baatshu'aayiin goolii Fenarbaachii lakkoofsise hordofee, deeggartoonni meeshaalee akka akka dirree keessatti darbachuu eegalan.

Galchii kanaanis gareen Fenarbaachii taphicha olaantummaan goolabeera.

Federeshinii Kubbaa Miilaa Tarkii (TFF) taatee kanaan "fudhatama kan hinqabne" jedhe ibsa baaseen. Dabaluunis "kanneen kana keessaa harka qaban, adabbiin seeraa barbaachisaa tahe ni fudhatama," jedhe.

Deeggartoonni Trabzonspor taphichi goolabamuu hordofee garra dirree seenan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni Trabzonspor taphichi goolabamuu hordofee gara dirree seenan

Liigii kubbaa miilaa kanatti bara taphaa 2023-24 amma jiru kana keessa, taateewwan falmisiisoo tahan dhalachuun kun kan jalqabaa miti.

Mudde keessa daanyaan Halil Umut jedhaman pireezidantii kilaba MKE Ankaragucu Faruk Koca jedhamaniin haleelamanii turan. Kanaanis taphoonni Suppar Liigii hedduun haqamanii turan.

Suppar Liigii Tarkiin kilabni Fenarbaachii, kilaba cimaa biroo Galaatasaraayitti qabxii lamaan caalamuun lammeessoorra jira.

Garaagarummaan qabxii kilaba lammeessoo fi sadeessoo jidduu jiru akkaan kan guddaa tahedha - 30.