Hojii 647 iyyadheen dhumarratti tokko argadhe

Kaatliin Moorgaan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kaatliin Moorgaan yunivarsiitii irraa eebbifamtee hojii 600 oliif erga iyyata galfatteen booda abdii kutachuutti dhiyaadheen ture jette.

Shamarreen ganna 23 hojii 647'f iyyachuun booda kaka'umsa ishee dhabaa dhuftus dhumarratti garuu akkaawuntaantii leenjituu tahuun qacaramteetti.

Ji'oota 18 erga hojii barbaadaa turtee Kaatliin waggaa afuriif yunivarsiitiitti barachuun ''maal naa baasa?'' jechuun of shakkaa turte.

Qorannoon dhihoo bahe UK keessatti dorgommiin hojii argachuuf taasifamu akka malee ''olaanaa'' tahee galmaa'eera jedha.

Bara darbe qofa gita hojii 17,000f eebbifamtoonni haaraa miiliyoona 1.2 tahan iyyataniiru.

Kaatliin guyyaatti iyyata lama galchuuf murteessitee yerooma jalqabde qofa dhaaboti 150 tahan akka ishee hin fudhanne kan itti himan yoo tahu kanneen 271 tahan immoo deebiiyyuu hin kennineefi.

''Iyyata hojii galchuu irratti yeroo dheeraan dabarsa yeroo isaan deebii naa kennuu didan rakkoon iyyata koo maali, kanan deebii hin arganneef jedheen yaadda'a,'' jetti.

Kaatliin indaastirii damee barnootaa itti eebifamtee faayinaansiifi akkaawuntiingiidhaan waggaa tokkoof leenji'aa kan dabarsite yoo tahu iyyata hojiishee kanaaf gahumsa dabalataa taha jetteet abdachaa turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tahus bara 2023 irraa qabe irra deddeebiin iyyatni hojiishee fudhatama dhabaa ture.

''Digrii koof sirriitti hojjedheera, muuxannoo hojiis argachuu yaaleera, kuni hundi bilaasha turee jedheen yaade,'' jetti.

''Yeroo tokko akka malee abdii kutachuu irraan kan ka'e yunivarsiitii deemanii barachuuniyyuu bu'aansaa na shakkisiisaa ture,'' jette.

Kaatliin dhaaboti namoota qacaran calaluuf hubannoo nam-tolchee fayyadamuun isaanii iyyatnishee fagoo akka hin deemne akka godhetti amanti.

Yeroo jalqabaa iyyatni hojiiishee ykn CV'nshee akka hubannoon nam-tolchee simatutti akka hin barreefamne himti.

''Yeroo garii battaluma sanan fudhatama dhaba yeroo kaan ammoo qormaata calalliif waamamta,'' jetti Kaatliin.

''Jalqabumaa akka dhaaboti calalliidhaaf hubannoo nam-tolchee fayyadaman baree isattin sirreessaa galcha turee,'' jetti.

Sadarkaa calalliif kan darbite iyyata hojii 221 irratti akka tahe himuun hojii argachuun dura af-gaaffii dhumaa shan irratti dhiyaachuu himti.

Institiyuutiin Qacarrii Barattoota hordofu dhaabota 145 barattoota reef ebbifaman 40,000 qacaran gaafatee waggoota 30 keessatti isa guddaa dha jechuun bara 2023 irraa ammoo dhibbeentaa 50 dabaleera jedhe.

Hojii faayinaansii akka Kaatliin kanaaf gita hojii tokkoon iyyata hojii 188'tu gala jedhan.

Ji'ootaaf erga iyyata galchaa turteen booda amma lafa jireenyashee Tiinteern irraa hojii haaraa argatteef Fulbaana keessa gara Landan deemti.

''Hojichi waan ani barbaadaa ture dha leenjii faayinaansii hundas naa kenna,'' jette.

''Yaadni koo dafee hojii akkaan argadhu ture,'' jetti.

Despite Wales having the lowest proportion of graduates in the UK workforce, the group that represents universities believes the demand for graduate-level skills will grow by 2035.

Ogeeyyiin humna namaa yeroo ammaa kana qacartoonni ilaalchaafi amala namootaa akkaan ilaalanii qacaru jalqabaniiru jedhu.

''Hojii kee jalqabaa eebbifamuun booda argachuun tarkaanfii isa jalqabaa waan taheef muuxannoo guddaa hin qabdu,'' jedha Jeems Foortimaan ogeessi qacarrii dhaabbata Robert Half

''Qacartoonni iyyata akka malee baayyee waan fudhataniif isa calalanii baasuun akka malee rakkisaa dha,'' jedhan.

''Iyyattoonni hojii CV isaanii hojii ilaallatuuf qofa qixeessanii galchuu qabu,'' jedhan.

Kanaafis jedhan Foortimaan dhaabonni gariin teeknolojii fayyadamuun calallii kana raawwatu jedhan.

''Dhaabonni sooftiweerii fayyadamuun CV fi waan dhaabichi barbaadu firoomsuu yaalu,'' jechuun ibsu.