Puutin Yukireen waliin dhukaasa dhaabuurratti haal-dureewwan jajjaboo kaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliigaltee dhukaasa dhaabuu Yukireen waliin taasisuuuf yaadame akka fudhatu beeksisus, haal-dureewwan jajjaboo "gaaffiiwwan" baayyee kaasan kaa'eera.
Pirezidantiin Raashiyaa kun dhimma kana ilaalchisuun deebii kan kenne karoora guyyoota 30f dhukaasa dhaabuu jalqaba torban kanaa marii Yukireen Ameerikaa waliin taasifte biyyisaa fudhachuu hordofeeti.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin deebii karooricha ilaalchisuun deebii Puutin kennan "qabatama kan hin qabne" jechuutiin alatti Raashiyaarra qoqqobbiin dabaltaa akka kaa'amuufis gaafateera.
Kun osoo Kanaan jiruu Ameerikaan oba'aa, gaaziifi sektera baankii Raashiyaarra qoqqobbiiwwan daballataa keesseetti.
Puutin ibsa gaazexaa Kamisa Mooskootti gaggeeffameerratti yaadni dhukaasa dhaabuu "sirrii taanaan nutis ni deeggarra. Haata'u malee, gaaffiiwwan irratti dubbachuu qabnu jiru," jedheera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun kan gara nageenya waaraatti geessuufi ka'umsa rakkoo kanaa dhabamsiisu ta'uu qaba jedhe Puutin.
"Michoota keenya Ameerikaa waliin mariyachuu qabna. Tarii gara Doonaald Tiraampitti bilbila bilbiluun danda'a" jedheera.
"Michoota keenya Yukireeniif waliigalteen dhukaasa guyyoota 30f dhaabuu taasifamuun gaariidha," jedhe itti dabaluun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Nuti deeggarrus garaagarummaawwan ni qabna," jedhe.
Yukireen bara darbe duula waraanaa taasisun kutaa bulchiinsa Kuursiik hanga tokko kan to'atte ajandaa tokko ta'uu Puutin dubbateera.
Raashiyaan Kuursik guutummaan guutuutti to'atteetti jechuurra darbee loltoonni Yukireen bakka sana jiran "addaan citaniir" jedhe.
"Ba'uudhaaf carraaqaa jiranis, nuti garuu to'anneerra. Meeshaa isaanii bakka gara garaatti gataniiru."
"Kuursik keessatti Yukireenotaaf filannoo lamatu qofatu jiru; harka kennachuu ykn du'uu' jedheera.
Puutin dhukaasa dhaabuun akkamittii akka hojjetu taaffii tokko tokko dhiyaateef yeroo ibsutti, "Guyyoonni 30 sun akkamiin hojiirra oolu? Akkamittis to'annoon irratti taasifama?" jechuun gaafateera.
"Qabsoon kun akka dhaabatuuf eenyuti ajaja kenna? Gatii akkamiis nama kaffalchiisa? Bakka kiiloomeetira kuma lamaa ol ta'utti waliigalteee dhukaasa dhaabuu kana eenyu akka cabse eenyuti murteessa? Gaaffileen kunneen hundi qaamolee lamaanirraa hojii of eeggannoo qabu gaafata. Eenyutis to'ata jechuun deebisee gaaffilee hedduu kaaseera.
Puutin "kallattiin hin fudhadhu hin jenne" haata'u malee, "gochaan kufaa taasisuuf qopheessaa jira" jechuun Zeleniskiin ergaa viidiyoo galgala dabarsurratti dubbateera.
"Puutin dhugaatti waraana kana itti fufuufi Yukireenota ajjeesuu akka barbaadu kallattiin Pirezidant Tiraampitti dubbachuu ni sodaata," jechuun qeeqeera Zeleniskiin.
Hogganaan Raashiyaa haal-dureewwan bayyee "waayyu hin hojjenne" kaa'eera jechuun dubbate Zeleniskiin.
Yaada Puutin fi deebii Zeleniskiitiin booda ejjennoon qaamolee lamaanii gidduu jiru garaagarummaan ifa ta'e akka jiru agarsiiseera.
Yukireen adeemsa lamaan akkaataa itti deemamu jiraachuu barbaaddu: Hatattamaan dhukaasa dhaabuufi itti aansee ammoo furmaata waaraan akka jirudha.
Raashiyaan garuu gamasheetiin adeemsawwan kanneen lamaan adda baasii akka hin dandeenye ibsuurra darbee dhimmoota hunda waliigaltee tokko keesatti murtaa'uu qaba ejjennoo jedhu qabdi. Qaamoleen lamaan ejjennoosaanii calaqqisiisuuf kan murannoo qaban fakkaatu.
Raashiyaan waamicha nagaa akka diddeetti dhiyeessuun Yukireen Raashiyaarratti dhiibbaa akka uumtu amanti.
Raashiyaan gamasheetiin waa'ee babal'achuu NATO fi waa'ee walabummaa Yukireen yaaddoowwan bu'uuraa qabdu dhiyeessuudhaaf amma carraa akka qabdu amanti.
Kun ammoo Doonaald Tiraampiif rakkoo uuma. Bu'aa hatatamaa akka barbaadu ifa gochuun waraanichi guyyoota keessatti akka dhaabsisu waadaas galeera.
Puutiin ammoo bifa kanaan socho'uudhaaf waan barbaadu hin fakkaatu.
Yaada Puutin kenne hordofee Waayit Haawus keessatti haasaa kan taasise Pirezidant Tiraamp gamasaatiin, gaggeessaa Raashiyaa waliin wal arguu "akka barbaadu" fi waliigaltee dhukaasa guyyoota 30 dhaabuu Raashiyaan waan sirrii ta'e gooti" jedhee amantaa akka qabus dubbateera.
"Raashiyaarraa dhukaasa dhaabuu arguu barbaadna," jedheera.
Isaan dura barreessaa ol aanaa NATO Maark Ruut waliin Ovaal Ofiis keessatti walga'ii taasisanirratti Yukireen waliin dhimmoota gadi fageenyaan dubbachuu Tiraamp gaazexeessitootatti dubbateera.
"Kutaawwan bulchiisnaa Yukreen keessaa waan eegamaniifi waan fudhataman, akkasumas waa'ee dhimmoota waliigaltee dhuaarratti waliin dubbachaa turreerra," jedhe.
"Dhimmoota waliigaltee dhumaa ilaalchisu mariin taaifameera."
Dhimma Yukireen NATOtti makamuu ilaalchisee Tiraamp yaada kenneen "deebiin isaa maal akka ta'e hundinuu ni beeka" jedhe.
Qoqqobbiin haaraa buclhinsi Tiraamp boba'aafi gaazii Raashiyaarra kaa'e sirna kaffaltaa Ameerikaa caalaa daangessuun biyyoota birootiif boba'aa Raashiyaa bituudhaaf rakkisaa akka isaanitti ta'u godheera.
Gama kaaniin Puutin, ergamaa addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof waliin Mooskootti karra cufatanii dubbataniiru.
Kanaan dura gargaaraan Puutin Yuurii Ushaakov yaada dhukaasa dhaabuu Ameerikaatiin dhiyaate kufaa taasisaniiru.
Gaafa Roobii ammoo Kireemiliin yeroo Puutin uffata loltuu uffachuun kutaa bulchiinsa Kuursik daawwatu viidiyoo agarsiisu baaseera.
Raashiyaan magaalaa murteessituu taate Shudiizaa deebistee qabachuushees beeksifteetti.












