Magaalaan Allaamaaxaafi Koram maal keessa jiru?

Madda suuraa, ALAMATA COMM
Waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee Naannoo Amaaraa jalatti bulaa kan turan naannoo Raayyaatti bulchiinsi naannichi diriirsa erga diigame torban lama darbaa jira.
Guraandhalarraa kaasee walitti dhukaasuun “hidhattoota TPLF” fi “milishoota naannoo sanaa” gidduutti taasifamaa ture A L I Ebla 5, 2016 irraa kaasee hammaatee caasaa waraana Kaabaatiin as ture jijjiireera.
Waggoota sadan darbaniif bulchitoonni naannoo Amaaraatiin muudamanii aanaa Raayyaafi magaalota bulchaa turan baqatanii magaalaa Qobboofi naannoowwan olla biro keessatti dahataniiru.
Magaalaa Qobbootti kan argaman aanga’oota mootummaa naannawaa Raayyaatii baqatan qofa miti. Biyyoota Gamtoomanii(UN)tti Dhaabbanni Dhimmoota Gargaarsaa Qindeessu (OCHA)n jalqaba torban kanaarra gabaasa baaseen namoonni kuma 50 ta’an aanaa Raayyaafi bulchiinsota magaalaarraa akka buqqa’an beeksiseera.
Kanneen buqqa’an keessaa kuma 42 kan argaman godina Kaaba Walloo jalatti kan argamtu magaalaa Qobboo keesssa akka ta’e dhaabbanni kun ibseera.
Naannoon Raayyaa bakki kaan garuu jireenyasaanii ammallee akkuma duraan turetti jiraachaa jiru.
Magaalota bulchiinsa hin qabne
Magaalonni Allamaaxaafi Koram naannolee Amaaraafi Tigraayiin bulchiinsi adduma adda isaaniitiin kan muudamaniif ta'ullee, ammallee magaalonni kunneen bulchiinsa malee jiru.
Aanga'oonni naannolee lamaanirraa muudamanis, naannoleesaanii keessa bakkeewwan ollaa magaalota kanaa ta'an keessa jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalota Allaamaaxaafi Koram keessatti miseensota poolisii Federaalaafi raayyaa ittisaa akka argaman jiraattonni magaalota lamaanii BBCn dubbise himaniiru.
Dhaabbileeniifi waajiraaleen mootummaa Federaalaafi bulchiinsawwan magaalota kanneenii eegamaa kan jiran qaamolee nageenyaa Federaalaa kanaan akka ta'e jiraattonni ibsaniiru.
Jiraattonni magaalaa Allamaaxaa BBCn dubbise yeroo ammaa kana magaalattii keessa haalli jiru nagaa ta'uu dubbatu. Baankiiwwan, waajiraaleen Itiyoo-Telekoom, akkasumas dukkaanonni daldalaa hangi tokko banamuusaanii jiraattonni sadii dubbataniiru.
Dukkaanawwan magaalattii keessatti argaman tokko tokko kan hin banamiin jiraniif naannawaa sana bulchiisni dhubuusaarraan kan ka'e yaaddoo jiruun ta'uu kan dubbatan jiraataan Allaamaaxaa tokko, miseensonni poolisiin Federaalaafi raayyaan ittisa biyyaa socho'aa kan jiran daandii aspaaltii guddaarra akka ta'e ibsa.
Kantiibaan magaalaa Allaamaaxaa naannoo Tigiraayiin muudaman Obbo Zinaabuu Dastaa haaluma wal fakkaatuun magaalattii keessatti humnoonni mootummaa lamaan jiraatanillee haalli nageenyaa bifa gahaa ta'een jira jechuu akka hin danda'amne BBCtti dubbatan.
Kantiibaan Allaamaaxaa naannoo Amaaraatiin muudame Obbo Hayiluu Abarraa gamasaatiin, miseensonni poolisii Federaalaafi raayyaan ittisa biyyaa magaalattii keessa jiraachuu himuun, waan yeroo ammaa kana jiru garuu "odeeffannoo guutuu" akka hin qabne dubbate.
Haala jiraattonni keessa jiran
Torban darbe aanga'oonni mootummaa Allaamaaxaa keessaa ba'uusaanii hordofee tajaajilawwan sadarkaa dgaabbilee mootummaatti kennaman hanga ammaa dhaabbatanii kan jiran ta'uu jiraattonni sadii ibsaniiru.
Tajaajilawwan waajiraaleen bulchiinsa magaalaa, manneen-barnootaafi dhaabbileen fayyaa tajaajila kennaa akka hin jirre eeraniiru.
Jiraataan magaalaa tokko, "[tajaajilli fayyaa] hin jiru jechuun ni danda'ama. Amma dhiyoo kana deessuun tokko dhiiga ishee barbaachisa jedhamtee gara Waldiyaa deemte. Tajaajilli omtuu hin jiru. Baayyee rakkattee doktoroonni as jiran ishee gargaaranii ... tiraanispoortiin gara Qobbee deemtee, Qobboorraa ammoo Waldiyaa geessan," jechuun waan magaalaan sun keessa jiru eera.
Magaalaa Koram keessas haaluma walfakkaatuun waajiraaleen mootummaa tajaajila kennan cufaa ta'uusaanii jiraattonni magaalattii BBCtti himaniiru.
Bulchitoonni duraanii gadhiisanii kan ba'an magaalaan Koram waajiraaleefi dhaabbileen mootummaa eegamaa kan jiran miseensota poolisii Federaalaafi raayyaa ittisa biyyaatiin akka ta'e dubbatu.
Haata'u malee, magaalaa Allaamaaxaarraa haala adda ta'een hidhattoonni naannoo Tigraay magaalattii keessa akka socho'an jiraattonni sadii ibsaniiru. Jiraattonni BBCn dubbise hidhattoonni kunneen jiraattota magaalaarratti "saamicha raawwataniiru" jechuun himataniiru.
Sochii hidhattootaa
Gama naannoo Tigraayiin aanaalee naannawaa Raayyaafi magaalota of jalatti kan qabate bulchaa godina Tigraay Kibbaa Obbo Haftuu Kiroos, magaalaa Koram hidhattoonni Tigraay galaniiru jedhamuufi gochawwan hidhattoota kanneen raawwataman jedhaman BBCn gaafateera.
Yeroo ammaa kana Koram keessa haalli jiru "baayyee nagaafi tasgabbii gaarii" ta'uu kan himan bulchaan kun, "Koram fi Allaamaaxaa keessatti yeroo ammaa humnoonni Federaalaa hojii nagaafi tasgabbii eegsisuu cimsanii hojjechaa jiru," jedhan.
Obbo Haftuun hidhattoonni naannoo Tigraay magaalaa Koram galuusaaniirratti dhugaa ta'uusaas ta'e wakkaachuurraa of qusataniiru.
Daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay bakka naannoleen lamaan naaf mala jedhanii irratti wal-atakaraaniin walqabatee haalli mul'taa jiru baay'ee akka isaan yaaddesse Komishiniin Gamtaa Afrikaa ibsee ture.
Dura taa'aan komushinichaa ibsa baasaniin, Kaaba Itoophiyaa Raayyaafi Allaamaaxaa, Zaatafi Oflaab dabalatee bakkeewwan falmisiisoo ta'anitti "muddama hammaatee" jiru yaaddoo keessa taa'anii hordofaa akka jiran beeksisan.
Bakkeewwan naannon Amaaraafi Tigraay irratti wal-falmanitti torban darbee eegalee hidhattoonni seenaa jiraachurraa kan ka'e jiraattonni baqachuu gabaafamee ture.
Waliigaltee Piritooriyaa booda bakkeewwan naannoleen Tigraayiifi Amaaraa irratti walfalman keessaa qaamoleen humna nageenya mootummaa federaalaa hin taane akka bahan jedhamee ture.
Dura taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Musaa Faqii Mahaamat, bifa haaraan haalli naannoo daangaa naannolee Amaaraafi Tigraayiitti mudataa jiruun buqqaatiin jiraattotaa akka dhaabbatuuf qaamoleen hunduu hatattamaan "diinummaa hambisuun nageenya namoota nagaa akka mirkaneessan" jechuun waamicha dhiyeessan.
Waliigalteen Piritooriyaa TPLFfi mootummaan Itoophiyaa waliif mallatteessan guutummaan akka hojiirra oolu jechuun waliiglaticharratti akkuma ibsame, naannolee abbummaan irratti ka'u deebii furmaata quubsaa ta'e kennuuf mariin siyaasaa akka eegalus gaafatan.
Bifuma wal-fakkaatun bakkeewwan naannoleen lamaan irratti abbummaaf wal-falmanitti walitti bu'iinsi mudachuu hordofee biyyoonni akka Kanaadaa, Faransaayi, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, UKfi US fa'aa karaa emabsii isaanii Finfinnee jiruu muddamni jiru akka qabbanaa'uf waamicha godhanii ture.
Mootummaan federaalaa gamasaan naanichatti furmaata itti fufiinsa qabu fiduuf hojjataa akka jiru beeksise.
*Gabaasa kanaaf jecha jiraattonni BBCn dubbise yaaddoo nageenyaaf jecha maqaansaanii akka eeramu hin hayyamne.












