Ispeen salphaatti Joorjiyaa yoo mo'attu, Beelingihaam Ingilaandiin salphinarraa oolche

Madda suuraa, Getty Images
Taphni Ingilaandii fi Isloovaakiyaa jalqabee xumuramuuf daqiiqaa 94 fi sekondii 34 irra gahee ture.
Dirree guddicha 'Arena AufSchalke' keessatti boquun taphattoota Ingilaandi cabuuf sekondota muraasatu hafee ture.
Yeroo kana Juud Beelingihaam qilleensarra ka'uun galchii miidhagduu tarree taphattoota jajjaboo Ingilaandi isa dhaabdu lakkoofsisuun biyya isaa waancaa injifatti jedhamtee dhumarratti keessaa bahuuf turte qaaniirraa oolche.
Ingilaandi taphni xumuramuuf waliigalaan sekondota 86 qaban keessatti carraa sa'a dabalataatti ce'an argatan.
Osoo mo'amanii tahee silaa leenjisaan isaanii Gaarez Saawuzgeet hojii isaanii halkanuma sana gadhiisuun shakkii waan qabu hin turre.
Ammas Waancaa Awurooppaa Jarman kana irratti gahumsi Ingilaandi agarsiisaa jirtu leenjisicha irratti gaffii heduu kaasaa jira.
Beelingihaam galchii yeroo hundaa deeggartootni Ingilaandi yaadatan lakkoofsise.
Beelingihaam guyyaa dhaloota isaa waggaa 21ffaa Sanbata darbe ayyaaneffate. Kennaa deeggartoota Ingilaandi gammachiistes daqiiqaa dhumaatti gumaacheeraaf.
Daqiiqaa dabalataa 30 akka jalqabeen ammoo Haarii Keen galchii injifannoo lakkoofsise. Isloovaakiyaan harka kennachuuf dirqaman.
Deeggartootni Ingilaandi injifannoo kana argachuutti hedduu gammadanis ooso taphni hin jalqabiiniyyuu leenjisaa isaaniirra agammachuu akka hin qabne agarsisaa turaniiru.
Ingilaandi Sanbata dhufu Siwiizerlaandi waliin morkatti.Siwiizerlaandi Xaaliyaanii 2-0 injifachuun nuusa xumuraaf darbite.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyi Waancaa Awurooppaa kana irratti hanga ammaa taphoota hunda mo'atte Ispeen qofaadha.
Joorjiyaa biyya Poorchugaaliin mo'achuun carraa 16 keessa galuu argatte waliin kan morkatte Ispeen 4-1'n mo'achuun nuusa xumuraaf darbiteetti.
Gareen Ispeen taphattoota ol adeemoo kan akka Niikoo Wiiliyaamsi (ganna 21), Lamiin Yamaal taphataa ijoollee dorgommichaa [ganna 16] fi kanneen muuxannoo guddaa qaban akka Roodirii fi Morata fa'aa kan of keessaa qabudha.
Joorjiyaan daqiiqaa 18ffaa irratti galchii lakkoofsisuun dursa qabattus dhiibbaa Ispeen hanga dhumaatti dandamachuu hin dandeenye.
Taphataan Maan Siitii Roodiriin galchii wal qixxeesituu erga lakkoofsisee hojiin sana boodaa Ispeeniif salphaa ture.
Dorgommii kana irratti akka ragaa Optaatti Ingilaandi waancicha mo'achuuf %20 carraa qbadi. Garuu gahumsi hanga amma agarsiifte quubsaa miti.
Ispeenii fi Jarman itti aanu. Amma Ispeen Jarman waliin ramadamuun ishee ammoo akka tokkoon isanaii kufan taasisa.
Qopheessituun waancichaa Jarman Denmaarkiin mo'achuun nuusa xumuraaf darbite.
Morkiin Ispeen waliin taasiftu garuu salpaa hin tahu. Morkii taphattoota ol adeemoo Lamiin Yamaalii fi Jamaal Musiyaalaa arguuf deemna.
Har'a Poorchugaal Isloovaaniyaa waliin Faransaay ammoo Beeljiyeem waliin morkatu.












