Indiyaatti riqichi cabee namoonni 141 du'anii hedduun bakka bu'an dhabame

Madda suuraa, AFP
Biyya Indiyaatti riqichi miilaan ittiin ce'amu tokko bulchiinsa Gujaaraati keessatti cabee namoonni 141 du'anii, hedduun ammalleen bakka buteensaanii dhabamun gabaafame.
Poolisiin naannichaa akka jedheetti, irra caalaan namoota du'anii dubartoota, daa'immaniifi jaarsoliidha.
Riqichi Morbii keessaa kunis erga haaromfameen booda erga deebi'ee tajaajilaaf saaqamee reefu torban tokko jedhame.
Wayita balaa qaqqabeetti namoonni Ayyaana Diwaali kabajaa turan hedduun riqicha gubbaa akka turan qondaaltoonni himan.
Riqichi Laga Maachu gubbaarratti bara jaarraa 19ffaa Biritishootaan ijaaramee ture kunis meetira 230 dheerata. Lakkoofsi namoota du'anii kana akka caalu himama.
Poolisiin, waraanniifi gareen balaa tasaa bakkichatti kan bobbaafaman yoo ta'u, yaaliin lubbuu baraarsuu itti fufeera jedhame.
Hanga yoonaattis namoonni 177 ol ta'an lubbuun baraaramaniiru. ''Ijoolleen baay'ee Ayyaana Diwaalii kabajaa turan, isaaniis akka turistiitti achi dhaqan'' jedhe namni ijaa arge tokko Rooyitarsiitti akka himeetti.
''Hundisaanii wal walii irratti kufan. Riqichiis waan namni itti baay'ateef kufe.''

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraabbiiwwan viidiyoo miidiyaalee hawaasaa irratti gadhiifaman akka mul'isaniitti, gareewwan lubbuu baraartotaa namoota baraaruuf wayita hojjataa jiraniitti namoonni hedduun ammoo riqicha cabaa irratti rarra'anii mul'atu turan.
Namoonni saaphana riqicha cabaatti rarra'uun kan lubbuun hafan yoo ta'u, kaan isaanii daakuudhaan gara qarqara lagaatti bahan.
Viidiyoon osoo hin cabiin dura waraabame akka mul'isetti, riqichi namootaa guutamee socho'aa kan ture yoo ta'u, namoonni hedduun saaphana qarqaratti rarra'aa turan.
Bulchiinsi Gujaaraat kan bakka dhaloota Ministira Mummee Indiyaa, Naarendraa Modii, taate kuni namoota balaa kanaan miidhamaniif beenyaan akka kanfalamu ibseera. Isaaniis ''balaa qaqqabeen baay'ee gaddeera'' jedhaniiru.
Aanga'oonnis balaa kana haalaan akka qoratan waadaa galan. Gaaffiin ka'aa jirus dhuguma riqichi deebi'ee tajaajilaaf banaa ta'usaatiin dura sirriitti ilaalameeraa laataa kan jedhuudha.
Eddoon kunis akka biyyaatti Julto Pul (riqicha socho'aa) jedhamuun kan beekamu yoo ta'u bakka hawwata turistii baakamaadha.












