Leenjiin 'haaromsaa' hidhattoota hidhannoo hiikkataniif kennamu maali?

Madda suuraa, ENA
Leenjiin haaroomsa hidhattoota duraanii baatiin dura Naannoo Tigraay keessatti eegalame amma ammoo Naannoo Affaar keessatti itti fufeera.
Ofii leenjiin haaroomsaa hidhattoota duraaniif kennamu ammamiif? Hidhattoota meeqatu leenjii kanarratti hirmaata? Deeggarsi maallaqaa hoo eessaa argama?
Miseensonni hidhattoota Paartii Dimokiraasii Federaala Affaar kanneen qabsoo hidhannoo gaggeessaa turan 1,750 Mudde 16, 2024 irraa kaasee leenjii haaromsaa fudhataa jiru.
Leenjichis pirezidantii duraanii naannichaa Hajii Siyyuum Awwaliin durfama.
Hidhattoonni jalqaba baatii Sadaasaa irratti mootummaa naannichaa waliin waliigaltee 'nagaa' mallatteessan, jiddugala yeroo Abi'aalaa seenuusaanii Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksiseera.
Daarektarri Kominikeeshinii Komishinarichaa, Obbo Haabtaamuu Mallasaa hidhattoonni duraanii gara jireenya 'nagaatti' yoo deebi'aniitti, akka ''hubannoo gahaafi xin-sammuu cimaa'' qabaatan gochuu barbaachisa jedhu.
Kanaafuu, Komishiniin Haaromsaa Ministeera Fayyaa fi Ministeera Nagaa waliin ta'uun ''sanadoota leenjii'' qopheessuu kan himan itti gaafatamaan, hidhattoonni duraanii kunneen guyyaa sadiif leenjii saayikoloojii fi siivikii akka fudhatan BBC Amaariffaatti himan.
''Waliigalatti yoo waraanarraa gara nagaatti imalan, xiin-sammuu fi hubannoo biyyaa gaarii qabatanii hawaasatti akka makamaniif leenjiin kun kennamaaf'' jechuun ibsan.
Leenjiin guyyaa lamaa kennamu kunis duraan kan walitti bu'iinsaa fi dhiimma waraanaa irratti xiyyeeffatu yoo ta'u, miidhaa walitti bu'iinsaa kan hubachiisudha jedhu.
''...leenjii miidhaa waraanni qabu ibsuudhaan fayyaa sammuu fi deeggarsa xin-sammuu waliin walitti qabuudhaan, hidhattoonni duraanii gara jireenya hawaasummaatti akka dhufan kan dandeessisu kenninaaf. Kunis kutaa tokko.''
Leenjiin ogummaa jireenyaa ammoo kutaa biraa yoo ta'u, hidhattoonni duraanii ogummaawwan akka komunikeeshinii, dandeettii rakkoo furuu, dandeettii murtee fi kanneen akka cimfatan gargaaran ta'uu dubbatu ittigaafatamaan kun.
''Hawaasni hidhattoota duraanii attamiin simata? Isaan irraa maaltu eegama? Walgargaarsaa fi walta'insa akkamiitu jira?
''Hawaasa waliin wal ta'udhaan attamiin jireenya milkaa'aa hogganachuun danda'ama?'' kan jedhuufi hawaasaatti makamuuf barbaachisoo ta'aniif leenjii qophii xin-sammuu qabaatan taasisuuf kan qophaa'e ta'uu himu.

Madda suuraa, National Rehabilitation Commission
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjiin haaromsaa barnoota siiviikii guyyaa tokkoof kennamu ammoo ijaarsa nagaa fi bu'aasaa, garaagarummaa yaadaa furuuf akkasumas hidhannoo hikkachuu fi hawaasa waliin walitti makamun gahee qabaatu kan hammatu ta'uu dubbatu Obbo Haabtaamuun.
''Waa'ee ijaarsa biyyaa, eenyummaa biyyummaa, duudhaalee biyyaa, federaaliziimii fi dimookiraasii, haala qabatamaa Itoophiyaa keessatti argamtu... '' kaayyoo leenjii siivikii ta'u ibsan.
Leenjiin kunis namoota irra deddeebiin leenjichaa fudhataniifi leenji'aniin kennama.
Leenjiin haaromsaa hunda hammataa akka ta'uuf namoota turjumaanaa hojjataniifi leenjiiftoota Afaan leenjiitootaa dubbataniin akka kennamu kaasu.
''Attamiin hubachiisuu fi akka galuuf gochuu dandeenya? Yaadaa fooyya'aa kamiin wal hubachuu dandeenya? fi dhimmoonni kaan'' erga xiinxalamaniin booda leenjiichi haala hidhaattonni duraanii kunneen ''barbaadaniin'' kennamaa jiraachuu dubbatan.
Waliigalattis hidhattoota kanneen gara jireenya idileetti deebisuuf leenjii guyyaa sadii qofatu kennamaaf.

Madda suuraa, Getty Images
Hidhattoota waraanarra turaniif leenjiin guyyaa sadii kun gahaadhaa? jedhamun kan gaafataman Daareektarri Komishinii Komunikeshinii Komishinii Haaroomsaa, Obbo Haabtaamuun ''gahaadha'' jedhu.
Leenjichi sadarkaasaa kan eeggatedha kan jedhan Obbo Haabtaamuun, 'yaaliin' taasifamuun mirkannaa'uusaatiin alattis sadarkaan hubannoo siyaasa hidhattoota duraanis xiyyeeffannaa keessa galfamu dubbatan.
Haata'u malee, leenjiin haaromsa hidhattoota duraanii Affaar torban tokkoof akka turu kan dubbatan aanga'aan kun, yoo leenjiicha xumuraniittis deeggarsi ni taasifamaaf jedhan.
Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa marsaa jalqabaatiin hidhattoota waliitti qabuu, hidhannoo hiikkachiisuu fi gara hawaasaatti makuutiin, kaayyoo hidhattoota duraanii kuma 75 deebiisee dhaabuudhaaf hojjata.
Leenjiin haaroomsa marsaa jalqabaa Naannoo Tigraayiitti eegalame ammoo baatii afuriif akka turu dubbatan Obbo Haabtaamu Mallas.
Hidhattoota deebiisanii dhaabuudhaaf komishinichi deeggarsa maallaqaa ni taasisa.
Akkasumas mootummoonni naannoolee hidhattoota haala waliitti fufiinsa qabuun deebisanii dhaabuudhaaf haala akka qopheessan eegama.
Naannoon Affaar hidhattoonni duraanii kunneen leenjiisaanii erga xumuranii booda torbe dhufu keessa hawaasatti erga makamanii booda, komishinichi maallaqa akka kennuuf dubbatu Obbo Haabtamuun.
Maallaqni kunis erga leenjiin marsaa jalqabaa xumurameen booda kan kennamuuf ta'a. Leenjitoonnis kana hubachuun akka eegalan himu ittigaafatamaan kun.
Mootummaan hidhattoota ''Adda Bilisa Baasaa Affaar'' jedhaman waliin waliigaltee nagaa irra gahuu kana duran ibsan.
Mootummaan naannichaa gaaffii wayita dhiyeessuttis hidhattoota duraanii kan biraatifis leenjiin haaromsaa akka kennamu Obbo Haabtaamun BBCtti himan.












