'Finxaaleyyii Amaaraaf ulaa saaqee affeeraa kan jiru Shaneedha' - Bulchaa Aanaa Noonnoo

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaan Dilbata darbe aanaa Noonnootti raawwatamefi lubbuu namoota nagaa galaafate 'ulaa Shaneen saaqeen raawwatame' jechuun bulchaan aanichaa Obbo Wandaafraash Luulessaa komatan.
Dilbata darbe ALI Onkololeessa 9, 2018 hidhattoonni jiraattonni fi angawoonni aanaa Noonnoo 'finxaaleyyii Amaaraa ykn Faannoo' jechuun waaman Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo ganda Halloo Dinkii jedhamutti haleellaa 'suukkanneessaa' jedhame raawwataniiru.
Jiraattonni BBC'n haasofsiise haleellichaan namoonni 22 ajjeefamuu kan himan yemmuu ta'u, Bulchaan aanaa Noonnoo Obbo Wandaafraash garuu, "Baay'inni nama du'ee 22 kan jedhu soba. Namni wareegame 22 osoo hintaanee nama 12" jedhan.
Dabaluunis qaamoleen nageenyaa hidhattoota haleellicha raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu kan himan bulchaan aanichaa, "tarkaanfii sirriifi seera qabeessa fudhannee adabamaniiru" jedhan.
Haaluma kanaan "22 kan jedhu kan keenya isa dubartiifi daa'ima mana keessatti ajjeessan osoo hintaanee warra (finxaaleyyii Amaaraa) waraanni tarkaanfii irratti fudhatedha, meeshaa isaanii faana" jedhan.
Gama biraatiin hidhattoonni aanichatti haleellaa raawwatan kunneen fi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan isaan Shanee jedhaniin "wal quba qabu" kan jedhan angawaan kun, "lamaansaanii asumatti dhukaasu. Noonnoon walakkaa jirti, Shaneen gara Kaabaatiin isaan kun immoo gara Kibbaatiin jiru" jedhan.
Dabaluunis "Ummata keenyarra miidhaan gurguddaan gahaa kan jiru karaa finxaaleyyii Amaaraa caalaa Shaneedha kan biyya kana goolaa jiru. Isaan kanaafillee hulaa saaqee affeeraa kan jiru Shaneedha" jechuun komatan.
Haleellaan guyyaa Dilbataas wayita waraanni mootummaa hidhattoota WBO kan isaan Shanee jedhaniin irratti oppireeshiniif bahetti raawwatamuusaa himan.
Kaayyoofi ka'umsa hidhattootaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaawwan irra deddeebii aanaa Noonnoo keessatti raawwatamaniif jirattonnifi angawoonni aanichaa aanaa Abashgee maqaa dhahu.
Aanaan Abashgee Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa godina Guraagee keessatti kan argamu yemmuu ta'u, aanaa Noonnoo waliin ollaadha.
Jiraataan aanaa Noonnoo haleellaa Dilbataa ilaalchisee BBC'f yaadasaanii kennanfi nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, hidhattoonni kunneen aanaalee Godina Guraagee keessatti leenjii fudhachuun dhufanii daa'imman dabalatee namoota nagaa haleelanii akka deeman himan.
Ka'umsi hidhattoota kunneenii Godina Guraagee aanaa Abashgee akka ta'e kan himan Bulchaan Aanaa Noonnoo Obbo Wandaafraash Luulessaa, hidhattoonni kun "Warra hidhatee bosona galee sirna jijjiiruuf yookiin haala siyaasaa falmu osoo hintaanee hattootadha" jedhan.
Haa ta'u malee qaamolee 'faayidaafii fedhii dhuunfaa aanicharraa qabaniin' deeggarsa loojistikii ykn meeshaalee akka argatan kan himan bulchaan aanichaa dhimmi lafaas keessa akka jiru himu.
Dhimma lafaafi haleellaa
Hidhattoonni jiraattota nagaa aanaa Noonnoorratti haleellaa irra deddeebii raawwatan waggoota dheeraaf aanicha keessa lafa bifa seeraan alaan qabatanii kan turan ta'uu bulchaan aanichaa himu.
"Lafa seeraan ala weeraranii, akka maleetti lafa humnaa ol istaandaardii qonnaan bulaan qabatee jiruu ol warra qabatanii turani" kan jedhan Obbo Wandaafraash, "Kan gibira itti hin gabbarre, lafa qotanii ofuma isaanii akka barbaadanitti Oromoo achirraa buqqisanii waggaa dheeraaf qabatanii turan Oromoo naannoo sana jirutti lafasaa deebisneerra" jedhu.
Haleellaawwan kunis yaada "lafa keenyatti deebina" jedhuun akka raawwataman kan himan angawaan kun, hidhattoonni kun "kaayyoo addaa hinqaban. Faayidaa seeraan alaa dur baran sana dhabanii faayidaa sanaaf socho'aa jiru" jedhan.
Furmaanni waaraan maali?
Hidhattoonni ka'umsa isaanii godina Guraagee aanaa Abashgee godhatan kunneen aanaa Noonnoo keessatti lammiilee nagaarratti haleellaa yemmuu raawwatan kun isa jalqabaa miti.
Jiraataan aanichaa BBC'f yaadasaanii kennan haleellaan Dilbata galgalaa yeroo jahaffaaf ta'uu dubbatan.
ALI ji'a Adoolessaa bara 2017 hidhattoonni kun aanichatti magaalaa Daargee keessatti namoota 16 ajjeesuunsaanii jirattonni himanii turan.
Kana malees haleellaa hidhattoonni kun ALA Waxabajjii 2024 mana cidhaarratti raawwataniin yoo xiqqaate namoota 24 ajjeesuusaanii angawaan aanichaa BBC'tti himanii ture.
Waqtichatti Komand Postii aanichaa kan turan Obbo Tashoomaa Sobboqaa, hidhattoonni kun manneen 22 ol tahanitti abidda qabsiisuun gubuusaaniis himanii turan.
Bulchaan aanaa Noonnoo Obbo Wandaafraash Luulessaa gama isaaniin rakkoo irra deddeebiin mudachaa jiru kanatti furmaata waaraa gochuuf angawoota godina Guraagee keessa jiran waliin mariin taasifamaa turuu himan.
"Warra Guraagee faana mariin taasifamee warri nagaa nama dhoowwan kun gidduudhaa akkaataa itti bahan yeroo tokko tokko marii gaggeessineerra. Isaan yaada 'humna hinqabnu' jedhu kaasu" jedhan.
Gama biraatiin immoo godinni Guraagee "naannoo biraadha waan ta'eef hidhattoota keenyaan isaan keessa seennee waa hunda gochuun xiqqoo ni ulfaata" jedhan.
Haa ta'u malee hawaasni hidhattoonni kunneen keessaa bahanii haleellaa raawwatan mariisifamee hawaasni ofkeessaa yoo baase furmaanni akka argamu dubbatan.
"Kan isaan kallattii argatan hawaasuma isaanii mariisisanii hawaasni ofkeessaa baasee yoo kenne malee warra hidhatee bosona taa'ee lolufi waraanatti dhukaasu miti" jechuunis himaniiru.















