Iraan sirna awwaalcha hooggantoota waraanaf saayintistoota ajjeefamanii taasifte

Sirna awwaalcha ajajaa waraana Iraan

Madda suuraa, Reuters

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sanbata kana namoonni kuma heddutti lakkaa'aman uffata gaddaa uffatan daandii magaalaa guddoo Iraan Tehran irratti walitti ba'aniiru.

sababni isaammoo hoggantoota waraanaa olaanoo, saayintistoota niwukilaraa fi namoota nagaa waraana Israa'el waliin geggeeffameen ajjeefamaniif sirna gaggeessaa kabajaa biyaaleessaa taasisuufi.

Miidiyaaleen mootummaa akka gabaasanitti, sirna kanarratti yoo xiqqaate saayintistoonni 16 fi ajajootni waraanaa olaanoo 10 ta'an keessatti argamu.

Isaan keessaa Meejar Jeneraal Mohammad Bagheri, hogganaa humna waraanaa, Jeneraal Hoseen Salami, ajajaa Eegdota Warraaqsaa, fi Jeneraal Amiir Alii Hajizadeh, hogganaa humna ittisa qilleensaa kan dabalatuudha.

Reenfi namoomta suuraa isaanii akkasumas Abaaboo fi Alaabaa Iraanin faayame gara Addabaabayii Azadi Tehran kan geeffam yoo ta'u, namoonni hedduunis alaabaa Iraan mirmirsaa turan.

Sirni awwaalchaa "jila awwaalchaa Wareegamtoota " jedhamuun moggaafame kun dubartoota afuriifi daa'imman afur dabalatee walumaa galatti namoota 60 waraana kanaan ajjeefaman akka ta'e TVn Mootummaa ibseera.

Sirna awwaalchaa kana irratti Pirezidaantii Masuud Pezeshkian yeroo waldhabdee kanaatti akka malee kan madaa'ee fi gorsaa hogganaa olaanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni kan ta'e Ali Shamkhani dabalatee namootni hedduun argamaniiru.

Bagheri, Salami fi Hajizadeh waxabajjii13, guyyaa jalqabaa waraana kanaa ajjeefaman

Biyyi Baha Giddugaleessaa tokkicha meeshaa niwukilaraa qabdi jedhamtu Israa'el, Iraan meeshaa Nikuleraa akka hin hojjatanneef waraana irratti banuun yoo xiqqaate guyyoota n12f wal haleela turan

Iraan sagantaa meeshaa niwukilaraa qabaachuu ni haalte. Dhaabbanni niwukilaraa U.N. kan Iraan keessatti sakatta'iinsa gaggeessu, sagantaa meeshaa waraanaa sochii qabuu fi qindoomina qabu Iraan keessatti akka jiru "agarsiiftuu qabatamaan hin jiru" jedheera.

Qondaalli waraanaa olaanaa Israa'el Jimaata darbe akka jedhetti Israa'el yeroo waraana kanaa qondaaltota nageenyaa olaanoo 30 fi saayintistoota olaanoo niwukilaraa 11 ajjeesteetti.

Akka lakkoofsi ministeera fayyaa Iraan ibsutti, waraanni guyyoota 12f gama Iraaniin namoonni 610 kan ajjeefaman yoo ta'u, isaan keessaa 13 daa'immanii fi 49 dubartoota, osoo Kibxata darbe dhukaasa dhaabuun hojiirra hin oolin dura. Namoonni 4,700 ol madaa'aniiru.

Dhaabbanni oduu biyyatti lakkoofsi namoota nagaa 387 dabalatee namoota ajjeefamanii 974 akka ta'e ibseera.

Ministeerri fayyaa Israa'el akka jedhetti Israa'el keessatti namoonni 28 yoo du'an, 3,238 ammoo madaa'aniiru.