Bahaaruu Abarraa: Ga’eessa hidhaa waggaa 20 booda digrii seeraa eegalaniin eebbifaman

Obbo Baahiruu Abarraa- nama hidhaa waggaa 20 booda eebbifaman

Obbo Bahaaruu Abarraa ga’eessa ganna 46ti. Dhalatee kan guddate Shawaa Kaabaa Waacaaleetti.

Mul’ata isaa karaa barumsaatiin qabate milkeessuuf barumsa kan jalqabe ALI bara 1976 ture. Garuu kaayyoonsaa milkaa’ee digiriidhaan kan eebbifame bara 2014’tti. Waggoota 38 booda jechuudha.

Bahaaruun barnoota isaa hanga kutaa torbaatti jiru osoo adda hin kutiin haala gaariidhaan akka barate hima.

Rakkoon siyaasaan walqabate mudachuun barumsa isaa irraa kan isa adda baasuu eegale bara 1983’tti. “Bara chaartaraa sana garee ABO tokkotu Muka Xurrii dhufee qophii tokko qopheessan. Gaafas nuti ijoollee turre. Mana barumsaatii baanee sagantaa sana ilaaluu deemne.

"Achumaa qabanii ji’a jahaaf na hidhan. Ergan achii bahee barumsaattan deebi’e” jechuunattamiin rakkoon jalqabaa akka eegale himu Obbo Bahaaruun.

Erga hidhaadhaa bahee ‘Tuttuqaa Dargii fi tuttuqaa ABO qabda’ jechuun deebisanii akka isa hidhan hima.

“Uummannis yeroo sana dammaqiinsa hin qabu ture. Warri mootummaa maquma barbaadan sitti maxxansanii si dhahu.

"Bakka adda addaatti na hidhan. Yeroo tokko Kaampii waraanaa keessaa, yeroo tokko ammoo mana hidhaatii miliqeen ture,” jedhu Bahaaruun.

Barri 1990 garuu yeroo hidhaan yeroo dheeraa itti murame ture. ‘‘Erga naqabanii boodas Godinnii fi Federaalli himata adda addaatiin na himachuun narratti waldhabaa turan’’ jedha.

“Himatawwan namoota aangoo qaban ukkaamsee gadhiise, ykn namoota hedduus deeggartoota mootummaati jechuudhaan ajjeeseera jedhu fa’i narratti banan.

"Federaalli isa na hamateen bilisa jedhe. Fiicheetti ammoo umurii guutuu natti muran,” jechuun haala rakkiisaa keessa darbu yaadatu.

Obbo Baahiruu Abarraa

Dararaa manneen hidhaa

Obbo Bahaaruun erga hidhaan umurii guutuu itti murtaa’een booda manneen hidhaa 13 keessatti daddabarfamuun akka hidhamaa ture dubbata.

“Manneen hidhaa 13’ttin hidhame. Kana keessaa mana dukkanaa keessatti waggaa baayyeefan ture. "Sababa kana dura mana hidhaatii miliqeera jedhameef jecha kaateenaadhaan na hidhaa turan. Kaateenaadhaan osoo narraa hin bahin waggaa shanii fi ji’a sadiin hidhame,” jedhu.

Manneen hidhaa itti daddabarfamaa ture 13 kana keessattuu ‘‘dararaan mana hidhaatti narra hin geenye hin jiru,’’ jedha Bahaaruun.

Barumsa mana hidhaatti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bahaaruun erga umurii guutuun itti murtaa’een booda dhumarratti gara mana hidhaa qaallittiitti dabarfame. Barumsaaf fedhii guddaa waan qabuuf jecha gaaffiin barachuu gaafate achitti deebii argateef.

Haata’uutii barumsa inni kutaa 11 gahee ture gara kutaa 9tti deebi’ee akka jaalqabu waan jedhaniif achirraa manuma hidhaa keessatti barumsa isaa barachuu jalqabe.

Mana hidhaa Qaallittitti barnoonni hanga kutaa 10 qofa waan tureef jechas barumsa qophaa’inaa barachuuf gara mana hidhaa Ambootti jijjiiramuun manuma hidhaa taa’uun kutaa 11 fi 12 barate.

Hidhaa keessa ta’uun qorumsa kutaa 12ffaa erga fudhateen boodas qabxii seensa yunvarsiitii waan argateef ramaddii yunvarsiitii taasifameen Bahaaruu kan qaqqabe Yunvarsiitii Arsii ture.

Haata’u malee barumsa isaa kan baratu mana hidhaa taa’ee waan ta’eef deeggarsa manni amala sirreessaa taasiseefiin yunvaarsiitii Ambootti jijjiirraan taasifameefii barnootaa seeraa barachuu jalqaabe.

Mana sirreessaa Ambootti balaan abiddaa mudatee ture garuu Bahaaruun barumsa isaa akka itti hin fufneef gufuu itti uumee ture.

“Mana hidhaa ambootti balaan ibiddaa uumame. Shawaa Lixaattis jeequmsi uumaamee ture. Booda isatu moobaayiii galfatee kana uume jechuun lafa jalatti na hidhan. Bakki sun bakka hamaa ture. Akka ijikoo baduuf ture. Waaqumatu nagargaaretan achii keessaa nagaan baahe,” jedhu.

“Barnootan Yunvarsiitii Ambootti barachuu jalqabes, barattoota waliin wal argee ijoollee jeequmsatti kakaasa waan ta’eef barachuu hin qabu jedhanii waan murteessaniif barumsa seeraa jalqabes addaanan kute,” jedhu.

Egaan erga waggoota 20 booda mana Hidhaa Amboo irraa gadhiifameen booda ture barumsa isaa adda kutee ture kan Yunvarsiitii Ambootti deebi’uun kan jalqabe.

Bahaaruun baarumsa bara 1976 jalqabeen bu’aa bahii hedduu dabarsuun waggoota 38 booda Digirii jalqabaa seeraan Yunvarsiitii Amboo irraa tibbana eebbifame.

Barumsa Seeraa fi Mul’atasaa

Jireenya waggoota 30’n darbe keessa dhuferraa ka’unis, ‘‘namni qorumsa isaa mudatuuf harka osoo hin kennin yoo jabaate, turus lafa yaade sana inuma gaha,’’ jedha Bahaaruun.

“Yeroo ja’aa oli dhukaasa kan natti bananii turan. Mana hidhaa keessatti malaan na ajjeessuuf wanti hin yaalamne hin turre.

"Ati yoo jabaatte waaqnillee sibira dhaabbata. Kan asiin nagahe jabina keessa kiyya jiru. Ijoolleen na ilaalanii guddatanis yaadaan nagargaaru,” jedha.

Uummata keessi isaa salphaatti caccabee baduu fi waan xiqqoodhaan rifatee dhaabbatu keessaa waanin hin baaneef, waanin itti amane saanirraa duubatti hin deebi’un tures jedha.

Muuxxannoo jireenya keessa darban irraa ka’unis, dhaloonni gufuu xiqqoodhaan abdii kutee akka hin hafne muuxannoo qooduu fi barumsa seeraa barateenis hawaasa haqa dhabe gargaaruuf mul’ata akka qaban himu Obbo Bahaaruun.