Hogganaan waraana addaa Raashiyaa dhohinsa Moskootiin ajjeefame

Armen Saargsyaan helikooptaraan gara hospitaalaa geeffamus miidhaan dhohinsichaan irra gahe lubbuun isaa darbe

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hogganaan garee waraanaa baha Yukireen keessatti Raashiyaa deeggaruu, dhohiinsa Wiixata ganama Moskootti mudateen madaa'uun hospitaala keessatti du'uu miidiyaaleen Raashiyaa beeksisan.

Hogganaan kutaa waraanaa "Arbat" Armeen Saargsyaan, dhohinsa seensa galma gamoo mana jireenyaa kaaba dhiha Moskoo kan Kireemliin irraa kiiloo meetira 12 (maayilsii 7) fagaatu keessatti mudateen akka malee miidhame.

Dhohinsichaan booda helikooptaraan gara hospitaalaatti geeffamuun yaala cimaa (ICU) keessa kan galfame yoo ta'u, dhuma irratti garuu miidhaan irra gahe du'uu isaa maddeen Teleegraamii yeroo baayyee amanamoo ta'an himan.

Namoonni biroos, eegdota Armeen Saargsyaan keessaa tokko dabalatee, garmalee miidhamuu isaanii kan himame yoo ta'u, maddeen tokko tokkos namni gara biraa tokkos du'uu himan.

Dhohiinsa kana ilaalchise Yukireen hanga ammaatti yaada hin kennine.

Ji'a Muddee keessa, tajaajilli nageenyaa Yukireen (SBU)n ''hogganaan yakka'' Mr Saargsyaan ''hidhamtoota Yukireen keessattiakka lolaniif bobbaasuun'' shakkamaa ta'uu ibsuun, Caamsaa bara 2014 irraa eegalee ajjeechaa jidduugala magaalaa Kiiv keessatti raawwatame irratti hirmaachusaatiin tarree namootasadarkaa addunyaatti barbaadaman irra jira jedhe ture.

SBUn itti dabaluudhaan, Mr Saargsyaan qaama hidhat keessoo oirezidaantii duraanii Yukireen, Viktar Yaanukovych kan baqate ta'uu ibseera.

"Yaaliin ajjeechaa qondaala kanarratti raawwatames kan of eeggannoodhaan karoorfamuun ajajni kennameedha. Qorattoonni yeroo ammaa kanatti kanneen yakka kana ajajan adda baasuuf hojjataa jiru," jechuun TASS qondaala seera kabachiisu tokko wabeeffachuun himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Suuraaleen miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman, caccabaa fi pilaastara seensa galmaa baayyee miidhame kan foddaa fi balballi haleellame duratti faca'e agarsiisu.

Haati ijoollee sadii fi dubartiin ganna 36 kan taate, Olgaa Voronovaakan , gamoo dhohinsi itti raawwatme kanatti aantee jiraattu, ''baay'ee sodaachuu'' fi dhohinsichi attamiin akka mudachuu danda'e akka hin hubanne dhaabbata oduu AFPtti himteetti.

"Eegdota nageenyaa baayyee ciccimoo qabna, buufata sakatta'iinsaatti konkolaataa hunda gaafatu, keessummootaaf, miseensota maatiitiif illee kan ittiin seenanitu gaafatama," jetti.

Mr Saargsyaan magaalaa naannoo Yukireen Donetsk kan bara 2014 irraa eegalee Raashiyaan qabamte Horlivkaa keessatti dhalatan.

Kantiibaan magaalattii Ivaan Prikhodko barreeffama Telegiraamii irratti du'a qondaala kanaa ittiin mirkaneessaniin akka jedhanitti, Mr Saargsyaan ''bu'aan isaa inni guddaan kutaa humna addaa ta'e hundeessuu fi hogganuu isaati'' jedhan.

Mr Prikhodko akka jedhanitti, Mr Saargsyaan itti gaafatamaa Federeeshinii Booksii Rippabiliika Uummataa Donetsk ofiin jedhus turan.

Kutaan waraana "Arbat" naannoo Kursk Raashiyaa keessatti socho'uun kan beekamu yoo ta'u, loltoonni Yukireen ji'a Hagayyaa keessa erga haleellaa tasa achiitti jalqabanii booda ammallee achuuma jiru.

Namoota sadarakaa olaanaa kanneen weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte deeggaran irratti, Moskoo fi naannoo to'atame keessatti haleellaan hedduun raawwatameera.

Qondaalli humna galaanaa olaanaan Raashiyaa, Vaalerii Tiraankoovskii fi hogganaan mana hidhaa Raashiyaa,e Sergee Yevsyukov dhuma bara 2024tti daangaa Yukireen kan Raashiyaan qabamte keessatti konkolaataa boombiin dhohuun ajjeeffaman.

Akkasumas ji'a Muddee keessa, jeneraalli humna waraanaa Raashiyaa keessatti gulantaa olaanaa qabuu fi gargaaraan isaa tajaajila nageenyaa Yukireeniin Moskoo keessatti ajjeefamaniiru jechuun maddi Yukireen BBC'tti himeera.