Mariin Maan Yuunaayitid Embuumoo fudhachuuf taasisu danqame - Oduu jijjiirraa Kamisaa

Madda suuraa, Getty Images
Maanchister Yuunaayitid Bireentifoordi irraa Biriyaan Embuumoo mallatteessisuuf mariin ji'ootaaf gaggeessaa ture danqame. Liiverpuul taphataa Entiraakti Firaankifarti, Huugoo Ekitiikee mallatteessisuuf dorgommiitti jira.
Maanchister Yuunaayitid Biriyaan Embuumoo kan ganna 25 tahe Bireentifoordi irraa mallatteessisuuf yaaliin taasisaa ture milkaa'aa hin jiru.
Maanchister taphataa kana fudhachuuf paawondii miliyoona 65 Bireentifoordiif dhiyeesseera. Bireentifoordi ammoo paawondii miliyoona 70 tahu kafffaluu qabdu jedhe.
Liiverpuul Huugoo Ekitiikee mallatteesisuuf Entiraakti Firaankifarti waliinmarii jalqabuu Sky Sport gabaaseera.
Haa tahu malee, Niwkaastil Yuunaayitid taphataa kana harka galfachuuf yaalaa jiru. Ekitiikee taphataa siaanii cimaa Liiverpuul barbaadaa jiru Aleeksaander Isaak waliin taphachiisuuf taphataa lammii faransaay kana barbaadaa jiru.
Taphaticha Maanchister Yuunaayitidi ni barbaada. Garuu gatii kilebichi gaafatu waan dhiyeessuuf miti.
Astoon Viilaan Maanchister Yuunaayitid irraa Alehaandiroo Gaanaachoo mallatteesisuu barbaadu.
Dhiyeenya kana yeroo boqoannaa irra jiru Gaanaachoon hidhannoo Astoon Viilaa Maarkas Raashfoordi yeroo Astoon Viilaa ture uffataa ture uffatee argameera.
Kun deeggartoota Yuunaayitid hedduu dheekkamsiiseera. Ruuben Amooriim yeroo xumura waancaa Awurooppaa Liigii irratti Gaanaachoo taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uun wal dhaban ''kilebuma haaraa argachuufuu waaqa kadhadhu'' jechuu isaanii gabaafamaa ture.
Haa tahu malee, kana duras taphataa kana akka barbaadu Cheelsiin irra deddeebiin ibseera. Nikolas Kaaksan Maanchister Yuunaayitidiif kennuun Gaanaachoo fudhachuu danda'a jedhe Times gabaasa isaa har'a baheen.
Jaaksan ammoo kileboota Xaaliyaanii akka AC Miilaaniin barbaadamaa jira.
Oduu biraan maanchister Yuunaayitid taphataa sarara ittisa cinaa Biraayitan Pervis Estupiinaa kan gurguramu yoo tahe jedhee bakka bu'oota isaa waliin marii jalqabeera jedhe Mirror gabaasa har'aan.
Inter Miilaan taphataa cimaa Atalaantaa fi badhaasa taphataa cimaa Afrikaa mo'ate Ademolaa Luukmaan gaafataa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Riyaal Maadirid taphattoota isaa ciccimoo tursiisuuf rakkoo keessa kan galaa jiru fakkaata.
Dhiyeenya taphattoota ciccimoo akka Viinishiyees, Imbaappee fi kaan akka gareetti taphachuu qabu malee gahumsa dhuunfaa siaanii qofa agarsiisuuf taphachuu hin qaban jechuun leenjisaan kilebichaa Zhaavii Aloonsoo dheekkamee ture.
Kunis erga Kilab Woorlid Kaappi irratti PSG'n mo'amaniiti.
Hoggantoonni kilebichaa ammoo Aloonsoon taphataa barbaade taphachiisee kan barbaade taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uu akka danda'u eeyyamaniiruufii.
Taphattoota inni barbaadu gara biraas akka mallattesisan itti himameera.
Oduu guddaan garasii dhagahame garuu Viinishiees Juuner kontiraata haaraa mallatteessuuf miindaa guddaa gaafachuu isaati.
Kana dura kilebni Sawudii Al Hilaal miindaa kana dura taphaa kamiifuu kaffalamee hin beekne dhiyeesseefii ture.
Viiniishiyes yeroos ana diduun yeroo Riyaal Maadirid keessatti seenaa hojjechuu akka barbaadu ibsee hafe.
Amma Riyaal Maadirid miindaa taphatichi gaafate akka hin fudhanne ibseera. Kanaaf waliigalteerra osoo hin gahiin waan hafaniif tarii Maadirid taphataa kana gurguruu danda'a jedha gabaasni har'a barruun Ispeen Sport jedhamu baase.
Dbalataan mucaan biyya siaa Roodiriigoonis Riyaal maadirid keessaa bahuu akak danda'u kilebichi eeyyameeraaf.












