Fedhiin Isak gama Liivrpuul wayita jirutti taphi Niwukasil waliin taasisan akkam ta'a?

Fedhiin Aleksaandar Isaak Liiverpuul galuuf qabu taphi Liiverpuul fi Niwukasil akkaan akka eegamu taasiseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fedhiin Aleksaandar Isaak Liiverpuul galuuf qabu taphi Liiverpuul fi Niwukasil akkaan akka eegamu taasiseera
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yeroo waa'een taphataa sarara fuulduraa Niwukasil Aleksaandar Isaak osoo adda hin citin itti fufee jirutti Liiverpuul har'a galgala (Wiixata, Hagayya 25, 2025) gara St James' Park imalee ni falmata.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot halkan kana iddoonsaanii maal akka ta'u mirkaneeffatan fakkaata.

Kun tapha Niwukasil barana dirreesaa irratti taasisu kan jalqabaati. Taphataan kilabichi yeroo akkanaatti abdatu oduu jijjiirraan xaxamee wayita jirutti chaampiyoononni gara dirree sanaa imalaa jiru.

Dubbiin Isaak taateen kun akkaan akka eegamu taasiseera. Eedii Haawu sababa kanatti waan isaan mudachuu malu inuma beeku.

''Waan nurraa eegamu hojjechuurratti fuulleffachuu qabna. Baayyee miiraan guutamuu hin qabnu. Tumsa deeggartootaan of utubnee waan barbaannu argachuu qabna,'' jedhan.

''Kun nuuf akkaan murteessaadha.''

Edii Haawu erga bara 2021 kilabicha leenjisuu eegalanii muuxannoo jiru irraa ka'uun kana dubbatu.

Kilaba bu'uuf qarqara irra jiru fuudhanii falmii waancaaf onnachiisan. Ergasaan Niwukasil seenanii kilabichi qe'eesaatti taphoota 12 caalaa hin mo'amne.

Dirreesaaniirratti kilaba isaaniin morku yoo argatan akkaataa itti deebii kennaniif beeku, tumsi deeggartootaa baayyee isaan onnachiisa.

Niwukasil taphoota bara darbe Liiverpuul, Arsenaal, Manchister Siitii, Chelsii, Manchister Yunaayitid fi Tootanhaam waliin taphate saddeet keessaa ja'a mo'achuun, lama qixa ba'e, tokko qofa mo'ame.

Kana keessatti tumsi deeggartootaa, sagaleen isaan kennan baayyee gumaacheera. Deeggartoonni Wiixata kana galgalas kana irra deebi'uuf.

Ammoo Isaak Liiverpuul galu malee jechuunsaa Niwukasil deeggarsa qindaawaa kanas akka dhabu taasiseera.

Liiverpuul barbaacha taphattootaa keessatti Niwukasiliin mo'achuun Huugoo Ekitikee of harka galfateera.

Edii Haawu jifataa Faransaay kana sirriitti beeku.

''Hugo Ekitikee akkan jaalladhu shakkiin hin jiru. Waggootaafis kanuman agarsiisaa ture. Taphataa baayyee hordofaa turredha,'' jedhan.

''Sochiin isaa, luka lamaaniin kubbaa danda'uunsaa, qaroo ta'uunsaa akka Niwukasil isa barbaadu taasiseera.''

Kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand keessaa waa'ee Huugoo Ekitikee kan bareechee beekuu fi barbaadaa ture Niwukasil qofa miti.

Liiverpuulis taphataa kana hordofaa ture. Keessattuu Eyintiraakt Firaankifart keessatti ga'umsi isaa akkuma dabalaa deemeen Liiverpuul hordoffiisaa cimse.

Ji'a darbe Niwukasil maallaqa barbaachisu baasee Ekitikee fiduu danda'a ture, garuu taphataan kun dursee Arnee Siloot waliin akkuma dubbateen paawondii miiliyoona 69n gammachuudhaan Liiverpuul seene.

Isaak jalaa yeroon dhumaa jira

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sochiin Niwukasil Huugoo Ekitikee bituuf taasisaa ture Aleksaandar Isaak irratti dhiibbaa al-kallattii qabaata kan jedhu shakkiin baayyee xiqqoo ta'e tureera.

Kilabichi osoo Ekitikee mallatteesiseera ta'ee silaa yoona yeroo rakkoo kanatti nama bakka buufatu hin dhabu ture.

Ji'a darbe kilabicha kan gadi dhiise Kalum Wiilson nama bakka bu'u barbaaduufis yeroo argata ture.

Kilabichi Beenjaamiin Sheeshkoo kan Manchister Yunaayitid seenes mallatteesifachuuf adamsaa turus hin milkaa'in hafeera.

Haala kanaan jijjiirraa taphattootaa Fulbaana 1 xumuramu dursuun dhuguma waan taphataa gidduurraa ka'ee fuulduratti ba'uun taphatu waan argatan miti.

Kilabichi dhiphuu jijjiirraa Aleksaandar Isaakiin walqabatee keessaa jiruu fi amma xumura irra ga'eef ''haal-duree'' waan heddummeessu hin fakkaatu.

Gabaa jijjiirraa taphattootaa xumura jala ga'ee jirutti akkamiin ulaagaa heddummeessu?

Siloot yeroo kanatti dhimmisaanii ijoon waa'ee gabaa Isaakitti deebi'uu caalaa taphicharratti akka xiyyeeffatan beekamaadha.

Tapha xumuraa Waancaa Karabaawoo bara darbee irratti Niwukasil olaantummaa argachuun Liiverpuuliin mo'achuun ga'een daawwattootaa hagam akka ta'e mul'isa.

''Homaa waliinuu wal hin qabatu. Sun kan jiru miidiyaarra qofa,'' jedhan Arnee Siloot.

''Gara Niwukasil yoo deemte, waan eegdu beekta.''

''Bara darbe tapha sadi waliin taphanne, jabinni isaanii dachaa kan keenyaa ta'a. Tapha dirreesaanii irratti Muddee keessa taphanne goolii 3 fi 3n xumurre. Keessattuu hanga daqiiqaa 60tti baayyee cimoo turan. Dursuun isaaniif mala ture. Tapha Waancaa Karabaawoo isa xumuraa irrattis baayyee nu caalanii turan,,' jedhan Siloot.