Moraataafi Rodriin 'ispoortii waan hin malleef fayyadamuun' himataman

Taphattoonni Ispeen yeroo Waancaa Awurooppaa Ingiliziin 2fi 1'n mo'atanii Maadiriditti kabajataa jiranii waan sirbaniin himataman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoonni Ispeen yeroo Waancaa Awurooppaa Ingiliziin 2fi 1'n mo'atanii Maadiriditti kabajataa jiranii waan sirbaniin himataman
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa dursaa taphattootaa Ispeen Alvaaroo Moraataafi taphataa Ispeen biroo Rodiriitii naamusa cabsuun himatee qorachuu eegale.

Kunis, taphattoonni lamaan yeroo Waancaa Awurooppaa injifatanii Maadiriiditti kabajataa turan ‘’Jiblaaritaar kan Ispeenidha’’ jechuun waan sirbaniifidha.

Waldaan Kubbaa Miilaa Jiblaaritaar (GFA) waa’ee kana komatee Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa (Uefa) fi qaama Uefa dhimma naamusaa qoratutti xalayaa barresseera

Xalayaan kunis ''qajeelfamni naamusaa Uefa'' cabuu hin oolle jedhee akka qoratamu gaafate.

Sababa kanaaf Moraataafi Roodriin ''qajeelfamoota naamusaa,…dirreewwan ispoortii dhimma ispoortiin ala ta’ef fayyadamuun, addatti ispoortiifi Uefa maqa balleessuun,’’ himatamaniiru.

Qaamni Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa dhimma naamusaa qoratu (CEDB) fuula duratti dhimmicharratti akka murteessu eegama.

Kibba Ispeenitti kan argamtu Jiblaaritaar eega jaarraa 18ffaati bulchiinsa Biriitish jala jirti.

Ispeen immoo akka isheetti deebi’u yeroo dheeraaf gaafataa jirti.

Taphattoonni Ispeen Maadiriditti ture gammachuu keessa ta’anii deeggartoota kumaan lakkaa’amu fuulduratti dhimma siyaasaa kana kan kaasan.

Utubaan Maanchistar Siitii Roodiriin, waltajjiirratti ‘’Jiblaaritaar Ispeenidha’’ yeroo jedhu mul’ata.

Boodarra jifataan AC Miilaan Moraataan deeggartoonni Ispeen akkuma isaanii akka cookan yeroo jajjabeessu mul'ateera.

Dhimma kana Waldaan Kubbaa Miilaa Jiblaartaar amala taphattoota Ispeeniin komii ibse.

''Akkaataan taphattoonni Ispeen gammachuu itti ibsan haalaan dubbii kan kakaasuufi amala arrabsoo qabudha,’’ jechuun ibse.

‘’Kubbaan miilaa amala akkanaaf bakka hin qabu,’’ jechuunis dabalan.

Jiblaartaar eega bara 2013 eegalee miseensa guutuu Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaadha.