Hariiroon faalama qilleensaa fi ofiin ajjeesuu gidduu jiru maali?

magaalaa qilleensa faalamaa qabu

Namoonni akka of hin ajjeesneef akkamiin gargaarra? Deebiin salphaa ta’e hin jiru, garuu wanti tokko ifaadha: Of ajjesuun rakkoo fayyaa hawaasaa guddadha. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, waggaa waggaan addunyaa irratti namoonni 700,000 ol ta’an of ajjeesu.

Guddina rakkoo of ajjeesuufi wantoota kana fidan irratti xiyyeeffannoo uumuuf, WHO’n Fulbaana 10 Guyyaa Ittisa Of Ajjeesuu jechuun yaadatama.

Waggootii digdaman keessatti lakkoofsi namoota of ajjeesanii Ameerikaa keessatti %40n dabaleera.

Bara darbe US keessatti namoota 50,000 ta’anitu of ajjeese – kana jachuun garaagarummaa daqiiqaa 11 namni tokko of ajjeesa jechuudha. Madaalliif yoo ilaallee sadarkaan of ajjeesuu UK kan US irra %25n hir’isa.

Du’a akkanaa ittisuun rakkoo walxaxaa ta’edha, furmaati kana jedhamus hin jiru.

Ta’us, qorannoowwan waggootii dhiyoo keessatti taasifaman, maloota amma jiran kan aka tajaajila fayyaa xiinsammuu irratti hojjeechuu fi qofummaa hir’isuu dabalatee hojii namootni siyaasaafi angaa’ooti fayyaa hawaasaa hojjechuu danda’an akka jiran agarsiisu.

Fakkeenyaaf, bara 2018’tti qorattoonni gabaasa maxxansaniin Deenmaark wantoota hamoo namni of ajjeesuuf itti fayyadamamu irra dhorkii cimaa kaa’uun, akkasumas namoota yaada of ajjeesuu qabaniif Kilinika Ittisa Of ajjeesuu addatti hundeessuun, biyyattii keessatti lakkoofsa namoota of ajjeesanii hir’isuu danda’uu ishee gabaasaniiru.

Ammammoo qorannoon haaraa ittisa of ajjeesuu, kan rakkoo kana waliin haariroo kan qabu hin fakkaanne mul’achaa jira, kunis qulqullina qilleessaa fooyyessuudha. Waggoota muraasa darban keessa qorannoowwan adda addaa hariroo dabaluu faalama qilleensaa fi rakkoo of ajjeesuu gidduu jiru agarsiisaniiru. Ragaaleen kunneen irraa maal hubanna?

Qorannoon kun maal agarsiisa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2021tti, Seyulkee Heyoo fi waayilootni isaa Yunvarsitii Yeelitti qorannoowwan hariiroo faalama qilleensaa fi of ajjeesuu gidduu jiru qoratan gulaalaniiru.

Kanaanis, of ajjeesuu fi wantoota mukeen gubatanii, ibidda bosonaa ykn dhukkee bakka ijaarsaa irraa maddan, akkasumas gaasii salfar diyoksaayidii fi naaytiroojin daayoksaayidii dhabbilee industirii fi konkolattota muraasa irraa maddaan gidduu hariiroo cimaa ta’e akka jiru argataniiru.

Argannoon kun gabaasa qorannoo bara 2019’tti Yunivarsitii Kolleejii Landan irraa Isobeel Bireezweet taasisame kan deeggarudha.

Argannoo qorannoo adda addaa ilaaluun, Bireezweet fi waayilootni, yeroo kosiin qilleensa keessa jiru yemuu dabalu, guyyaa sadii keessatti rakkoon of ajjeesuus hangaan akka dabaluu malu argataniiru.

Qorannoon kun dabalatan yaada yeroo dheeraaf faalama qilleensaatti saaxilamuun dhibee depression dabaluu danda’a jedhus deeggareera.

Qorannoowwan hedduu Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti gaggeefamaniiru, argannoon dhiyeenya ragaalee US qorachuun, Waajjira Qorannoo Diinagdee Biyyaalessaa Kaambiriij, Masachoositsiin maxxanfame garuu, yemmuu magaalota US keessatti koosiin qilleensa keessa jiru kiwubik meetiri tokko keessatti maaykiroogiraamii tokkoon dabalu, hangi of ajjeesuu guyya guyyaa %0.5 akka dabalu argateera.

Ta’us qorannoon kun, akka qorannoo warra kaanii maxxaansa oggeessotan gulaalame irratti hin bane.

Ibsi saayinsawaa argannoo kanaa maali?

Kun sirriitti hin beekamu, qorattoonni garuu waan shakkan qabu. Qilleensi faalamaan somba keessa seenu adeemsa oksijiinii hidha dhiigaa keessaa danquun, boodarra sammuurra dhorka.

Qorannoowwan biroo kan dhimmaa of ajjeesuu waliin wal hin qabannee ammo, qilleensi faalamaan rakkoo dandeetti sammuu hir’isuufi (Cognitive impairments) – kan akka waa yaadachu, barachuu fi murteessuu dadhabuu- rakkoolee biroo akka fidu argataniiru.

Dhimma of ajjeesuu ilaalchisee, faalamni qilleensaa sammuu keessatti madaan akka uumuu, hanqina seratoonin (hormoonii gammachuu fi yaada gaari to’atu) uumuufi dandeetti dhiphuu furuu jeequu akka fiduu danda’u qorattoonni ni shakku, kunimmoo darbee mallattoolee depression fakkaatan fi murtee ariitiin taasifamu uumuu mala.

Kanaaf qilleensi badan akkataa namootni yaadan irratti dhibbaa uumuu danda’a jechuudha: kunimmoo yaada osoo isaan hubatiin gara of ajjeesuutti isaan geessu uumuu mala.

magaalaa qilleensa faalamaa qabu

Madda suuraa, Getty Images

Wantoonni beekamu qaban maali?

Qorannoowwan gartuulee Yeel fi UCL’n ilaalaman, dhiibbaa faalamni qilleensa sammuu irratti gadi fakkeenyaan kan ilaalaan osoo hin taane, hariiroo jiru kan qoratanidha.

Akkuma qorannoo hariiroo ilaalu kamuu, dhibbaan jijjiirama naannoo kan biraa jiraachuu danda’a.

Fakkeenyaaf, Hewoofi waayilootni qorannoowwan hariiroo of ajjeesuufi tempireechara guddaa gidduu argatan ilaaluun, guyyaa ho’a cimaa qabuufi hammaa

Qorattuun Yeel, Micheel Beel akka jettutti, teempireecharri 7C’n yemmuu dabalu hangi rakkoo of ajjeesuu %9n dabala. “Ho’iinsi garmalee dabaluun isaa rakkoon akka dabalu taasisa,” jetti.

Tempireecharri guddaan faalamni qilleensa akka dabaluu gochuu danda’a kan jedhan Hewoo fi waayilootni, guyyaa ho’aa irratti namootni foddaasaanii waan bananiif caalaatti qilleensa faalamaan haafura bafachuu maalu jedhu.

Wanti saayinsiin mirkaanaa hin taane inni biraan, yoo faalamni qilleensa raakkoo of ajjeesuu fidu dubartootaa fi dhiirota gidduutti adda addummaa qaba ta’edha. (Ta’us ammatti kan beeknu, rakkoon of ajjeesuu harka caalaan dhiirota waan miidhudha. US keessatti namoota of ajjeesan keessa %80 dhiirota turani.)

Kanaaf, beekumsi haaraan kun of ajjeesuu ittisuuf nu gargaaraa?

Muuxannoon durii, kan Deenmaarkii fi bakkeewwan biro irraa argaman, rakkoo of ajjeesuu hiri’suuf sadarkaa gandootii fi biyyaalessatti hojii adda addaa hedduu akka barbaadu ni mul’isu.

Faalamni qilleensaa carraa of ajjeesuu dhibbantaa muraasaan ni dabala, kana balleessuun rakkoo kana hin furu.

Ta’us, yoo hariiroon faalama qilleensaa fi of ajjeesuu qidduu jiru mirkaneeffameefi qorannoo dabalataan ibsame, yeroo faalamni qilleensa dabalutti ummataaf akkeekkachisa kennuu fi duula hubbannoo gaggeesuuf sababa ga’aa kan kennudha, jedhu Hewoo fi waayilootni.

Jijjirama qilleensa waliin, gogiinsi, gammoojjumaa fi ibiddi saafaa dabalaa dhufaniiru, kunneen ammoo faalama qilleensaa akka dabalan ni beekama. Kunneen ofiinu rakkoo hamaadha, yoo yaaddoon rakkoo namootni of ajjeesuu itti dabalame ammo kana furuun xiyyeeffannoo hatattamaa waan barbaadudha.