Maask karoorasaa yoo milkeesse dolaara Tiriliyoona tokko akka badhaasu Teslaan beeksise

Elon Maask

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Hoji-gaggeessaan olaanaa Teslaa Elon Maask waggoota 10 dhufan keessatti karoora isaa yoo milkeesse doolaara Tiriliyoona tokko akka argatu boordii dhaabbatichaa beeksiseera.

Badhaasa kana argachuuf, dureessa addunyaa tokkoffaa kan ta'e Maask, gatii gabaa Teslaa dachaa saddeet guddisuu, roobootii sammuu namtolchee qaban miliyoona tokko gurguruu, konkolaattota Teslaa miliyoona 12 dabalataan gurguruu fi galmoota hawwataa biroo galmaan gahuu qaba.

Maask kallattiin mindaa ykn badhaasa kan hin arganne yoo ta'u, kaayyoo sana yoo galmaan ga'e doolaara tiriliyoona 1tti tilmaamamu suuta suutaan ni argata.

Boordiin dhaabbatichaa invastaroonni karoora badhaasaa kana deeggaruun sagalee akka kennan gaafateera.

"Guddinni har'a kan hin yaadamne fakkaatu kun yaada haaraa, teeknooloojii fooyya'aa fi kalaqa qaroo ta'een kan danda'amudha," jedhan dura teessuun boordii Roobin Deenholm.

"Salphaatti yoo ilaalle, Teslaan kaayyoo kana galmaan ga'uu fi seenaa keessatti dhaabbata gatii guddaa qabu ta'uuf Elon Maask deeggaruun barbaachisaadha," jechuun dubbatte.

Dura teessuun kun itti dabaluun, qoodni Elon Maask badhaafamu "raawwii mul'ata hogganaan keenya qabu kan olkaasu ta'a" jette.

Oduun kun kan dhufe waliigalteen doolaara biiliyoona 50 badhaasuuf waadaa isaaf galame booda garuu abbootii aksiyoonaan haqa kan hin qabne jedhamuun mana murtiin fudhatama dhabeefi qooda doolaara biiliyoona 29 badhaafamee booda.

Teslaan, omishni konkolaataa elektirikii dhiheenya kana gurgurtaan isaa waggoota kurnan keessatti isa gadi aanaa ta'uu gabaaseera. Xiinxaltoonni kun kan mudachuu danda'eef ammoo beekamtii barbaacha "hamaa" Elon Maask barbaadurraa kan ka'edha.

Badhaasni hin eegamne kun kan himame erga boordiin Teslaa gabaasa Maask bakka bu'uuf barbaadu jedhu haaleen ji'oota booda.

Gabaasa Caamsaa darbe Wall Street Journaliin maxxanfame, kan Teslaan "guutumaan guututti dogoggora" jedhee ture keessatti, boordii dhaabbatichaa nama Maask bakka bu'u qacaruuf yaadaa akka jiru ibseera.

Inni [Maask] qooda gabaa Teslaan gadi bu'aa jiru caalaa hojii Pirezidaant Doonaald Tiraamp waliin hojjetu irratti xiyyeeffate jechuun ture isa bakka buusuun kan yaadame.