Liivarpuul har'a Waancaa Komuniitii Shiild mo'ataa? Piriimer Liigiif maal akeeka?

Liiverpuul v Kiristaal Paalaas

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Shaampiyoonaan Piriimer Liigii Liiverpuul mo'ataa waancaa FA kan ta'e Kiristaal Paalaas waliin har'a waancaa Komunitii Shiidiif falmata.

Garuu Wembilee irratti har'a Liiverpuul yoo mo'ate dorgommii Piriimer Liigii eegaluuf jedhu milkiin xumuruuf isa gargaaraa?

Hanga ammaatti kileboota waancaa Piriimer Liigii mo'achuun waancaa Koomuniitii Shiild mo'atan 14 keessaa waancaa Piriimer Liigii itti aanus kan mo'ate kileba tokko qofaadha.

Taphataan waancaa Komunitii Shiid irratti galchii lakkoofsisuun jalqabehoo akkamiin xumuraa ture?

Kilebni waancaa kana mo'achuun yeroo baay'ee waancaa Piriimer Liigii itti aanu hin mo'atu. Kun ragaa hanga ammaa jiru ilaaluuni.

Seenaa Piriimer Liigii keessatti mo'attoota Piriimer Liigii 33 keessaa waancaa Koomunitii Shiild mo'achuun jalqabanii kan Piriimer Liigiis mo'atan kileboota saddet qofa.

Isaan keessaa shan bara 2005 hanga 2010 kan galmaa'edha.

Maanchister Siitiin bara 2019 kileba yeroo dhumaaf waancaa kanaan jalqabee waancaa Piriimer Liigii mo'ateedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isa dura ammoo garee Siir Aleeksi Fergusantu bara 2011 seenaa wal fakkaataa kana hojjete.

Dhugaa jiru yoo ilaalle erga bara 1992 as kilebni waancaa Komunitii Shiild dhabee dorgommii Piriimer Liigii irra caalaa mo'ataniiru.

Isaan keessaa maanchister Siitiin waggoota sadiif walitti aansee seenaa kana galmeessera.

Bara 2021 hanga 2023 waancaa Piriimer Liigii walitti aansee yeroo mo'atu Maan Siitiin waancaa Komuniitii Shiild kana dhabuun jalqabuudhaan ture.

Bara darbe ammoo maan Siitiin waancaa Komuniitii Shiild Maan Yuunaayitidiin mo'achuun fudhate.

Garuu erga bara 2016-17 as yeroo jalqabaaf qabxii gadi bu'aa galmeessuun xumuran.

Taphataan waancaa Komuniitii Shiild irratti galchii lakkoofsisee bara dorgommichaa galchii hedduu lakkoofsisuun xumure hin jiru.

Bara 2023 Kool Paalmer maan Siitiif lakkoofsise. Garuu Cheelsiitti gurguramuun galchii 22 lakkoofsisee taphataa cimaa ol adeemaa bara sanaa tahee filame.

Yeroos Erliingi Haalaanditu galchii hedduu alkkoofsisee xumure.

Tapha har'aaf Liiverpuul qophii akkamii qaba? Taphattoota ciccimoo lama gurgureera.

Daarwin Nuuneez kileba Sawud Arabiyaa Al-Hilaal gale.

Luwis Diyaaz ammoo Baayern Muunik gale. Liiverpuul bakka isaanii Aleeksaander Isaakiin Niwkaastil irraa mallatteessisa jedhamee eegamus Niwkaastil bara kana taphataa kana hin gadhiisnu jedhan.

Huugoo Ekitiikee fi Filooriyaan Wiirziin kan mallatteessise Liiverpuul ittisa irrattis Firiimpoongii fi Miilosh Kerkesh mallatteessiseera.

Har'a taphattoota kanneen dorgommii waancaa irratti Wembilee irratti hiriirsisuun qormaata isaa kan jalqabu taha.

Liiverpuul har'a Kiristaal Paalaas wlaiin erga taphatee dorgommii Piriimer Liigii 2025-26 Barnimaawoz waliin tokko jedhee jalqaba.