Yunivarsiitiin Jigjigaa barsiisota 300 ol digrii jalqabaa qofa qaban barsiisummaarraa dhorke

Yunvarsitii Jijjigaa

Madda suuraa, Jigjiga University

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yunivarsiitiin Jigjigaa barsiiftonni waggoota shaniin dura yunivarsitichaan mindeeffamuun barsiisaa turaniifi diigrii lammataa hin qabne 300 ol bara barnootaa ALI 2017tti 'koorsii akka hin kennine' murtee dabarsuu beeksiise.

Yunivarsitichi miindaa akka hin kanffalamneefis dhorkaa kaa'ee kan ture yoo ta'u, murtee kana yeroodhaaf kaasuu ibseera.

Yunivarsitichi murtee kanarra kan gahe barsiiftoonni digirii jalqabaa qabachuun mindeeffaman akka diigrii lammaataasaanii barataniiif waamicha irra deddebiin dhiyeessaa ture fudhachuudhaan gara barnootaatti waan hin galleeffii tahuu dhimmoota akkaadaamii yunivarsitichaatti Pirezidantii Ittaanaan Dr Abdii Ahimad BBCtti himan.

Yunivarsiitiiwwan 15 ''dhaloota lammaffaa'' jedhaman keessaa tokko kan ta'e Yunivarsiitiin Jigjigaa barsiiftoota 1,400 ol kan qabu yoo ta'u, isaan keessaayis kanneen gara 800 ta'an diigrii lammaffaa kan qaban ta'u Dr Abdiin himaniiru.

Barsiisota yunivarsitichaa waliigalaa keessaa 350 kan ta'an diigrii jalqabaa qofaa qabaachu himan.

Barsiistoota digrii jalqabaa qofaa qaban keessaayis kanneen barataa jiran ''muraasa'' qofaa akka ta'an aanga'aan kun himaniiru.

Barsiiftonni sadarkaa tokkooffaa akkuma digirii jalqabaa argataniin yunivarsitichatti mindeeffaman kunneenis akkuma hojii eegalaniin ''yeroo waggaa tokkoo keessatti'' barnoota digrii lammataa barachuun irraa eegama ture jechuun ibsan.

Qajeelfama dhaabbilee barnootaa olaanoo ALI bara 2010tti bahe ''haala qacarrii barsiisaa, filannoo fi qajeelfama misoomaa'' barsiiftoonni digirii jalqabaa qofaa qaban akka carraa barnoota digrii lammaaffaa argatan kaasa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barsiiftonni haala kanaan mindeeffamanis hojiinsaanii ijoon ''koorsii barsiisuu'' ta'uu akka hin qabne kan kaa'e qajeelfamni, hojiinsaanii ''barsiistoota kaan deeggaruu, deeggartoota galtee barnootaa qopheessuu akkasumas waraqaa qormaataa soroorsuu'' ta'u labsa.

Barsiiftoonni gargaaraa kunneenis wayita hojiiwwan kanneen raawwataniitti ''ofiisaanii barnoota digrii lammataatiif qopheessaa turuu'' akka qaban kaasa.

Haata'u malee sababii hir'ina barsiiftootaa yeroo baayyee yunivarsiticha mudatuutiin barsiiftoonni digrii jalqabaa qofa qaban koorsii akka kennan ittigaafatamaa Ministeera Barnootaa tokko BBCtti himaniiru.

Sadarkaan barnootaa yunivarsitiiwwan barsiiftoonni akka qabaatan barbaadan, %70 diigrii lammaaffaa fi %30 Phd akka ta'e kan ibsan aanga'aan kun, yeroo baayyee kana guutuun akka hin danda'amne ibsan.

Barsiistoota jiran waliigalaa keessaayis kanneen %25 ta'an kan diigrii jalqabaa qofaa qaban kan qabu Yunivarsitiin Jijjigaa, barsiistoota kanneen akka ''koorsiiwwan qabiyyee olaanaa hin qabne'' akka barsiisan gochaa turuu Dr Abdiin ibsaniiru.

Jigjiga University

Madda suuraa, Jigjiga University

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Abdii Mohaammad

Yunivarsitichi waggaa afuriin dura sochii taasiseen, ''barsisooti baayyee erga qacaramanii waggaa shaniifi isaa ol tahe,’’ waggaa lama keessatti digrii lammaffaa akka qabatan taasisee akka ture beeksiseera.

Ergasii barsiisonni digrii lammataa xumuraniifi barachaa jiran akka jiran pireezidantiin ittaanaa kan ibsan yoo tahu, ''kanneen barachuuf eeyyamamoo hin taane garuu yunivarsiitichuma keessa turan,’’ jedhan.

Barsiisonni kunneen barnoota digrii lammataa itti fufuu dhiisuu isaaniif sababiin gargaraa jiraachuu kan himan pireezidantichi, ‘’barsiisoonni tokko tokko hojii dabalataa barsiisummaa akka hojii lammataa qabaachuu,’’ akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Yunivarsiitichi barsiisonni kunneen maaliif barnoota digrii lammataa akka hin jalqabne akka ibsaniif irra deddeebiin wal-gahii waamus ‘’otoo hin hirmaatiin’’ hafaniiru jechuun Dr Abdii himaniiru.

‘’Barri 2017 yeroo jalqabuuf jedhu barsiisota digrii tokkoffaa qaban waamnee turre jedhan. Jalqaba kan argaman barsiisota 11 qofaa dha. Carraa lammataan torban darbe waamnee turree. Barsiisota 300 keessaa 48 qofatu dhufe,’’ jechuun barsiisota komateera.

Barsiisonni digrii lammataa qabachuu dhabuufi hoggansi walgahii isaan waamerratti argamuu dhabuu isaanii hordofee bara 2017 A.L.I irraa qabee ‘’koorsii kamiyyuu akka hin kennine,’’ Roobii bara 22/2017 murtoon darbuu beeksisaniiru.

‘’Barsiisonni kunneen barachuus gatii hin barbaanneef barsiisaan digrii tokkoffaan jiru koorsii tokkoyyuu akka hin kennine murteessine. Barsiisaan tokko jalqaba yoo walgahii dhufuu dhaa baate akeekkachiisni kennamaafi.

Irraa deddeebiin yoo waamtu yoo hin dhufne akkatti tarkaanfiin fudhatamu imaammatni ni kaa’a.’’ jechuun walgahii irratti argamuu dhiisuunis murtoo kennameef sababa biraa akka tahe himaniiru.

Barsiisoonni kunneen koorii akka hin kennine dhorkamuun dabalataan mindaan akka hin kaffalamneef murtoon darbee akka ture Dr Abdii himaniiru. Pireezidantiin ittaanaa Roobii darbe humna namaa yunivarsiitichaaf xalayaa barreessaniin murtoo kana beeksisanii ture.

Xalayaa kana BBC’n kan arge yoo tahu, ‘’irra deddeebiin waltajjiin marii qophaa’ee argamuu dhabuu isaaniif yeroo hin murtoofneef mindaan isaanii akka dhorkamu nan beeksisa,’’ jedha.

Haa tahu malee yeroo murtoon darbe kaffaltiin mindaa kan ji’a Fulbaanaa itti raawwatu waan tureef yunivarsiitichi murtoosaa kaasee akka ture,’’ Dr Abdii himu.

Murtoon mindaa kaafamus hoggansi yunivarsiitii diiniiwwan kooleejii wajjin tahuun dhimma barsiisotaa irratti marri’atee murtoo akka dabarsu Pireezidantiin Ittaanaa Dhimmoota Akkaadaamii Dr Abdii BBCtti himaniiru.