'Dargaggeessi 2018 dura tokkummaan mootummaa jijjiire qoodamee walitti dhukaasuun waan ta'uu hin mallee'

Madda suuraa, FUULA FACEBOOK ALAAKAA SIMBIRUU
Bara Dargiin kufee Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n aangoo qabate, bara 1983 ALItti kaasee qondaala siyaasaa Dhaabbata Dimokiraatawaa Uummata Oromoo ykn DHDUO ta'uun hanga yeroo dhiyootti tajaajilaa turan Obbo Alaakaa Simbiruu
Godiinaalee Oromiyaa heddu bulchaniru, akkasumas gorsaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa ta'uunis tajaajilaa turan. Dhiyeenya kana ammoo kitaaba waa'ee qabsoo uummata Oromoo seenessu mata-duree የኦሮሞ ህዝብ ትግል ትውስታ [Qabsoon Uummata Oromoo yoo Yaadatamu] jedhu Afaan Amaaran barreessaniiru.
Kitaaba isaanii kana keessatti waa'ee qabsoo Oromoo addatti maal akka barreessan gumaata DHDUOfi Adda Bilisummaa Oromoo (ABOn qabsoo Oromoo keessatti qabaniifi dadhabinasaaniifi kaan ilaalchisee BBC waliin turtii taasisaniiru.
Obbo Alaakan qondaala duraanii DHDUO bara dheeraa ta'uusaaniin waggoota 27 DHDUOn dhaaba ADWUI keessa ture keessatti bu'aa bahii isaan mudate, wal-dura dhaabbannaa keessoo dhaabaa, walitti bu'iinsa TPLF waliin uumameefi tooftaa TPLF ittiin DHDUO mataa keessa rukutaa tures kitaaba isaanii kana keessatti tarreessuu himu.
Qabsoo uummanni Oromoo fincila qonnaan bultoota Baaleetii hanga Waldaan Maccaafi Tuulamaa hundaa'uu dabalatee hundeeffama dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), akkasumas DHDUOdhaa hanga bara Chaartaraafi bara 2018tti taasise barreessuu dubbatu.
Uummanni Oromoo bifa faffaca'een qabsaa'urraa suuta suutan gara dhaabilee hundeessuun bifa gurmaa'en qabsaa'utti cehuufi bu'aalee argaman, danqaawwan mudataniifi dadhabina dhaabileen siyaasa Oromoo qabanis tarreessuu himu.
'Guddatus, xiqqatus DHDUOn uummata Oromoof qabsaa'era'
"Paartin kun [DHDUOn duraanii] qabsaa'ee jira, kun waan haalamuu miti. Haa xiqqaatu, haa guddatu waggaa digdamii wayi sana akka ADWUItti sadarkaa biyyaatti, akka naannootti Oromiyaa isatu bulchaa ture," kan jedhan Obbo Alaakaan, fayidaan uummanni bulchiinsa sanarraa qabatamaatti dhandhame akka jiru kaasu.
Paartin isaan waggoota hedduuf qondaala siyaasaa ta'uun tajaajilaa turan dhiibbaa olaantummaa paartii TPLF dandamatee hamma danda'e hojjataa turuu kaasu.
"Haata'u malee, uummanni Oromoo baay'ina inni qabu, qabenyaa inni qabuu [yaada keessa yoo galchine] waanti inni kaleessa manaa bahee qabsaa'ef guutame jechuu hin dandeenyu.
Kun kan ta'eef dhiibbaa olaantummaa paartii tokkootu gama diinagdeen, gama siyaasan, gama loltuun, gama nageenyan, waan hundaan TPLF olaantummaa qabatee uummanni keenya waan barbaadu akka hin arganne godhee jira," jedhu.
Hundeeffamasaarraa kaasee namoonni heddu DHDUO akka 'ergamtuu TPLF ykn TPLF fedhii ofii galmaan gahuuf akka itti fayyadamaa turetti kan kaasaan danuudha.
Obbo Alaakaan garuu paartiin isaan keessa turan dhiibbaa alaa keessaa, keessumaa 'kan olaantummaa TPLF irraa nurra gahaa ture' jedhan dandamatanii keessodhaa qabsaa'aa kan turan hedduu akka ta'an kaasu.
'Warra nu morman balaaleffachuu qofa osoo hin taane gumaatasaanis barreessera'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kitaabota waa'ee qabsoo Oromoo kana dura barraa'an irraa keessan maaltu adda godha jennee gaafannee, gumaata dhaabbileen biroo kanneen akka ABO fa'aa qabsoo Oromoo keessatti gumaachan barreessunsaanii adda akka godhu himan.
Hoggansi DHDUO isaan waliin qabsaa'aa turanis ta'ee warri isaanin morman kitaaba waa'ee qabsoo Oromoo barreessuu kan himan Obbo Alaakaan, "Hunduu qabsoo gama isaanii faarsanii qaama gara biraa farrajuurratti xiyyeeffatu yeroo baay'ee.
Animmoo godhuuf kanin yaale, paartin keenya waan godhes rakkoo inni qabus, warra mormitootaa sanas nuun morman nurratti qabsaa'an jedhanii farrajuu qofa osoo hin taane qabsoo uummata Oromoo keessatti gaheen isaanii, dhugaan isaanii kan hin haalamne lafa kaa'era," jechuun yaada madaalawaa ta'e dhiyeessuuf akka yaalan himu.
Kitaaba isaanii irra caalaa waggoota 27 ADWUIn Itoophiyaa bulche keessatti uummanni Oromoo bu'aalee argateefi rakkoolee isa mudatan, akkasumas rakkoo keessoo DHDUO ture irratti xiyyeeffatanii barreessuu kaasu.
Mootummaan ADWUI aangotti dhufuu hordofee Addi Bilisummaa Oromoo 'humnaan dhiibameera' jechuun mootummaa Ce'uumsaa keessaa bahuu hordofee naannoo Oromiyaa keessatti maqaa ABOn rakkoon garaa garaa uummatarra gahaa ture.
Hidhaa jumlaa, murtee seeraa malee hiraarsuufi ajjeesuu, dhabamsiisuu, mana murtiitti osoo hin dhiyeessin waggoota hedduuf hidhuun sarbama mirga namoomaa bara bulchiinsa ADWUI Itoophiyaatti, addumatti ammoo naannoo Oromiyaatti, raawwatamaa ture.
Paartin yeroo sana Oromiyaa bakka bu'ee qaama ADWUI ture DHDUOn rakkoo keessoon alatti olaantummaa TPLF irraa dhiibban irra gahaa ture guddaa akka ta'e kaasuun, garuummoo keessa taa'anii qabsaa'uu wayya kan jedhuun DHDUOn ejjannoo qabatee akka ture himu Obbo Alaakaan.
"Bara 1983 ALItti dhiibbaa addaa addaatinis haata'u, waan biraan ABOn karaa nagaa qabsaa'uun hin danda'amu jedhee qabsoo hidhannootti deeme," jechuun DHDUOn garuu keessuma taa'ee daangaa Oromiyaa bulchuu akka filate himu.
"Dhiibbaan achi kessa jiru akkuma jirutti ta'ee, sana baataa waan danda'uun qabsaa'aa dhaloonni kun haa baratu, waan dandeenyeen hogganee dhaloota boru qabsoon waa hunda mo'achuu danda'u haa uumnu [kan jedhutu ture]" jechuun bu'uuraalee misoomaa kanneen akka barnootaa fa'aarratti duula gaggeessuu akka jalqabame kaasu.
Keessumaa, duula barnootarratti gaggeeffameen Oromiyaa keessatti namni barate heddu akka omishamu milkaa'ina DHDUOn uummatta Oromoof godhe keessaa tokko akka ta'eefi dhaloonni barate sun fincila gaggeessen bara 2018 mootummaa biyyattii akka jijjiire kaasu Obbo Alaakaan.
Dhaabi DHDUO dhiibbaa alaa keessaa dandamatee daangaa Oromiyaa bulchuu, duula misoomaafi barnootaa gaggeessuu akka milkaa'inaatti kan kaasan Obbo Alaakaan, malaammaltummaa, paartii keessatti tokkummaan dhabamuu, yoo kaan qabsaa'u kaan fayidaan bitamee fayidaa ofiif buluu, isa dhugaan qabsaa'u sakaaluun fa'aa rakkoo gurguddoo DHDUO akka tures kaasu.
"Mataan ABO osoo dura keenya taa'uu bakka biraa barbaannaa naan jedhan"
Waggoota 27 oliif dhaaba DHDUO keessatti gulantaa garaa garaatti siyaasa keessatti hirmaachuu kan himan Obbo Alaakaan, yeroo garaa garaatti shira uummatarratti hojjatamu keessoon mormaa akka turan kaasu.
Addumatti bara 1988 ALItti bulchaa Godiina Booranaa ta'anii yeroo jiranitti waan isaan mudate BBCtti himaniiru.
Kunis karoora 'olii dhufe' jedhamee madda deeggarsa warra mootummaan mormanii [ABO rukutuu kan jedhuun akka hojirra ooluf caasaa gadiitti ergamuu kaasu.
"Koree kamaandii waan jedhamutu humna ittisaa, poolisiifi hoogganaa siyaasaa fa'aa irra walitti bahaniidha. Yeroo sana karoorri namoota mormii qabaniifi seelii diinaa ta'an uummata fduratti baasnee saaxilla, karaa kanaan diinagdeefi siyaasan haa dadhaban kan jedhuun," uummanni bahee bakka namoonni jiranitti nama saaxiluun uummanni akka adabuuf karoorri olii akka dhufeefi karoorichi daba akka qabu yaadatu.
"Karoora sanarraa mormii qabna nuti, adeemsisaa waan nutti hin tolleef. Waltajjiirratti morminaan kun qajeelfama mootummaati raawwatamuu qaba nuun jedhan.
Karoora kana Aanaa Dirree magaala Meeggaa [Godiina Booranaa]tti walgahii uummataa qabanne. [Namni nama saaxilu] filatamee ebelu ABO deeggara, ebelu miseensa ABOti akka jedhu godhamee uummanni akka adabu kan jedhudha," jechuun namni balleessa qabu uummataan osoo hin taane mana murtiin adabamuu akka qabu mormii dhageessisaa turuu himu.
"Yeroo wal-tajjii kana gaggeessaa jirru warri waraanaa gurbaa tokko fidanii dhufanii Solooloo ture, ABO wajjin ture amma harka kennate jedhanii...namoota isaan [ABO] deeggaru inni waan beekuuf inni ni eera jedhanii gara waltajjiitti baasan. Namichi kun ka'ee namoota Oromoo xiqqoobeekumsa qabu eeruuu jalqabe.
"Namni ABO keessaa harka kennate akkasitti uummata hin saaxilu, walitti dhukaasaa turre nan beeka.
Isaan keessaa namni harka kennatee ebelu nu deeggara jedhee uummata duratti osoo du'ee siif hin dubbatu. Waan akkasii kana warri [ABOn] waadaa qabu, ni beekna nutis," jechuun namni warra ABO deeggaran akka eeruuf waltajjii uummataatti fidame sun namuma wayii mana dhugaatii qabanii akka sobee maqaa namaa balleessu akka godhan yaadatu.
Karoorichi namoota nagaafi homaa siyaasa keessaa hin qabne cabsuuf akka ta'e galeefii dhaabsisuun gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu akka eegalan kaasu.
"Adeemsi gurbichaa waan natti toluu dideef gaaffii kaasee gurbicha gaafachuu gaafan eegalu warri waraanaa dubbiin akka fashalaa'u arge.
Ajajaan dhibbaa tokko ka'ee 'uummanni Dirree tarkaanfii fudhachuu qaba yoo ta'e, mataa Oneeg [ABO] kan ta'e Alaakaa namni jedhamu dura keenyaa ta'ee jira, isarratti tarkaanfii haa fudhatu jedhe.
Anis, oduu mana farsoofi 'xajjii' keessaa fiddanii ittiin uummata mata gadi qabuun hin danda'amu jedhee deebii kenneefin walgahichi akka bittimu godhe," jechuun kan yaadatan dubbatu.
Uummanni Oromoo bifa bittinnaa'en qabsaa'urraa kaasee bifa gurmaa'en qabsaa'uun hanga bara 2018 Itoophiyaa keessatti jijjiirama siyaasaa fidus yeroo sana beektonni Oromoo waldhagahanii akeeka gara fuulduraa kaawwachuu dhabuusaanin rakkoo biraa keessa seenuus kaasu.
Dargaggeessi bara 2018 dura tokkummaan mootummaa biyyattii jijjiire amma garee garaa garaatti qoodamee walitti dhukaasuun waan ta'uu hin malleefi ammas taanan 'araarri jalqabame itti fufee humnoota Oromoo gidduutti araara fiduun waan filannoo hin qabneedha," jedhu.












