R Keeliin 'dubartoota saal-qunnamtiif daddabarsuun' yakkame hidhaan waggaa 30 itti murtaa'e

Madda suuraa, Reuters
Dubartoota saal-qunnamtiif daddabarsuun Fulbaana darbe yakkamaa ta'ee kan argame weellisaan beekamaa Ameerikaa R Keelii hidhaan waggaa 30 itti murame.
Weellisaan ganna 55 maqaan isaa sirriin Roobart Siilvestar Keelii jedhamu kun dubartootaa fi daa'imman irratti miidhaa saal-qunnamtii raawwateera jechuun manni murtii Niwu Yoork Fulbaana darbe yakkamaa godhe.
Roobii wayita mana murtiitti dhiyaate dubartoonni inni miidhaa saal-qunnamtii irraan gahe dhaddacha irratti miidhaa irra gahe dhugaa bahaniiru.
Dubartiin tokko miidhaa ati narraan gahaa turteen "otoon du'ee jedheen hawwa ture" jechuun kallattiin itti dubbatte.
R Keelii deebii hin kennine. Abukaatonni isaa murtee hidhaa waggoota 30 kenname irratti ol iyyannoo akka gaafatan himan.
Akka sababaattis hiyyeessa ta'ee ollaa hokkaraan guutame keessatti guddachuu isaafi innuu mataan isaa ijoollummaan miidhaa saal-qunnamtiif saaxilamee ture jedhan.
Weellisaan gosa muuziqaa R&B beekamaan kun hojii daldalaa waliin dhahuu fi gocha dubartoota saal-qunnamtiif daddabarsuu saddeetiin yakkame.
Abukaatonni isaa hidhaan xiqqaa ganna 10 nama yakka akkanaan yakkamaa ta'etti kennamu akka itti murtaa'u gaafatan.
Abbootiin alangaa ammoo yoo xiqqaate ganna 25 hidhamuu qaba jedhaa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirboota isaa guutuu addunyaatti jaalataman 'I Believe I Can Fly' fi 'Ignition' jedhamaniin caalaatti kan beekamu R Keeliin garee dubartoota gowwomsuun akkasumas dirqisiisuun saal-qunnamtiif daddabarsu hogganaa ture jedhame.
Dhaddachi himannaa isaa torbee jahaaf ture, eegdota, maanaajarootaa fi namoota kaan waliin ta'uun akkamiin bar-kurneewwaniif isteetawwan Ameerikaa gara garaa jidduu dubartoota saal-qunnamtiif daddabarsaa akka ture dhagahe.
Abbootiin alangaa namoota miidheef dantaa hin qabu, miirri gaabbiis itti hin dhagaahamne jedhan.
"Dhugaatti, yakki inni bar-kurneewwaniif raawwate, 'narcissism' ykn jaalala akka malee inni ofiif qabuun hammaate. Kennaan muuziqaa isaa waan fedhu mara akka raawwatu golgaa ta'eef, hagam namoota kaan miidhuu fi salphisu akkasumas seera kan cabsu ta'ullee," jedhan.
Keeliin bara 1994 akkamiin weelliftu Aliyaa kana yeroos umuriin ishii 15 ture akka fuudhee fi karaa seeraan ala waraqaa ragaa gaa'ilaa akka argates manni murtii dhugeeffatee ture.
Waraqaan ragaa gaa'ilaa san irratti umuriin Aliyaa 18 jedhamee barraa'e. Waraqaan ragaa sun miliqfamee erga bahee booda gaa'illi sun seeraan ala jedhame.
Duraan R Keelii jalaa sagalee qabaa kan turtee fi kanneen artiistichi miidhe keessaa tokko kan taate Jovaantee Kaniingihaam, guyyaan kun ni dhufa jedhee yaadee hin beeku ture jetti.
Sirna haqaa biyyattiitti akka boontullee himte.
Weellisaan kun erga bara 2019 to'annoo jala kan ture yoo ta'u Fulbaana darbe yakkamaa erga jedhamee baatilee booda manni murtii Niwu Yoork Roobii kan itti murteesse.
Addatti ammoo suuraa saal-qunnamtii daa'immaniin wal-qabatee Chikaagoo keessatti himatamaa kan jiru yoo ta'u, Ilinooyis fi Minesootaa keessatti miidhaa saal-qunnamtiin himatni irratti banamuuf jira.
















