Qorichi dhibee waa dagachuu milkaa'ina guddaa jedhamuun jajame

Madda suuraa, Getty Images
Qorichi Alzaayimarii ykn dhibee waa dagachuu sammuu namaa miidhu yaaluf jalqaba hojiirra oole bu'aa guddaa argamsiise jedhamuun akkaan jajamaa jira.
Qorattoonni waggoota hedduuf yaalii gaggeessaa turaniin milkaa'uu dadhabanii turan amma milkaa'uu isaanii himu.
Qorichi 'lecanemab' jedhamu dhibeen dagachuu sadarkaa gara jalqabaarra osoo jiruu yoo fayyadaman bu'a qabeessadha jedhan qorattoonni.
Qorichi kun waan linqixaa'aa - beetaa amilooyid- jedhamu kan sammuu namaa keessatti Alzaayimarii uumu irratti dhiibbaa uuma.
Dhibee kana yaaluf yaalii milkaa'aa taasisuun qorattoota biratti akka jijjiirama guddaatti jajajamaa jira.
Qorannoon Alzaayimarii UK argannoo kana "milkaa'ina guddaadha" jedhe.
Waggoota 30 darbaniif amilooyidii sammuu namaa waa dagachuu ykn Alzaayimariidhaaf saaxilu irratti qorannoo gaggeessaa kan turan Pirof. Joon Haardii, "Waldhaansa Alzaayimarii arguuf jirra, waan seena qabeessadha" jedhan.
Yunivarsiitii Edenbiraa irraa ammoo Pirof. Taaraa Ispaayirs -Joons, bu'aan qorannoo kun "baay'ee murteessadha sababni isaa yeroo dheeraaf 100% osoo hin milkaa'in turre" jedhan.
Ammatti namoonni waa dagatan ykn Alzaayimarii qaban mallattoo isaanii to'achuuf qoricha biraatu kennamaaf, garuu jijjiirama homaatuu hin argatan.
Qorsi 'lecanemab' farra qaamaa yoo ta'u imilooyidii sammuu keessaa akka balleessu godhameet tolfame.
Imilyoodiin pirootiinii wal qabataa ta'ee fi sammuu namaa keessatti niwuroonota gidduutti waan akka haphee wal qabatu uumun Alzaayimariif nama saaxiluudha.
Qorannoo guddaa gaggeeffameen namoonni Alzaayimarii sadarkaa duraa qaban1,795 fedhiidhan irratti hirmaatan. Torban lama lamaan qorsi lecanemab kennameef.
Bu'aan qorannichaa gaafa dhiyaatu baay'ee ajaa'ibsiisaa jedhame.
Dhibicha guutummaan dhaabachuu baatus ji'oota 18 gidduutti mallattoon dhibee Alzaayimarii namoota qorannoo irratti hirmaatanii dhibbeentaa kurmaanaan gadi bu'e.

Deevid Esaam namni ganna 78 UK irraa qorannoo kana irratti hirmaataniiru.
Sababa Alzaayimarii ykn rakkoo waa dagachuun hanga hojii dhaabutti gahanii turan. Sa'aatin meeqa akka ta'e himuu waan dagataniif sa'aatii dijitaalaa fayyadamu.
"Akka durii nama jabaa miti, waan baay'ee irratti deeggarsa barbaada. Dandeettin waa yaadachuu isaa guutummaatti hin jiru jechuun ni danda'ama," jedhu haati warraa isaanii.
Garuu yaaliin isaan irratti hirmaatan kun abdii akka itti hore dubbatan.
Addunyaa irratti namoonni miliyeena 55 ta'an Alzaayimarii ykn dhibee dagachuutin rakkatu. Bara 2050 tti ammoo miliyeena 139 ta'a jedhamee tilmaamama.
Waanti jijjiirame maalidha?
Qorsi Alzaayimarii 'lecanemab' jijjiirame fide moo hin finnee irratti ammayyuu saayintistoota fi doktoroota gidduutti falmiin gaggeeffamaa jira.
Pirof. Ispaayirs-Joons dhibicha irratti "jijjiirama xiqqaatu" dhufe, baay'edhuma waan akka diraamaa ta'uu baatus "ani garuu nan fudhadha" jedhan.
Qorannoo Alzaayimarii UK irra Dr Suzaan Kohilaas ammoo "jijjiirama gaaritu jira... gara fuulduratti qorsi dhufu ammoo kanarra fooyya'a" jedhan.
Qorsi kun rakkoo mataa isaas qaba. Namoota qorsa kana fudhatan irratti dhiiigni sammuu dhibbeenyaa 13 yoo mul'atu, sammuun dhiita'uun ammoo dhibbeentaa 17'tu mudate. Kanarraa kan ka'e namoonni hedduu qorichicha fudhachuu kan dhaaban jiru.
Gaaffiin ijoon yaalii ji'oota 1 booda maaltu ta'a kan jedhuudha. Deebiin isaa baay'eenis shakkiidhaan kan guutamedha.












