Hordoftoota amantaa Kiristaanaa Aksum Tsiyoonitti ganna sadiin booda deebi'an - suuraaleen

- Barreessaa, Girmaay Gabruu
- Gahee, BBC Tigrinyaa, Aksum irraa
Amantoonni miiliyoona walakkaa tahan Itoophiyaatti amantoonni magaalaa qulqullittii jedhan Aksumitti, erga waraanni Tigraay xumuramee yeroo jalqabaaf kabaja ayyaanaaf walitti qabamaniiru.
Amantoota Ortodoksii Itoophiyaaf magaalaan Aksum bakka qulqullaa'aa tahedha. Maaliif jennaan, Taabonni Kakuu kan Waaqayyoo abboommii kurnan Muusetti dabarse, achirratti katabeera jedhamee amanamutu asitti argama. Taabonni kunis magaalaa Yerusaalem irraa garana akka dhufetu himama.
Taabonni kun Bataskaana Dubroo Maariyaam Tsiyoonitti walitti aansuun kan eegamu ogguu tahu, nami tokkollee arguu hin danda'u.
Amantoonni bakka akka akkaatii dhufan ayyaana Aksum Tsiyoon kabajuuf asitti walitti qabamaniiru.

Maahileet Taaddala km200 magaalaa guddoo Tigraay kan taate Maqaleerraa imaluun asitti argamte. Jireenyashee guutuu garana dhufuuf hawwaa akka turte BBCtti himte.
Waraanni waliinii ganna lamaaf adeemaa tureefi lubbuu lammiilee kuma dhiibbaan lakka'aman galaafate, ganna tokko dura xumura argate.
Magaalaan Aksum bakka dhalootaa Giiftii Saabaa akka tahetti amanama. Waraana deemaa ture keessaa bakka xiyyeeffannoo guddaa argate ture.
Gara jalqaba waraanichaatti, magaalaa seena-qabeettii kana keessaa ajjeechaan jumlaan raawwatamuun namoonni dhibbatti lakka'aman du'uun gabaafamee ture.

Madihin Gabree Aneeniyaa ammoo magaalaa guddoo biyyattii Finfinneerraa kaatee km1,000 ol imaluun asitti argamte.
Wayita lolaa sana maatiishee Tigraay keessa jiraniif guddoo yaadda'aa akka turte himuun, amma garuu bira qabaan haala nageenyaa jiruun gammachuu qabdi.

Kabaja ayyaanaa kanarratti luboonni haala nageenyaa jiruuf Waaqayyoon galateeffataniiru. Ayyaana kanarratti kadhati akkanaa kan barame tahus, waraana tureen walqabatee garuu hiika addaa qaba.
Hordoftoonni amantichaa biyyattii bakka garagaraa irraa dhufaniifi wayita waraanichaa gamanaa fi gamasi dhaabbatanii deeggaraa turan, miira nagayaan Aksumitti walitti qabamaniiru.

Luboonni saganticha gaggeessaa turan siidaalee Aksum jaarraa 4ffaa keessa ijaaraman fuulduratti waaqeeffachaa turan.
Seenaa keessatti Aksum teessoo impaayera guddaa turte.
Siidaalee kanniin keessaa inni tokko wayita Xaaliyaan 1930'oota keessa Itoophiyaa weerartee turtetti gara Roomaa fudhatamee ture. 2008 keessa garuu achi deebi'uun bakka duraanitti dhaabbate.

Jiraattonni magaalattii wayita ayyaanaa kana keessummaa manasaaniitti simachuun, nyaataafi dhugaatii kennuuf.
Keessummoonni iddoo fagootii dhufan gariin dallaa bataskaana keessa, kan fira qabummoo firasaa bira bula.

Daldaltoonni ammoo carraa kanatti fayyadamuun meeshaalee amantaa kanneen akka fannoo haalluun faayaman, dibaabee fi duungoo fa'i amantootaaf dhiyeessu.













