'Nama cimaafi marataa ta'uu koo waan beekuf pirezidaantin Chaayinaa na kabaja' - Tiraamp

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin pingi fi Pirezidaantii duraanii  Ameerikaa Doonaald Tiraamp bara 2017tti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin pingi fi Pirezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp bara 2017tti
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidaantiin duraanii US Doonaald Tiraamp filannoo injifachuun gara aangotti yoo deebi'an, pirezidaantii Chaayinaa Shii Jinping ''cimaa" ta'uu isaa waan beekuuf akka isa hin qorre dubbatan.

Tiraamp Wall Street Journalitti akka himanitti, torban muraasa booda irra deebi'anii yoo filataman, Chaayinaan Taayiwaan ugguruu yoo barbaadde taarifa ol'aanaa akka irra kaa'an himaniiru.

''Yoo gara Taayiwaan deemtan oomisha keessan irratti taarifa dhibbeentaa 150 hanga 200 nan kaa'a,'' jedhan Tiraamp.

Tiraamp duula filannoo isaanii irratti, bulchiinsa isaanii haaraa Rippabilikaanotaa jalatti mormitoonni Ameerikaa deebii cimaa fi tilmaamamuu hin dandeenye waan eeganiif dantaa Ameerikaa dura hin dhaabbanne jedhan.

Pirezidaantiin Chaayinaa cimaa ta'uu koo waan beekaniif na kabajus jedhan.

Pirezidaantiin duraanii kun yoo Chaayinaan Taayiwaan irratti uggura keesse US humna waraanaa fayyadamuun akka hin barbaachifnes himan. Sababni isaas Pirezidaantiin Chaayinaa Xiin "maraataa ta'uu koo waan beekuuf na kabju" jedhan.

Tiraamp Pirezidaanti Xii waliin ''hariiroo cimaa'' akka qaban dubbataniiru, “Dhugumatti nama baay’ee gaarii dha; Hiriyaa koo ture, walitti dhufeenya gaarii qabna turre,'' jechuun hogganaan Chaayinaa cimaa ta'uus jajan.

Pirezidaantii Chaayinaatiin alattis Tiraamp waa’ee pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haala gaariin dubbataniiru, hariiroo gaarii akka qaban akeekuun weerara Yukireen irratti raawwatamu mormaniiru.

Gaaffii fi deebii Wall Street Journal waliin taasisaniin Traamp dhimmoota adda addaa kan kaasan yoo ta’u, dhimma ijoo duula filannoo isaanii ta’e godaansaa ilaalchisee, “namoonni hedduun gara Ameerikaa akka dhufan nan barbaada, garuu seera qabeessa ta’uu qaba” jedhan.

Filannoon preezdaantii Ameerikaa gaggeeffamuuf torban sadii hin guunne hafee, preezdaantiin duraanii Doonaald Tiraamp bakka bu’aa paartii Rippabilikaanii ta’uun marsaa lammaffaaf dorgomaa jiru.

Morkattuun isaanii Itti Aantuu Pirezidaantii Kamalaa Haaris pirezidaantii dubaraa jalqabaa Pirezidaantii Joo Baayiden bakka bu’uuf kan dorgoman yoo ta’u, filannoo kana lammiilee Ameerikaa biratti qofa osoo hin taane, addunyaa guutuutti eegamaa jira.

Chaayinaan loltoonnishee waraanaf akka qophaa'an ajajje

Gama biraan ammoo pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinping loltoonni isaanii misaa’elaa tarsiimowaa dandeettii ofirraa ittisuu biyyatti fi dandeetti lolaa isaanii cimsuu irratti hojjachuu akka qaban ajajan.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin pingi

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin pingi
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalonni fi loltoonni ajajaa gaarii akka qabaatan, meeshaa harka isaanii jiru haala gaariin akka fayyadamanii fi biyya isaanii diina irraa eeguuf imaanaa ummataan itti kenname kutannoodhaan akka raawwatan dhaamaniiru jechuun Rooyitars gabaase.

Ammatti garuu waraana kam irratti hirmaachuf akka qopha'aan ifatti waanti jedhame hin jiru.

Shiin qajeelfama dhaabbata qabeenya biyyatti deebisanii fayyadamuu hundeessuuf kenname bu'ureeffachuun humnafi dandeetti misaa'iloota isaanii ijaaruu akka cimsanii dubbataniiru.

Kana malees leenjii loltummaa cimsuu, waraana guutuuf qophii ta'uu fi dandeettii lolaa fooyyessuu nageenya tarsiimoo biyyaalessaa fi dantaa ijoo bu’a qabeessa ta’een eeguuf tattaaffiin akka taasifamuu waraanni isaani qophii akka ta'u gaafataniiru.

Akkasumas meeshaalee haaraa, dandeettii haaraa fi tooftaa lolaa haaraatiin leenjii xiyyeeffannoo qabu cimsuu, deeggarsa fooyyessuu, dandeettii lolaa sirnaan guddisuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.