Kiristaanota Iraan Ayyaana Faasikaa dhokatanii kabajan

Madda suuraa, EPA
Minjaala goorroo duuba Tiinaa (maqaa isa sirrii miti) irraa shaamaan gosa gosaan mul'ata. Killeen halluu qalbii namaa qabbaneessuun faayamee fi fannoon mukarraa tolfames minjaala kanarra jiru. Kun akkaataa dubartiin kun itti Ayyaana Du'aa Ka'uu Yasuus Kiristoos kabajattudha.
Ishee fi jaarsi ishee waggoota dura Kiristaana ta'an. Kun biyyasaanii, Iraan, keessatti seeraan dhorkaadha.
Gochi kun yeroo kamittuu, bakka kamittuu isaan hiisisuu danda'a.
Heerri mootummaa Iraan amantii biroo muraasaaf beekamtii kenne. Kiristaanonni Armeeniyaa fi Asiiriyaa amantiisaanii gaggeeffachuu danda'u.
Garuu waa'ee amantii isaanii lammiilee Iraan kaanitti lallabuu hin danda'an, akkasumas mana amantiisaanii seensisuullee hin danda'an.
Kanneen amantii isaaii Islaamummaarraa gara Kiristaanaa geeddaratan amantiisaanii dhoksaadhaan gaggeeffachuu danda'u.
Kun waldaa mana keessaa jedhamuun beekama, Tiinaan namoota haala kanaan amantiisaanii gaggeeffatan keessaati.
Aanga'oonni biyyattii garee kana bakka isaan jiranitti weeraruun, hedduusaanii hidha.
Kanneen haala kanaan qabamanii hidhaan waggaa hedduu itti murtaa'es jiru, namoonni kana arganii of eeggannoosaanii cimsu.
''Muraasa taanee walgeenya, yeroo adda addaatti bakka garaagaraatti walgeenya,'' jette Tiinaan.
''Garee miseensa afur qabu keessaa mana nama tokkootti ta'uu danda'a. Paarkiitti yookiin konkolaataa keessattis ta'uu danda'a. Miseensi garee kaan haala keessa jiran hubachuun gaariidha. Rakkoo walfakkaataan akka warra kaan hin mudanneef.''
''Bakka nuti jirru baranii dhufanii nu hidhu jennee yeroo sodaan jiraanna, kun qormaat cimaadha,'' jette Tiinaan.
Yeroo kadhannaa daa'imman mana barnootaa alla rafan gooti, yookiin hiriyootasaanii maatiinsaanii Kiristaana ta'an bira.
Tiinaan kana raawwachuun seera mana barnootaa cabsuun yeroo hedduu mana barumsaatti waamamteetti.
Namoonni erg amantii abbaa manaanshee hordofu baranii booda duula maqa-balleessii irratti oofaa jiraachuus himte.
Jaarsi ishee nama bizinasii qabudha.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu Tiinaan ammallee akka carra qabeessa ta'anitti of ilaalti, hanga yoonaa hin hidhamnekaa.
Kaan garuu hidhamaniiru.
Mahdii (maqaasaa sirrii miti) dhimmuma kanaaf yeroo lama hidhameera. Jalqaba wayita hidhame waggaa 20 ture.
Kutaa kophaa keessatti hidhamee akkaan dararamaa fi gaaffilee jajjaboodhaan hiraarfamaa akka ture hime.
Kan godaannisa hin fayyine isatti uume garuu hidhaa isa lammaffaadha, yeros waggaa 24.
''Ji'a tokkoo oliif addatti hidhameen ture,'' jedhe.
''Gaaffileen akkaan jajjaboodha. Tokko bira hin darban, hunda gadi guuranii nama gaafatu. Maatii keenya arguu hin dandeenyu. Yeroo hagamiif akka as turrus hin beeknu. Wayita isaan gaafannu nutti kolfu. Hin yaadinaa, yeroo muraasaaf asuma turtu jedhanii callisu,'' jedhe.
Mahdiin waggaa sadiif mana hidhaa tureera, kun miira akkaan isa jeequ itti uumeera.
Yakka heddun himatame, keessaa tokko ''nageenya biyyaalessaaf yaaddoo uumuu'' kan jedhuudha.
Namni yakka siyaasaa akkanaan hidhame, wayita ba'u iddoo jireenyasaa duraaniitti deebi'uu hin danda'u.
Ammas hordoffii to'annoo jabaa jala jiraachuu fi yeroo kamittuu deebi'ee hidhamuu akka danda'u dubbate Mahdiin.
''Keessummaa maatii kiyyaaf qormaata cimaadha. Wayitan manaa ba'u [suuqii dhaqu] yeroo hunda maatiin keenya ni yaadda'u. Maaltu akka na mudatu hin beekamu waan ta'eef,'' jedhe.
Dhumarratti maatiinsaa Iraan keessaa baqatee Tarkiitti koolu galtummaa akka gaafatu taasisan.
Dhaabbati tola-ooltummaa mirga Kiristaanota Iraaniif falmu Article 18 bara darbe sababa walfakkaataadhaan namoonni 166 hidhamuu ibse, bara 2022 ammoo namoota 134 turan kan hidhaman.
Aanga'oonni mootummaa Iraan wayita yaadannoon waggaa tokkoffaa dubartii Mahsaa Amini jedhamtuu ga'uuf ji'oonni muraasi hafanitti kiristaanota iratti hidhaa fi dararaa hammeessan.
Dubartiin kun uffata rifeensa mataa haguugu qixa sirrii ta'een hin uffanne jedhamuun erga poolisiin hidhamtee booda mana hidhaatti duute.
Dubartiin kun reebicha poolisiin irratti raawwateen ajjeefamuu fi kanaafis mootummaan Iraan itti gaafatamummaa fudhachuu akka qabu UN akeekkachiiseera.
Duuti dubartii kanaa biyyattii keessatti mormii guddaan akka ka'uuf sababa ta'eera. Hiriira gaggeeffamaa turerrarratti poolisiin Iraan humna fayyadamuun yoo xiqqaate namoota 551 hidheera.
Namoonni sagal du'aan adabamaniiru, kanneen biroo ja'as adabbii kana eeggataa jiru.
Adabbin kun Kiristaanotarratti ammoo ni hammaata. Garuu kanuma keessatti namoonni kutannoo agarsiisaa jiru jedha Mansuur.
Kanneen Kiristaana ta'an heddummaataa jiru jechuusaati.
''Lakkoofsi namoota akka Zoroastrian of ibsanii xiqqaate,'' jedha Mansuur.
Zoroastrianism amantii Waaqa tokkichatti amanamu kan waggaa 3,000 dura Peershiyaa, biyya amma Iraan jedhamtu keessatti eegaledha.
Tiinaan manasheetti deebitee Ayyaana Faasikaa qopheeffatteetti.
Duraan poolisoonni Iraan tibba ayyaanni dhalachuun Yasuus Kiristoos fi ayyaanni faasikaa ga'u nama hidhuutti bobba'u.
Tiinaa fi waahillan ishee waldaa tokko waliin dhaqan kana baraniiru.
''Ayyaanota dhalachuu Yasuus Kiristoos fi faasikaa guyyaa isaan irra oolanirra erga kabajuu dhiisnee bubbulleerra. Guyyaa sanarraa jijjiirree, torbanoota booda kabajna,'' jette Tiinaan.
Guyyaa sanas ta'u mootummaan adda baasee isaan hidhuuf waan qophaa'uuf of eeggannoo guddaan akka kabajan himte Tiinaan.












