Niwu Yoorkitti baqataa qaro-dhabeessi aangawoota immigireeshiniin gatamee du'ee argame

Madda suuraa, Buffalo Police Department
Baqataa qaro-dhabeessi, dhalootaan Maayinmaar irraa ta'e, Niwyoorki keessatti erga mana hidhaa baqattootaa kan federaalaa keessaa gadhiifamee booda du'ee argame.
Nuural Amiin Shaah Alam du'ee kan argame Kibxata darbe eegdonni Gumrukaa fi Daangaa (CBP) mana isaa Bufaaloo irraa fageenya dheeraarratti mana bunaa biratti gatanii biraa deemanii booda.
Tempireecharri naannichaa diilalla olaanaa (cabbii) akka ture ibsame.
Kantiibaan Magaalaa Bufaaloo Siin Riyaan duuti Alam "waan heddu nama jeequ" jedhan. Qorannoon akka gaggaeeffamus waamicha godhan.
Waajjirri Nageenya Biyyaa Keessaa kan Eegdota Gumrukaa fi Daangaa (CBP) bulchu namni kun geejjiba ofii qabatee gara suuqii qajeeluuf akka ture ibsuun "mallattoon dhiphinaa, socho'uuf haalli isa rakkisuu, fi qaama hir'uu ta'uusaatiin haalli gargaarsa addaa isa feesisu hin turre" jedhe yoo konkolaataa irraa bu'u.
Waajjirichi manni bunaa sun mana isaatti dhiyoo dha, "mijataa fi bakka yaaddoo nageenyaa hin qabnes" ture jedhe.
The Washington Post viidiyoo yoo namni kun mana bunaa Tim Horton's coffee jedhamutti buufamu agarsiisu jedhame gad lakkisee ture.
Guyyaan isaa Guraandhala 19, 2026. Viidiyoon kun Shaah Alam mana bunaa kana biraan darbaa jiraachuu agarsiisa malee yoo seenu hin agarsiisu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoon The Washington Post akka gabaasetti erga manni bunaa kun cufamee viidiyoo waraabame dha.
Manni bunaa kun sa'aatii 19:00 (galgala sa'aatii 01:00) cufama akka beeksisa manichaarraa hubatametti.
Teempireecharri sa'aatii sanaa akka gabaasaaletti digrii selshiyeesii 2.2 ykn Faaranaayitii 36 ture.
Namni umrii 56 Shaah Alam maaliin akka du'e ifatti waan himame hin jiru. Waajjirri Poolisii magaalaa Bufaaloo qorachaa kka jiru beeksise.
Shaah Alam du'ee kan argame Guraandhala 24 ture. Mana bunaa kanarraayis (9.7KM irratti argamuu poolisiin Bufaaloo beeksise.
Kara-deemaan 911 [bilbilaa yeroo balaa] bilbiluun gabaasuu hima poolisiin.
Namni kun hin socho'u, hin harganu, sa'aatii sadi dura yoo achiin dabartu garuu ni socho'a ture jette karaa sanarraan namni dabraa turtee fi poolisiif gabaaste.
Osoo hin du'in dura, yeroo waggaa tokkotti dhiyaatuuf, Shaah Alam to'annoo poolisii jala ture. Reebichaa fi yakka meeshaa waraanaan shakkamee himatame.
Poolisoota lama madeessuun shakka ittiin shakkame dha akka poolisiin jedhutti. Boodarra wabiidhaan akka gadhiifame miidiyaaleen naannoo gabaasan.
Aangawoonni immigreeshinii US qaamoleen seeraa naannoo gara mana hidhaa isaaniitti akka dabarsan gaafatan.
Akkaataa silaa Waajjira Poolisii Bufaalootti, abukaatoon seeraa Shaah Alam Guraandhala 22 kaasee dhabamuu gabaasee ture.
Poolisiin immoo humnoonni federaalaa gaafa Guraandhala 19 humnoonni federaalaa eenyummaa isaanii hin himanne fudhachuu gabaase.
Ilmi isaa akka poolisiif gabaasetti Shaah Alam Guraandhala 19 humnoota federaalaan to'atame.
Rooytarsi akka gabaasetti humnoonni daangaa (CBP) gadhiisanii turan. Inni baqataa kooluu galee fi kan biyyarraa hin ari'amne jedhaniit gadhiisan.
Maatiin isaa yoomii fi eessatti akka gad lakkifamu nun beeksifne jedhan.
BBC'n humnoota eegdota daangaa (CBP) dubbisuuf yaaleera. for comment.
Kantiibaan Bufaaloo Riyaan, Humnoonni Daangaa, Humni Nageenyaa biyya keessaa fi Humnoonni Immigreeshinii "waan hojjetan hin beekan" jedhan. Haala hamaa koolugaltoota mudachaa jirus ibsan.
"Eegdonni daangaa nama qaama hir'uu fi Afaan Ingliizii hin dubbanne, nama dhiphatee fi bakki deemu harkaa bade akkamiin akka tajaajilan hin beekan" jedhan. "Waan godhan laali. Karaarratti gatan. Mana bunaa cufaa duratti gatan"
Ijoolleen isaa waayee gadhiifamuu isaa quba akka hin qabne Rooytarsitti himan.
ilmi isaa Faayisal, abbaan isaa poolisoota faana rakkoo wal hubannaa isa mudateef karumarraa hidhamuu hime.
Abbaan isaa ulee dhadhaabbataaf qabatee sibiila maggaarrajaa qabatee bahee ture. Inni ulee san akka lafa kaawu poolisiin itti himus poolisii hin dhageenye. Achumaan hidhame jedhe.
Shaah Alam maatii Roohingaa kan Maayinmaarirraa Ameerikaa dhufe dha. Duguuggaa sanyiin Maayinmaar keessaa baqatee Ameerikaa seene.
Maatiin isaa dhimma du'a Nuural Amiin Shah Alam irratti qorannoon akka godhamu gaafatan.















