Tarkiin maqaashee gara 'Turkiye'tti jijjiiruu beeksiste

Ministira Dhimma Alaa Tarkii- Mevlut Cavusoglu

Madda suuraa, @MEVLUTCAVUSOGLU

Biyyoota addunyaa hedduu biratti Tarkii jedhamtee kan waamamtu Turkiin, maqaashee jijjiiruuf tarkaanfiin fudhatte Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii biratti erga fudhatamee booda, kana booda Tarkiye (Türkiye) jedhamtee akka waamamtu beeksiste.

Akka haaraatti addunyaatti of beeksisuuf hojjechaa kan jirtu Tarkiin, duula karaa pireezidantii ishee eegalameen jijjiirama maqaasheerratti uumame hordofee jaarmiyaaleen idil-addunyaa hedduun maqaashee akka sirreessan gaafatamaniiru.

Ji’a Sadaasaa darbe keessa ‘’maqaan Turkiye jedhu aadaa, qaroominaa fi duudhaawwaan uummata Tarkii kan calaqqisiisuudha,’’ jechuun Pireezidant Raasiip Xayyib Erdowaan dubbatanii turan.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii torbee kana keessa yaada jijjiirraa maqaa Tarkii erga fudhatee mirkaneessee booda battaluma maqaashee haaraaf beekamtii kenne.

Lammiileen Tarkii hedduun biyyasaanii Turkiye jedhanii kan waaman yoo ta’u, Tarkiin ammo dubbattoota Afaan Ingilizii biratti bal’inaan beekama.

Jijjiiramni maqaa kun erga ifa ta’ee booda miidiyaa mootummaa biyyattii kan ta’e TRT battaluma maqaa haaraadhaan waamuu eegale.

Jijjiirraa maqaa kanaaf akka sababaatti kan ka’e inni biraan ammoo maqaan Tarkii jedhu lukkuu yeroo ayyaanaa qalamtuun beekamuu isaati.

Biyyoonni lixaa wayita ayyaana qillee fi bara haaraa kabajatan gosa lukkuu qalataniin Tarkii jedhanii waamu.

Kitaabaa galmee jechootaa (dictionary) Kambiriij irrattis hiikaan Tarkii lukkuu kanaaf kan kennameedha.