Aanga'oonni TPLF walqoodan humna akka hin fayyadamne walii galan

Madda suuraa, TPLF
Walqoodinsaafi dhibdee keessa kan jiran aanga'oonni Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay(TPLF) dantaa siyaasaa isaanii galmaan gahuuf humna akka hin fayyadamne waliigaluusaanii abbootiin amantaa ifa godhan.
Gareelee lamaan adda bahan kan hoogganan Obbo Getaachew Reddaa fi Dabratsiyon Gabramikaa'el(PhD) sanadni mallatteessan ''walirratti olaantummaa mirkaneeffachuuf jecha gocha badiitti akka hin galle'' waliigaluu hima.
Abbootiin amantaa Tigraay hoogganoonni garee TPLF lamaanii waliigaltee mallatteessuu isaanii kan beeksisan ibsa Guraandhal, 14/2025 magaalaa Maqaleetti ibsa yoo kennani.
Abbootiin amantaa kun ji'oota lamaan darban gareelee waggaa tokkoo oliif wal dhaban kan araarsuuf hojjechaa bahuu himaniiru.
''Rakkoofi garaagartummaa siyaasaa gidduusaanii jiru mariin akka furan gaafatamaa, kadhatamaafi dhiibban godhamaa ture'' jedhaniiru.
Bu'uura kanaan gareen lamaan sanada ''Qajeelfama Naamusaa'' jedhu akka mallatteessan godhamuun ibsameera.
Gareen lameenuu ''jecha abbootii keenyaan ala hin taanu'' jechuun gaaffii dhiyaateef fudhachuun mallatteessaniiru jedhame.
Waliigalteen kun kan mallatteeffame torban sadii dura ta'us miidiyaaleef ifa kan godhame garuu reefu.
Waliigalteen kun kan mallatteeffame hoogganoonni waraanaa naannichaa dura taa'aa dhaaba TPLF kan ta'an garee Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu waliin hiriiruusaanii ibsa akeeku baasuu isaanii guyyaa lama dura.
ALI Amajjii 15/2025 ibsa kan kennan hoogganoonni waraanaa bulchiinsi yeroo naannichaa Obbo Getaachew Reddaan hoogganamu ka'ee kan biraan akka bakka bu'u ''murteessineerra'' jedha.
Sanadni amma ifa godhame ammoo ibsa kana guyyaa lama duradha. Gareen lameen uummata Tigraayiif gaafatama waloo qabanirraa kan ka'e akkasumas nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf gaafatamaafi murannoo qaban irraa kan ka'e waliigaluun ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sanadni ''Qajeelfama Naamusaa'' kun keewwatoota shan of keessaa kan qabu yeroo ta'u, humna walirratti fayyadamuu dhabuutti dabalataan haasaa dubbii kakaasuufi jibbinsaa dhaabuus kaaseera. Dhimma fayyadama miidiyaafi kenninsa odeeffannoorrattis waliigalaniiru.
Sanada kana keessatti dhimmi sadarkaa jalqabaatti qabame 'wabii humna fayyadamuu hanqiisuuti'. Gareen lameen ''galma siyaasaa keenya mirkaneeffachuuf humna fayyadamuu ni mormina'' kan jedhurratti mallatteessan.
Gareeleen lameen ''miseensotaafi deeggartoota hokkoraaf akka hin kakaasne, akka hin deeggarreefi akka hin hayyamnes'' waliigalaniiru.
''Wal doorsisuun haala kamiinuu fudhatama hin qabu'' qajeelfama jedhurratti waliigalaniiru.
''Gareeleen waliigalticha raawwatanne cimina garee agarsiisuuf ykn olaantummaa keenya mirkaneessuuf gocha hokkaraa kamittuu hin gallu, hin hayyamnus'' jedhanii mallatteessan.
Sanada kana keessatti qajeelfamootni kaahaman raawwatamuu isaa kan hordofu abbootii amantaa garee lameen walitti fiduuf hojjchaa turan ta'un eerameera.
Waliigalteen kun yoo sarbame atattamaafi iftoominan furuufis waliigalaniiru.
Waliigaltee Piriitooriyaa waraana gaaga'aa Kaaba Itoophiyaa goolabe booda aanga'oota TPLF gidduu dhibdeen dhalate hammachaa deemeera.
Boordiin Filannoos dhaabichi beekamtii dhaaba siyaasaa argatee yeroo kennameef keessatti yaa'ii waliigalaa waamee waan hin jirreef ji'a sadiif sochii siyaasaa hundarraa ugguruu ibsee ture.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












