Loltuun Raashiyaa buufata nikularaa eegaa turee baqate icciitii nikularaa biyyattii maal jedhe?

Misaa'ela Balistikii Raashiyaa

Madda suuraa, Russian defence ministry

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Antoon loltuu buufata nikularaa Raashiyaa eegaa tureedha. Guyyaa itti Raashiyaan Yukireen irratti waraana ajajjee kaasee meeshaalen nikularaa of-eeggannoo olaanan akka qophaa'an godhamuu dubbata.

"Sana dura, shaakala qofa ture. Garuu guyyaa waraanichi eegale , meeshaalen waraanaa nikularaa iddoo akka qabatan godhame," jedha loltuun duraanii Raashiyaa kun.

Anton maqaasaa isa dhugaa miti, nageenyasaaf jecha jijjiirameera, amma Raashiyaan ala jira. Nageenyasaaf jecha bakka inni jiru BBCn hin ibsu.

Antoon loltoota nikularaa Raashiyaa keessaa tokko ture. Gulantaa irra tureefi buufata nikularaa keessa ture kan mirkaneessu sanadoota garaa garaa BBCtti agarsiisera.

Loltuu Raashiyaa baqate
Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Raashiyaa duraanii buufata nikularaa eegaa ture bakka dhoksaadhaa BBCtti yeroo dubbatu

Raashiyaan Yukireen weerartee guyyaa sadi booda, Vilaadmiir Puutin loltoonni nikularaa biyyattii tajaajila sadarkaa of-eeggannoo olaanaa irra akka ta'an ajajamuu beeksisanii ture.

Antoon akka jedhutti, gareen loltoota nikularaa of-eeggannoo olaanan akka turan guyyaa waraanni eegalee kaasee akka ta'e hima.

"Kan nuti qabnu TV Raashiyaa qofa, ajaja natti kenname qofa bahuudha. Nuti adda waraanaa deemnee lolaa hin turre, gaheen keenya meeshaalee nikularaa eegudha," jedha.

Waraanni eegalee torbee lamaa hanga sadii booda, of-eeggannoon nikularaa sadarkaa olaanaa kennamee ture haqamuu kan himu Antoonin buufata nikularaa Raashiyaa keessatti loltoonni tajaajilan addatti filamanii hordoffiin addaa akka irratti taasifamu hima.

"Adeemsi ittiin loltoota nikularaa filatan baay'ee cimaadha. Hunduu loltuu gahuumsa cimaa qabaniidha. Kaffaltiinsaas baay'ee olaadha," jechuun loltoonni buufata meeshaa nikularaa keessa hojjatan adda waraanatti akka hin ergamnes hima.

"[Loltoonni kun] haleellaa qolachuuf ykn haleellaa nikularaa gaggeessuf qofa achi jiru. Loltoonni kamuu bilbila qabatanii buufata nikularaa akka hin seenne eegun gahee koo ture," jedhan Antoon.

Jireenyisaanii buufata nikularaa keessa ta'uu kan himu loltuun duraanii Raashiyaa amma baqate kun, maatin akka isaan ilaalan yoo barbaadan ji'a sadi duranii iyyata galfachuu akka qaban hima.

"Hawaasa kaanirraa adda citeedha, namni haaran achi keessa hin jiru. Maatin kee akka dhufanii si ilaalan yoo barbaadde, ji'a sadi dursitee iyyata Tajaajila Nageenyaa FSBtti galfachuu qabda," jedha.

Loltoota Raashiyaa

Madda suuraa, Russian defence ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Raashiyaa buufata nikularaa eegan leenjii addaa kan qabaniidha
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Antoon buufata nikularaa Raashiyaatti garee nageenyaa- humna dafee tarkaanfii fudhatuufi meeshaalee nikularaa eeguu ture.

"Yeroo yerodhaan shaakala gaggeessina turre, daqiiqaa lama deebii kennuu qabna," jechuun boombii nikularaa dhukaasuf yeroo gabaabaa akka fudhatu hima.

Raashiyaan boombii nikularaa 4,380 akka qabdu ragaan Federation of American Scientists ni agarsiisa; haa ta'u garuu, kanneen keessaa 1,700 qofatu qopheeffamanii jiru.

Puutin meeshaa nikularaa tarsiimawaa hin taane kan taaktikaalaa fayyadamuu danda'a kan yaddoon jira.

Meeshan nikularaa taaktikaalaa misaa'ela xiqqaatti fe'amuun adda waraanatti hojiirra kan oolu ta'ee, raadiyooaktiivii baay'ee kan gadi hin lakkifneedha.

Raashiyaan waan dandeesse hunda gochuun obsa biyyoota lixaa qoraa jirti. Torbee darbe akkaataa itti Raashiyaan meeshaa nikularaa fayyadamtu ilaalchisee Puutin tarsiimoo itti fayyadama nikularaa akka jijjiiramu godhee jira.

Akkaataa tarsiimoo haraa ammaa kanaan, biyyi nikulara hin hidhanne, biyyoota nikulara hidhataniin deeggaramtee haleellaa misaa'elaa heddu yoo gaggeessite, Raashiyaan meeshaa nikularaa ni fayyadamti.

Qondaalonni Raashiyaa akka jedhanitti, tarsiimon itti fayyadama nikularaa Raashiyaan amma raggaasifte kun adda waraanatti akka isheen hin mo'amneef carraa guddaa uumaf.

Garuu meeshaalen nikularaa Raashiyaa hunduu kan hojjataniidhaa?

Xinxaaltonni biyyoota Lixaa tokko tokko akka jedhanitti, meeshaalen nikularaa Raashiyaa hedduunsaanii kan bara Sooviyeetii waan turaniif ammatti hojjachuu dhiisuu mala.

Loltuu humna nikularaa duraanii Raashiyaa kan ture Antoon garuu, yaada xinxaaltonni warra Lixaa jedhan kana madaala akka hin kaasne hima.

"Bakkeewwan biroo meeshaalen turan jiraachuu malu, garuu biyyattiin [Raashiyaan], meeshaalee nikularaa baay'ee guddaa ta'e qabdi. Kan lafoo, qilleensarraafi galaanarraaf ta'u dabalatee heddu qabdi," jechuun meeshaalen waraanaa nikularaa Raashiyaa sirnaan kan hojjataniifi waraana kamiifuu qophii ta'uu ibsa.

"Hojiin meeshan nikularaa akka hojjatu gochuu dhaabbataadhan gaggeeffama. Daqiiqaa tokkoofuu adda citee hin beeku," jedha.

Haa ta'u garuu waraanni Yukireen akkuma eegaleen waanti sammuunsaa hin fudhanne akka mudate - "ajaji yakkaa" akka kennameef hima.

Waraanni akkuma eegaleen loltoota isa jala jiraniif barnoota hubannoo uumuu akka kennuuf ajajni itti kenname.

"Lammiilen Yukireen loltoota waan ta'aniif baduu qabu naan jedhan," waanti isaaf hin liqimfamne uumamuu hima. "Suni anaaf sarara diimaa ture, anaaf suni yakka waraanati. Piroppaagaandaa kana tamsaasuu hin qabun jedhe," jechuun sana booda dhiibban irra gahuu akka eegale hima.

Ajaajoonni isaa bakka buufata waraanatii isa kaasun kutaa waraanaa idileetti isa erguun isa adaban. Adda waraanattis akka ergamu itti himame.

Loltoonni Raashiyaa baqatan hedduun BBCtti akka himanitti, kanneen ajaja fudhachuu didan baay'ensaanii dursa adda waraanatti ergamu.

Adda waraanatti ergamuuf yeroo jedhu waraana keessatti hirmaachuu akka hin barbaanne mallatteesse. Sana booda himanni yakkaa irratti baname.

Karaa dhaabbata namoota miliquu barbaadan gargaaruu biyyaa bahuuf dirqame.

Osoo gara birgeedii waraana idileetti dabarfamuu baatee, buufata nikularaa keessaa baqachuun akka isaatti ulfaatu hima.

Loltoonni Raashiyaa heddus waraana akka hin barbaanne addunyaan beekuu akka qabu dubbata Antoon.

Dhaabbanni loltoota miliquu barbaadan gargaaru, “Idite Lesom” ykn hiikni isaa "Bosona Keessa Gorii Miliqi" jedhamu BBCtti akka himetti gaaffin waraana keessaa miliquu loltoota heddu biraa dhiyaataa akka jiruufi ji'atti loltoonni hanga 350 gaaffii akka dhiyeessan ibse.

Kanneen baqatanii biyyaa bahan akkuma dabalaa deeman balaan isaanirra gahus dabalee jira.

Antoon biyyaa bahuu himus, humni nageenyaa Raashiyaa ammallee isa barbaadaa akka jiru hima.