US-Iraan: Masaanonni US Teehraan waliin ni dhaabbatuu?

Mormii Beerut keessaarratti, alaaba Hizboolaa fi Iraan, suuraa Ayaatolaa waliin

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

"Waggoota kurnoota darbaniif, Iraan ittisa ishee misaayeloota, lola qilleensarraa fi humna biyya keessaa qofatti hin daangessine. Olloota ishee keessattis humna ijaarrachaa turte."

Libaanos, Iraaq, Sooriyaa fi Yaman keessatti maallaqa dhangalaasuun networkiin hidhattootaa ijaaraa turte qaama tarsiimoo kanaati- sochii waraanaa" Zoonii harka lafa jalaa (Gireey Zoon)" jedhama.

kun waraana fuullees miti, nagaa fulla'aas miti, masaanuu ofiitti dhiibbaa, balaa, gufuu ta'uun osoo waraana fuulleetti hin seenne kasaaraa uumuu dha.

Haa ta'uu malee, haleellaa Onkololeessa 07, 2023, booda Israa'el networkiiwwan humnoota kanneenii akka malee rukuttee turte.

Jalqaba humnoota Iraan deeggartu itti aansee Iraan haleeluun. Kana kan gooteef "zoonii harka lafa jalaa (Grey Zone)" kanneen keessaa Iraan baasuuf ture. Kanaanis Iraan duubatti deebisuu ykn lola itti jabeessuuf.

Uummata suura Hasan Nasrallaah, hogganaa duraanii Hizboolaa qabatanii sirna yaadannoo isaarratti argaman (Beerut bakka itti ajjeefametti)

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uummata suura Hasan Nasrallaah, hogganaa duraanii Hizboolaa qabatanii sirna yaadannoo isaarratti argaman (Beerut bakka itti ajjeefametti)

Yeroo sanatti haleellaan Israa'el gochaa turte milishoota Iraaniin deeggaramaniif balaa jabaa ture. Milishoonni kunneen dadhabanis garuu hin badne.

Gabaasa kana keessatti hidhattoota michuuwwan jajjaboo Iraan ta'an sadan - Hizbolaa Libaanon keessaa, Milishoota Shiyaa kan Iraaq keessaa fi Huutiiiwwan Yaman ilaalla.

Waraanni Ameerika fi Iraan gidduutti ka'eera. Gaheen kanneenii maal ta'a kan jedhu madaalla.

Hezbolaah Libaanos keessaa: Akka malee haleelamus, ammas jabaa dha

Agarsiisa milishoota Hizbolaah

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Agarsiisa milishoota Hizbolaah
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seenaa isaatiin, Hizboolaan qabeenya murteessaa naannichatti Iraan qabdu dha. Sababnisaa dandeettii waraanaa fi misaayelaa isaatiin, gama kaabaan dhiyeenya Israa'el irraa qabuun, dhimmoota siyaasaa fi hawaasummaa Libaanon keessattis gahee waggootaaf qabuun.

Haa ta'uu malee, haala amma keessa jiruun gaheen Hizboolaa kaleessaa sanaan wal hin gitu.

Waraanni fi caasaan tikaa Israa'el haleellaan Hizboolaarratti godhan dandeettii dhaabbattummaa fi humna Hizboolaa burkuteesseera.

Ajjeefamuun hogganaa Hizboolaah Hasan Nasrallaah kan mallattoo dhaabbatichaa ta'e hanqina hoggansaa uumeera.

Ajjeechaa isaa booda garicha deebisanii ijaaruu gaafatas.

Kana qofa osoo hin taane haalli Libaanon keessaas,kufaatiin diinagdee, dhiibbaan hawaasummaa, waayee waraanaarratti kutaaleen hawaasaa Shiyaa-hin taane ilaalchi qaban Hizboolaa qormaata keessa galcheera.

"Libaanon keessatti, Iraanif jecha waraanatti seenuun kisaaraa guddaa dha," jedha

gulaalaan the Middle East Centre at the Carnegie Endowment kan Beerut keessaa Mika'el Yaang BBC Pershiyaaf yaada kenneen.

"Dandeettiin madaala waraana jijjiiruu Hizboolaa daran dadhabaadha. Ejjennoo kopheessa qaba. Hedduun biyyattii keessa jiranii waraana ni mormu"

Hizboolaan humna jabeeffatee yoo misaayiloota baalastikii Israa'elirratti kan fayyadamu ta'e, Teel Aviiv deebiin kennituu "balaafamaa"- haalli kun kasaaraa jabaa Libaanonitti fida jedha.

Hizboolaan ammallee dandeettii murtaaye ykn humna diroonii fi misaayela sochoosuu qabaachuu danda'a-garuu waraanatti seenuun garicha gara badiitti geessuu akkasumas magaalaa guddoo Libaanon balaa keessa buusuu danda'a.

Xiinxalaa gameessi Wiirtuu Stiimsan kan Biraasils, Kaawaa Hasan, yaada BBC Pershiyaaf kenneen yoo US Iraan haleelte Hizboolaan karaa biraa filachuu danda'a jedhe.

"Dhimmi ijoo," jedhe, " Mootummaa Iraan dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isa mudata moo hin mudatu kan jedhu dha. Akka yaada kootti, ilaalcha kanarraa ka'eeti kan Iraan faana hirmaannaa isaa murteessu."

Haleellaan US Iraanirratti raawwattu yoo "murtaawaa" ta'e, akkuma qondaalli Hizboolaah tokko AFP'tti Roobii darbe dubbate, hin hirmaatu. Yoo Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Kaameniirratti xiyyeeffatame garuu sun Hizboolaaf sarara diimaa waan ta'uuf hirmaachuu danda'a.

Milishoota Shiyaa Iraaq keessaa:Walxaxaa dha, hirmaachus, dhiisus danda'u, dorgommii hedduutu jira

Garee Popular Mobilization Forces (PMF)

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Garee Popular Mobilization Forces (PMF)

Akka Hizboolaa osoo hin taane, gareen hidhattoota Iraan keessaa hoggansa qaba, caaseffama qaba, jabaadhas.

Kuun isaanii caasaa mootummaa ykn gariin mootummaa kan akka PMF (Popular Mobilization Forces) keessa, kuun ammoo karaa gamtaa dhaabbilee siyaasaa paarlaamaa keessatti hirmaatu, of danda'anii hidhatanii kan socho'aa siyaasaa keessaa hirmaannaa qabanis jiru.

Waggoota dhiyoo, gareewwan kunneen galma lama erga tokko milkeessuuf socho'aa jiru: Gahee akka naannootti milkeessuu barbaadan kan isaan "Axis of Resistance" jedhaniinii fi siyaasaa Iraaq keessatti hirmaannaa isaanii jabeessuu.

Hariiroon isaan Teehraan waliin qaban akkuma jirutti kan jiru ta'ee, aangawoonni Iraan immoo yeroo yeroon hogganoota jara kanaa daawwatu.

Milishoonni Shiyaa tokko tokko humna keessoo ofii jabeeffachuurratti xiyyeeffatanii jiru. Sirna siyaasaa Iraaq keessattis of cimsuu fi bu'aa filannoo tikfachuun waan isaan itti jirani.

Gareewwan Iraan waliin hariiroo qaban hedduun kan bara 2025 filannoo Iraaq keessa tureen paarlaamaa seenan kanneen hidhatan qofa osoo hin taane kanneen caasaa aangoo siyaasaa Iraaq keessa jiranisi.

Gaheen isaan caasaa mootummaa Iraaq keessatti qaban kun waraana Iraaq keessatti tarii dhalatuu maluuf hirmaachuuf isaan rakkisuu danda'a. Sagalee paarlaamaa isaan dhabsiisuu, caasaa mootummaa isaan dhabsiisuu akkasumas fudhatama isaanii waan diigu ta'uu waan maluuf.

Hirmaannaan garee Iraaq keessaa tokko tokkoo, yoo Iraan haleelamte, qabatamaa ta'uu danda'a. Ameerikaan buufata waraanaa Iraaq keessaa waan qabduuf, isaanirratti xiyyeeffachuu waan dandeessuuf, isaanis haalli lolatti isaan maku ni jiraata.

Gareeleen addaas ni jiraatu, mootummaan Iraaq of qusatus, murni xixiqqoo fi gareewwan ayidiyoolojii ofii qabanof danda'anii hirmaannaa addaa qabaachuu danda'u.

Buufata waraanaa Ameerikaa kan Iraaq keessaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata waraanaa Ameerikaa kan Iraaq keessaa

Mikaa'el Yaangi haalli Iraaqii fi Libaanon gargari jedha.

Buufatni waraanaa Ameerikaa Iraaq keessa jira. Yoo tarkaanfiin Ameerikaa kan murtaayee fi yeroo gabaabaa ta'e, Teehraan michuuwwan ishee guutuun sochoosuu dhiisuus dandeessi.

Kaawaa Hasan carraan Iraaq kutaa Kurdistaan haleeluu jiraachuu akka danda'u eera.

Akkaataa ergaa Teehraanii darbuun milishoonni Iraaq keessaa kunneen,mkuun lolatti makamuuu, kuun gariin itti makamuu, kuun ammoo of qusachuu danda'u jechuu dha.

Huutiiwwan: Hirmaannaa ho'aa of qusannaan xinnaadhaan

Hidhattoota Huutii Yaman keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota Huutii Yaman keessaa

Hidhattoonni Huutii Yaman keessaa qaamolee lamaan caalaa walabummaan waan fedhan raawwachuu waan danda'an se'u taajjabdoonni hedduun. Sababa dhiibbaan Teehraan irra hin jirreef osoo hin taane, dhiibbaa keessaa akka Libaanon ykn akka haala wal xaxaa dhaabbilee Iraaq keessaa waan hin qabeef.

Iddoon argama Huutiiwwan Yaman keessaa ulaa daldalaa adunyaa fi boba'aarratti dhiibbaa akka godhan isaan dandeessisa. Gareen kun waggoota dabran ulaa dooniiwwaniirratti xiyyeeffachuu fi sochii galaana diimaa fi daandii Baab-eel Mandab kan KM 32 dheeratu danquun kaaba baha Afrikaa sulula Arabiyaa adda kutuu akka danda'u akeekkachiisaa tureera.

Waraanni Iraanii fi US gidduutti yoo dhalate, dhiibbaan siyaasaa keessaa isaan mudatu waan hin jirreef michuu jabduu Iraan ta'u. Haalota hamaa damdamachuu akka danda'an mirkaneessanii jiru. Duula haleellaa qilleensaa hedduu cehaniillee dooniiwwanitti ulaa cufuun hamma gahan addunyaatti mul'isanii jiru.

"Huutiiwwan carraa hedduu qabu," jedha Mikaa'el Yaang.

"Ulaa doonii daldalaa danquun daldala addunyaarrati dhiibba gochaa turaniiru. Karaa Baab-el Mandab ugguruus danda'u."

Iraan mataashee, karaa Hormuz, illee cufuu malti jedha Yaang. Tarsiimoon Iraan bal'ina haleellaa US madaaluurratti kan bu'uureeffame ta'a jedha.

Waashingtan (Israa'elis itti dabalamtee) Iraan keessatti mootummaa buqqisuuf yoo kan haleellaa bantu taate, Iraan michoota ishee mara sochoosuun dhiibbaa ishee ni cimsiti, badiis ni geessifti.

Yoo kun ta'e, Hormuuz ni cufama, Huutiiwwanis Baab Eel-Mandab cufuun isaanii waan hin oolledha.

Suura Masjiidaa fi fakkii haleellaa xiyyaaraa fakkaatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suura Masjiidaa fi fakkii haleellaa xiyyaaraa fakkaatu

Ilaalcha jiraachuu fi dhabamuurratti jiru

Akka taajjabdoonni jedhanitti michuuwwan Iraan hirmaannan godhan kallattii fi kan battalaa waan ta'u miti. Battalaan lolatti waan seenan hin fakkaatu.

Kaawaa Hasan hirmaannaan qaamolee kanneenii yoo dhimmi jiraachuu fi dhabamuu dhalate qofa ta'a.

Yoo yaaddoon akkasii jiraate, humnoonni kunneen Saawud Arabiyaa, UAE, Kuweeti fa'irrattis xiyyeeffachuu danda'u.

Kun immoo hariiroo wayyaayee ture kan Iraanii fi biyyoota galoo galaanaa jidduu irratti balaa fida.

Mikaa'el Yaangi dhimmi Iraan dursa kennituuf dhimma jiraachuuf dhabamuuti.

Tarkaanfiin dhabama ishee godhu kamuu muddama hin eegamne dhaluu akka danda'uufi balaan dhabamuu bira hin geenye immoo Iraanirraa- fi michoota isheerraa madaalawaa fi murtaawaa ta'a.