Yaa’ii UN Raashiyaan naannolee Yukireen ofitti makachuu balaaleffate irratti Itoophiyaafi Ertiraan Sagalee kennuurraa of qusatan

Pirezidant Vilaadmiir Puutin aanga'oota biyyoota gara garaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN General Assembly) Raashiyaan kutaawwan bulchiinsa Yukireen afur ofitti makachuu ishee sagalee guddaatiin ittiin balaaleffaterratti Itoophiyaafi Ertiraan sagalee kennuurraa of qusatan.

Yaa’ii UN kana irratti biyyoonni Afrikaa sagalee garaa gara hirame dhageessisaniiru.

Biyyoonni Afrikaa 26 ta’an murtee ummataa falmsiisaa Raashiyaan naannolee Yukireen afur keessatti gaggeessuun booda ofitti dabalatte mormuun sagalee dhageesisaniiru.

Ertiraa dabalatee biyyoonni 19 ammoo sagalee kennuurraa of qusataniiru.

Ertiraan kanaan dura yeroo Raashiyaan Yukreeniin weerartu murtee balaaleffannaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kufaa taasistee turte.

Kanneen sagalee kennuurraa of qusatan keessatti biyyoota michoota Raashiyaa ta’an Itoophiyaa, Maalii, Rippabilika Giddu-galeessa Afrikaa, Koongoo, Dimokiraatik Rippabilik, Afrikaa Kibbaa, Sudaan, Yugaandaafi Zimbaabuwee dabalatee biyyoonni biro ni argamu. 

Biyyoota Afrikaa sagalee kennuurraa of qusatan keessaa sadii Adoolessa darbe dippilomaatiin olaanaa Raashiyaa Sarge Laaviroov hariiroo biyyi isaanii Afrikaa waliin qabdu cimsachuuf jecha warra daawwatanii turanidha.

Sargee Laaviroov Itoophiyaa dabalatee, Ijjipt, Dimokiraatik Koongoofi Yugaandaa daawwatanii ture.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov yeroo daawwannaa Finfinneetti taasisanii turanitti gatiin nyaataa sadarkaa addunyaatti qaala’uu isaafi rakkoo boba’aa mudateef kan itti gaafataman biyyoota Lixaadha jechuun komataniiru.

Laaviroov yeroo Finfinnee daawwatanitti Pirezidant Saahilawarq,akkasumas ministira muummee itti-aanaafi ministira dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon waliin marii taasisanii turan.

Ji’a kana keessa ministirri dhimma alaa Yukireen Dimeetiroo Kuleebaa ardittiin deeggars Raashiyaarraa argattu laaffisuuf, akkasumas gaggeessitoonni Yukireeniin akka deeggeraniif amansiisuudhaaf biyyoota Afrikaa gara garaa daawwataniiru.

Haleellaan boombii Raashiyaan Yukireen irratti taasiftu jabaataa dhufuu isaa hordofee daawwanaa isaaniis gabaabsuu dirqamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Burkinaafaasoo, Kaameruuniifi Ikuwaatooriyaal Giinii ammo Yaa’ii Waliigalaa UN kanarratti hin argamne.

Murteen Yaa’ii UN kun sagalee deegarsaa biyyoota addunyaa 143 yoo argatu, Chaayinaafi Indiyaan sagalee kennuurraa of qusataniiru.

Raashiyaa dabalatee biyyoonni afur ammo murtee kana hin fudhannu jechuun sagalee mormii kennaniiru.

Biyyoonni Raashiyaa tumsuun waliin dhaabbatan kunneen Beelaaruus, Kooriyaa Kaabaa, Siiriyaafi Nikaraaguwaadha.

Erga Raashiyaan Yukireen weerartee as hanga kana sagaleen mormii guddaa ishee mudachuun kun isa jalqabaati.

Torban darbe sirna baayyee ho’aa ta’een Pirezidant Vilaadmiir Puutin kutaawwan bulchiinsaa Yukireen Luhaanisk, Doonesk, Zaapparaazyiyaafi Keerson akka qama Raashiyaa ta’anitti mallatteessuun isa ani yaadatama.

Puutin kutaaleen bulchiinsaa kana akka qama Raashiyaa ta’etti kan labse murtee ummataa Yukireeniifi biyyoonni Lixaa fudhatama dhabsiisan gaggeeffameen boodadha.

Erga kutaaleen bulchiinsaa kun Raashiyaatiin ofitti fudhatamanii booda haleellaan yoo isaan irratti raawwatame akka bulchiinsa Raashiyaa irratti raawwatameetti waan lakkaa’amuuf hiika siyaasaafi waraanaa bal’aa qaba jedhu xiinxaltoonni.

Murteen Yaa’ii UN kanaan dhiyaate ammoo kutaaleen bulchiinsaa kunneen hawaasa idil-addunyaa biratti akka qama Raashiyaa ta’aniitti beekamtii akka hin kennineef kan taasisudha.