US fi biyyoonni Awurooppaa gartuun TPLF mariin muddama gidduusaanii akka furaniif gaafatan

Madda suuraa, UK Embassy
Ameerikaa, Biriteen fi biyyoonni Awurooppaa muddamni garee TPLF lamaan (kan Obbo Getaachoo Raddaafi Dr. Dabiretsiyon Gabremikaa'eliin hogganamu) gidduutti uumamee naannicha yaaddoo keessa galchaa jiru karaa mariin akka furamuu qabu waamicha taasisan.
Biyyoonni Lixaa kunneen ibsa waloo karaa embaasiiwwan isaaniitiin baasaniin, muddamniifi wal gaarreffannaan amma naannichatti mul'atu kun "gara walitti bu'insaatti deebiyuu hin qabu" jedhaniiru.
"Muddama Kaaba Itoophiyaatti hammaachaa jiru hordofaa jirra," kan jedhan embaasiiwwan kunneen, qaamoleen hunduu waliigaltee Piritooriyaa kabajuu qabu jechuun waamicha taasisan.
"Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Sadasa 2022 taasifame guutummaatti akka deeggarru irra deebiin ni mirkaneessina," jedha ibsi waloo kun.
Jarmanii, Faransaay, Niw Ziilaand, Noorway, Siwiidin, Jappaan Siwiizerlaand, Ispeen, Xaaliyaaniifi Ayerlaand biyyoota 24 yaaddoo qaban ibsa baasan kanaan dhageessisan keessaati.
Pirezidantiin bulchiinse yeroo ce'umsaa Tigraay kaleessa Finfinneetti rakkoo naannoo Tigraay keessa jiru ambaaasaaddaroota US, Biriteen, EU, Faransaay, Xaaliyaaniifi Jarmaniif ibsaniiru.
Sababa rakkoo TPLF keessatti uumameen naannicha keessatti rakkoon nageneyaafi siyaasaa uumamaa jira,
Bulchiinsi yeroo ce'umsaa Obbo Getaachoo Raddaattiin hogganamu waliigaltee Piritooriyaa jalatti hundeeffame rakkoo dhalate kanaan laafeera.
Guyyoota muraasa dura Obbo Getaachoon hoggantoota humnoota Tigraay sadii caasaa mootummaa diiguuf yaalaa jiru jechuun aangoorraa dhorkee ture. Kana hordofee ammoo humnoonni Tigaay garee TPLF Dabretsiyoniin hogganamu deeggaruun Obbo Getaachoo Raddaa fi deeggartoonni isaa akka aangoo gadhiisan waamicha gochuun muddamni jiru akka daran hammaatu godheera.
Walitti bu'insa sababa kanaan uumameenis namoonni nagaa baayyeen madaa'aniiru.
Bakka buutonni biyyoota Lixaa irra deddeebiin Tigraay kan daawwatan yoo ta'u, muddamni jiru akka tasgabbaa'uufi waliigalteen Piritooriyaa akka kabajamuuf waamicha taasisaa turaniiru.
US ammoo waraana Tigraay lubbuu kuma dhibba hedduu galaafate kana akka dhaabbatu godhuu keessatti gahee murteessaa bahatteetti.
Muddamni siyaasaa naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wal dhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti mudatee baatiiwwaniif cimee itti fufee jira. Baatiiwwan darban keessa garee Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD)n durfamu aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa to'achuudhaaf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataa tureera.
Bulchiinsi yeroo Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamu yaalii kanaan rakkoo tasgabbii dhabiinsa naannichaatti argamu kan cimsuudha jedhee ibsuun akeekkachiisan illeen muddamichi garuu yeroodhaa gara yerootti cimaa jira.
Guyyoota darban keessa ammoo aanga'oonni humnoota hidhatanii kanneen deeggarsa gareen Dabratsiyoon akka qaban himamu, bakkeewwan garaa garaatti humnaan dhaabbilee bulchiinsaa to'achuudhaaf yaalii taasisaa akka jiran ibsamaa jira.
Haalli kunis ammas naannicha keessatti walitti bu'insa uumuu danda'a jechuun jiraattoonni yaaddoo cimaa keessa galuun kan ibsame yoo ta'u, kanneen dandeettii qaban ammoo naannichaa baqachuudhaan gara Finfinnee fi naannoolee biraatti imalaa jiraachuun jiraattoonni BBCtti himan.
Keessattuu bulchiinsi yeroo Obbo Geetaachoon durfamu ajajoota waraanaa humnoota Tigraay dursan keessaa kanneen ijoo jedhaman qondaaltoota sadii dhorkuu erga beeksiiseen booda muddamni naannichatti cimee jira.
Kibxata darbe waaree booda Godina Bahaatti sochii aanga'oonni waraanaa dursuun bulchiinsa yeroo mormaniin wal qabatee waajjiirri Kantiibaa Adigiraat to'annoo bulchiinsa yerootiin ala ta'un beekameera.
Kana hordofeetis waliitti bu'iinsa namoota nagaafi hidhattoota jidduutti umamuus ta'e miidhaan qaqqabee jiraachuun hin ibsamne.
Guyyaa Wiixataa Ittigaafatamaan waajira nageenyaafi tasgabbii godinichaa gara sa'aatii afuriitiif humnoot anageenyaa garee Dabratsiyooniin deeggaramaniin to'atamee ture.
Waajjiira Kantiibaa Adigiraat to'annoo jala oolchuu dhaabbanni Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) fuula Facebook isaarratti mirkanneesseera.
''Kantiibaa Magaalaa Addigiraati ta'udhaan kan mana mareetiin muudame Obbo Radaa'ii Gabra'igzaabeer sababii namoota fakkaattootaan mudamanitiin waajiricha fudhatanii tajaajila akka hin kenniinee taasifamuun tureera,'' jechuun ture waajiricha deebiisanii to'achu kan ibsan.

Waldhibdee hooggantoota TPLF
Waraanni Tigraay waggoota lamaaf dhiiga hedduu dhangalaase waliigaltee Piriitooriyaatiin xumuramee bulchiinsi yeroo Tigraay erga hundaa'ee booda TPLF pirezidantii jijjiiruuf irra deddeebiin mootummaa federaalaaf gaaffii dhiheessaa tureera.
Waggaa darberraa eegalee ammoo koree giddugaleessaa TPLF gidduutti qoccolloo hammaateen dura taa'aa fi dura taa'aa itti aanaa paartichaa gidduutti walqoodinsi mudateera.
Korri TPLF 14ffaan akkaan falmisiisaa ture beekamtii boordii filannoo fi hooggantoota paartichaa hedduu kan hin qabne ture.
Walqoodiinsa hooggantootaa fi miseensota paartichaaf sababi ijoon kora kana ture.
Ajajoonni humnoota Tigraay kora TPLF 14ffaa Hagayya darbe gaggeeffameef beekamtii kennuun murtee kora kanaarratti hundaa'uun bulchiinsa yeroo keessatti jijjiiramni hooggansaa akka taasifama waamicha taasisanii turan.
Gareen TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) jalatti hogganaman hariiroonsaanii akkaan kan laafe yoo ta'u, ji'oota darban burjaajii hamaa keessaa turan.
Dabratsiyoon bulchiinsi yeroo akka haaraatti akka hundaa'u irra deddeebiin gaaffii dhiheessaa turan.
Gareen lameenuu Sadaasa darbe wayita Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin mari'atan gaaffiin kun dhihaatee ture.
Naannochatti filannoon gaggeeffamee bulchiinsi idilee hanga hundaa'utti, bulchiinsi yeroo aangoorra akka turu Ministirri Muummee Abiy ibsanii turan.
Gaaffiin seera qabeessummaa TPLF akkuma jirutti ta'ee, Guraandhala darbe boordiin filannoo gareen TPLF Dabratsiyooniin durfamu ji'oota sadan itti aananiif sochii siyaasaa kamiyyuu akka hin taasifne dhorkeera.












