Waranni akka dhaabatuuf haal-duree Puutin dhiyeessan, Yukireen fudhachuu didde

Madda suuraa, EPA
Warraanni Yukireenitti gaggeeffamu akka dhaabatuuf pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin haal-duree Yukireen guutuu qabdi jedhan dhiyeessan.
Haal-duree Puutin dhiyeessan kunis, Yukireen waraanni akka dhaabatu kan barbaaddu yoo ta'e lafa Raashiyaan qabatte keessaa loltoota haa baastu kan jedhuudha.
Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin gamasaanin haal-duree waraana dhaabuu Puutin dhiyeessan "haal-duree Hitlariin wal-fakkaata" jechuun fudhatama akka hin qabne ibsan.
Zeleniskiin kana duras Raashiyaan daangaa humnaan qabatte, Kiriimiyaa dabalatee, keessaa loltootashee yoo baaste malee yoomiyyuu Mooskoo waliin mariif akka hin teenye irra deddeebin ibsaa turan.
Pirezidaat Puutin Jimaata, Waxabajjii 14, yaada waraana dhaabuu dhiyeessan kanaan haal-dureen biraa isaan kaa'an Yukireen miseensa NATO ta'uuf abjuu qabdu dhaabuu akka qabdu ibsan.
Puutin waraana Yukireenitti gaggeessan dhaabuf yaadi dhiyeessan kun gaggeesitoonni biyyoota 90 Siwizarlaanditti waraanni Yukireen akkamiin dhaabachuu akka qaburratti mariyachuuf yeroo jedhanitti.
Korri kun har'a, Waxabajjii 15, kan eegalu yoo ta'u Raashiyaan hin affeeramne. Jimaata kaleessaa Pirezidaant Puutin ambaasaaddaroota biyyattii wajjin Mooskoti yeroo mariyatan, Yukireen naannolee Raashiyaan qabatte afur keessaa humnashee akka baaftu gaafatan.
Naannoleen kunneen: Doneetisk, Luhaanisk, Kersoonifi Zapporeeshiyaa kanneen jedhamaniidha.
Dabaluunis, haleellan Raashiyaa akka dhaabatu yoo feete ifatti fedhii NATOtti dabalamuu qabdus dhaabuu kee lasbi jechuun Yukireenif waamicha godhan.
"Kiiv murteewwan kanaaf qophii ta'uushee akkuma beeksifteen gama keenyan waraanni akka dhaabatuufi hatattamaan mariin akka eegaluuf murteen ni taasifama," jedhan Puutin.
Waraana dhaabuf haal-dureewwan Puutin Yukireenif dhiyeessan kana Yukireen dabalatee USfi NATOn fudhatama hin qabu jedhaniiru.
Pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin miidiyaa Xaaliyaanii Sky TG24 waliin turtii taasisaniin, ergaa Pauutin kana kan Addolf Hitlar Waraana Addunyaa Lammaffaarratti dubbatee tureen wal-fakkeessan.
"Ergaan kun harka kennadhuudhan tokkuma. Waanuma Hitlar godhee tureen wal-fakkaata. [Hitlar] walakkaa Chekoslovaakiyaa yoo naa kennitan waranni ni dhaabata jedhe," jedhan Zeleniskiin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministiirri Ittisaa USiyood Ostiin yaada Raashiyaan dhiyeessite kana "Puutin humnaan daangaa biyya birmadummaa qabduu fudhate" jechuun kufaa taasisan.
"Inni [Puutin] nagaa fiduuf Yukireen maal gochuu akka qabdu ajajuu hin danda'u," jedhan.
Barreessaa Olaanaa NATO kan ta'an Jeens Istooltenbarg ammoo yaadi Puutin dhiyeessan sirrii miti jedhan.
Yukireenitti nagaan waaran akka bu'uuf gaggeessitoonni biyyoota 90 ta'anii har'a Siwizarlaanditti marii jalqabu.
Mootummaan Siwiis gamasaan, kaayyon kora kanaa seera idil-addunyaafi chaaertara UN bu'uura godhachuun Yuireenitti nagaan waaran akka dhufuuf carraa itti gaggeessitoonni addunyaa wal-arganii mariyatan uumuu akka ta'e beekise.
Raashiyaan kora kanarratti hin affeeramin hafte. Chaayinaan affeerran godhamuufis, "bakka Raashiyaan hin jirretti hin hirmaadhu" jechuun wal-gahicharraa hafteetti.
Biyyooni dureeyyin, G7 jedhamuun beekaman, torbanuma kana Xaaliyaanitti wal-gahanii mariyataniiru. Ajaandaan ijoon mariisaanii ammoo akkamiin waraana Yukireen akka gargaaran ture.
Kanaanis maallaqa Raashiyaa sababa qoqqobbiin Awurooppaa keessatti ugguramerraa Yukireenid barana liqaa dolaara biliyeena 50 kennuuf walii galaniiru.
Raashiyaan Yukireen weeraruusheetin qabeenyishee dolaara biliyeena 325 ta'u biyyoota G7 kanaan jalaa uggurameera.












