Daa'imman waggaa ja'atti maaliif laguu arguu jalqaban?

Ijoollee dubaraa wal-hammatanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Arkaanaan haadha daa'ima aggaa ja'aa yoo taatu, qaama daa'imasheerratti jijjirama hin baramne argitee yaaddofte.

''Umrii ganna jahatti kana isheerratti arguukoon baayyeen yaadda'e. Ijoollummaasheetti waan xiqqoodhaan akka malee aarti, jijjiiramni kuni na yaaddeessaa ture,'' jetti.

Arkaanaan ganda Saataaraa Lixa Indiyaa keessa maatiishee wajjin jiraatti.

Mana xiqqoo keessa abbaa warraashee fi ijoolleeshee dhiiraafi dubaraa wajjin jiraatti.

Intalishee akka umriishee yoo tahuu diddu gara hakiimaa ishee dhaqatte.

Haati magaalaa Deelihii jiraattu Raashiin garuu jijjiirama kana daa'imasheerratti argitee waan addaati jettee hin yaadne.

Da'imnishee ganna ja'aa kg40 madaalti isheenis ''waanuma fayyaaqabeessa dha'' jettee yaaddee ture.

Haatahu malee, gaaf tokko haati Raashii mucaanshee akka dhiigde itti himte.

Hakiima bira deemuun booda daa'imishee akka laguu argite barame.

''Kana fudhachuun baayyee nutti ulfaatee ture. Daa'imni koo maaltu akka irratti tahaa ture hubachuu hin dandeenye ture,'' jette Raashiin.

Hakiimni Arkaanaan daa'imashee yaaliif bira dhaqattes hakiima gadameessaatti akka geessitu itti himan.

''Arkaanaan yeroo daa'imashee nu bira fiddu mallattoo umrii saalfattoo hundumaa irratti argine.

Caasaan qaamasheetis akkasuma kan ganna 14 fi 15 fakkaata, laguus yeroo dhihootti arguu malti,'' jedhan Dr Suushiil Gaaruud Hospitaala Haadholii Piyuunitti argamurra.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Gaaruud akka jedhanitti hammi hormoonii qaamashee keessa jiru umriisheef isa barameen oli dha, kanaafis sababni garaagaraa jiraachuu mala.

''Arkaanaan qorichi farra ilbisaa kg5 ulfaatu mana keessa akka jiru natti himteetti. Daa'imnis manuma keessa taphatti waan taheef kuni sababa ijoo hormooniin daa'imman kanaa akka geeddaramu godhe tahuu mala,'' jedha hakiimni kuni.

Jijjiiramni ijoollummaan dafee dhufu akkasii saalfattoo ganamaan jedhama jedhan.

Yeroo umrii saalfattoo dhiirotaafi dubaroonni jijjiirama arguun qaamni saalaa isaanii guddatee hormaataaf gahaa tahu.

Dhirooti baayyee areedaafi qaama saalaa isaanii irratti rifeensa baasu, akkasumas sagaleen isaanii ni furdata.

Dubaroonni immoo qaama saalaa isaanirratti rifeensa baasuun dabalataan harma baasu, laguus arguu jalqabu.

Mallattoowwan saalfattoo umrii 8 hanga 13 dubartootaaf 9 hanga 14 keessa immoo dhiirota irratti mul'achuu danda'a.

Dr Vaayishaakii Ruusteegii hakiima ijoollee yoo taatu waggoota darbanitti umrii dubaroonni laguu argan irratti jijjiirama guddaa akka argite dubbatti.

''Dur dubartoonni waggaa 18 fa'itti laguu argu ture kunis jijjiiramni qaamaa irratti mul'atee waggaa sadiin boodadha.

Amma garuu jijjiirama qaamaa arganii ji'a sadii fa'itti deebi'anii laguu argu,'' jechuun BBCtti himte.

Dhiirotis akkasuma umrii saalfattoo jalqabuun waggaa 1.5 keessatti areeda baasuu jalqabaniiru. Duraan garuu adeemsi kuni waggaa afur fudhata ture.

Dr Suchitraa Saarvii Indiyaatti dhaabbata fayyaa daa'immanii qoratu Child Health Research Department of the Indian Council of Medical Research (ICMR) keessaa hojjetti. Qorannoo geggeessiteen mallattoowwan saalfattoo dafanii arguun akkaan dabaleera jette.

Qorannoo dhaabbanni kuni ijoollee dubaraa 2,000 irratti geggeesseen haadholiin yeroo baayyee mallattoo saalfattoo dafee mul'atu kana hin hubatan.

Bara 2020tti Hospitaalli Baayi Jarbaayi Wadiyaa Mumbaayi keessa jiru ICMR waliin ijoollee dubaraa ja'aa hanga sagal tahan waa'ee umrii saalfattoo kanaa akka baratan sagantaa qopheessee ture.

''Ijoolleen dubaraa jaatama waggaa ja'aa hanga sagalii jiran adeemsa saalfattoo keessa dafanii kan galan yoo tahu laguu isaaniis sa'atii kamittiyyuu arguu danda'u,'' jedhan Dr Suudaah Raawu hakiimni daa'immanii hospitaalichaa.

Haadha harka intalaa qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Mallattoon umrii saalfattoo maalii ariifate?

Hakiimonni akka jedhanitti, mallattoowwan saalfattoo kana dafanii arguuf sababni garagaraa jiraachuu danda'a garuu qorannoon ammallee adeemsifamaa jira waan taheef sababa tokko kana jedhamee kaa'amu hin jiru jedhu.

Akka hakiimonni kunneen jedhaniitti qoricha farra ilbisaa, keemikaalota nyaata yeroo dheeraa tursuuf faayidaarra oolan, faalama qilleensaa fi furdinni gara malee sababa tahuu danda'a.

Dr Piraashaant Paatiil dhimma ijoollee dubaraa Mubaayi kan qoratu yoo tahu furdinni gara malee mallattoowwan saalfattoo dafanii arguuf sababa isa guddaa tahuu mala jedhe. Rakkoon kuni yeroo weerara Kooviid-19 akkaan dabale jechuun ibse.

Bara 2022tti ijoolleen miiliyoona 390 waggaa 5 hanga 19 jiran gara malee akka furdataniifi kunneen keessaa miiliyoonni 160 furdina gara malee kanaa wajjin akka jiraatan ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni hima

Furdinni garamalee(Obesity) cooma gara malee qaama keesstti kuufamu yoo tahu fayyaa namaa miidhuu mala.

Furdina kanaafis yeroo dheeraa bilbilaafi TV irraa taa'uun sochii qaamaa gochuu dhiisuun sababa tahuu mala.

Dr Vaayisaakiin waggoota lama, sadii darbaniif dubartoota yaaliif dhufan keessaa shan ykn ja'a dhimma laguutiin wal-qabatee ilaalamuuf dhufu jette.

''Maatiin ijoollee isaaniirratti Ebla keessa jijjiirama argine jedhanii Waxabajjii keessa immoo laguu argu. Gama dhiirotaanis haaluma wal-fakkaataa dha,'' jette.

Yeroo dheeraa bilbila irratti dabarsuun ijoolleen dafanii adeemsa saalfattoo keessa akka galan godha.

Daa'imman Arkaanaafi Raashii laguu isaanii tirachiisuun gara wagga 10 fi 11tti siiqsuuf yaaliin kennamaafi jira.

Hakiimonni ijoolleen kunneen umriisaanii kanatti of kunuunsuufi qulqullina laguu isaanii eeggachuu hin danda'an.

Hakiimonni lamaanuu ijoolleen dafanii umrii saalfattoo keessa galan rakkoo xiinsammuu qabaatu.

Akka qorannoowwan agarsiisanitti daa'imman kunneen akkatti qaama isaanii ilaalan rakkoo horachuu malu akkasumas hiriyyootaan dhiibbaan irra gahuu danda'a.