Xaanaa Fooramiin bara kana gaggeeffamu maal irratti xiyyeeffata?

Madda suuraa, EBC
Fooramiin Xaanaa 11ffaa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamu nageenya Afrikaa irratti akka xiyyeeffatu himame.
Fooramii kana irratti hirmaachuuf gaggeessitoonni biyyoota Afrikaa adda addaa magaalaa Baahir Daar galaniiru.
Fooramiin Xaanaa kun har'a irraa eegalee guyyoota sadiif hanga Dilbata dhufuutti kan gaggeeffamu taha.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos dabalatee qondaalonni mootummaa olaanoon magaalaa Baahir Daar galaniiru.
Pirezidaantii Fooramii Xaanaa tahuun tajaajilaa kan turan pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oleesugun Obaasaanjoos fooramicha irratti argamu.
MM Abiy Ahimed marii kana irratti argamuun isaanii hin baramne.
Marii fi qorannoon dhiyaatu nageenya Afrikaa irratti yoo tahu xiyyeeffannoon isaa akka waliigalaatti ''Afrikaa sirna Addunyaa Jijjiiramaa jiru keessatti'' jedhu irratti xiyyeeffata.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti,Oleesegun Obaasaanjoo yeroo maricha banan ''hundi keenya wal qixa karaa ta'een rakkoolee Afrikaa irratti muka tokko jala teenyee yerootti mari'annudha'' jedhan.
Oleesegun Obaasaanjoo karaabaataa isaanii baasuun lafa kaa'anii maricha jalqabsiisuu isaanii Daarikterri Qorannoo Nagaa fi Tasgabbii Yuunvarsiitii Finfinnee Dr Meersii Fikaaduu EBCtti himaniiru.
Fooramii kana irratti hirmaattonni hundinuu karabaataa isaanii baasuun uffata namatti salphatuun akka hirmaatan godhamuu himame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababni isaa wlaitti dhiyaatanii mari'achuuf akak toluuf akka tahes himameera.
Fooramicha irratti mari'achuun cinattis hirmaattonni hundinuu dhaabbii biqiltuu ni gaggeessu.
Fooramiin Xaanaa dhiyeenya sababa rakkoo nageenyaan adda citee ture.
Fooramiin akkasii kun AFrikaa keessatti kan jalqabaas miti. Torban darbe akkuma kana Fooramiin Aswaan Masirii Kaayirootti gaggeeffamee ture.
Fooramiin Aswaan Afrikaa fi biyyoota Arabaa dinagdeen walitti hidhuu, waraana Sudaan keessaa dhaabuu fi Gaanfa Afrikaatti tasgabbii buusuu kan jedhu irratti ture kan xiyyeeffate.
Inumaayyuu bulchiinsii fi itti fayyadamni hulaa galaanaa fi Galaana Diimaa dubbii ijoo ture.
Fooramii Aswaan irratti gaggeessitoonni biyyoota Afrikaa, Arabaa fi Gamtaa Awurooppaa hirmaataniiru.
Akkasuma Fooramii Xaanaa kana irrattis qorannoowwan dhiyaatanii nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa irratti gaggeessitoonni ardicha keessa jiran gadi taa'anii waliin mari'achuun hiikuu irratti akka xiyyaatu himameera.
Itoophiyaan ofii ishees rakkoo nageenyaa guddaa qabdi.
Waraana kaaba biyyattiitti waggoota lamaaf gaggeeffameen booda naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sababa walitti bu'insa humnoota nageenyaa fi hidhattootaan rakkoon nageenyaa guddaan uumameera.
Kun garuu mata duree marii Fooramii Xaanaa tahuu addatti waan ibsame hin jiru.












