Biyyoo ji'arraa fudhatameen yeroo jalqabaaf biqiloota biqilchuun danda'ame

Biqiloota biyyoo ji'arraa dhufe irraatti biqilfaman

Madda suuraa, UF/IFAS

Saayintistoonni biyyoo ji'arraa argameen yeroo jalqabaaf biqiloota biqilchuu danda'an

Haalli kuni ilmoon namaa ji'arra yeroo dheeraaf turuu akka danda'u kan akeekeefi tarkaanfii murteessaa tahe dha jedhameera.

Qorattoonni abuurtoonni ergama xiyyaar-samii Appoolootiin yeroo gara ji'aa deeman samuuda biyyoo bara 1969 hanga 1972tti funaananii fidan fayyadaman.

Kan ajaa'iba jedhame immoo, sanyiin facaasan guyyaa lama booda faara biqiluu agarsiisuu isaati.

''Hangam akka dinqamne ibsuun na rakkisa,'' jechuun abuurraa kanarratti waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Piroofeesariin Yunivarsiitii Filooriidaa Aanaa Liizaa Pool dubbataniiru.

''Biqiltuun hundi -kan biyyoo ji'arraa fudhatamerratti biqilchine hanga guyyaa jahaffaa kaan wajjin haala wal-fakkaataa qabu ture,'' jedhaniiru.

Guyyaa jahaffaarratti biqiloota wal-dorgomsiisuuf wajjin biqilfamaa turanirraa garaagarummaan mul'achuu jalqabe.

Biyyoo ji'aarratti warri biqilan quucaruu jalqaban, warra kaanirraas suuta kan guddatan yoo tahu dhumarrattis guddinni isaanii ni dhaabbate.

Haa tahu malee hirmaattonnii qorannnoo kanaa dhimmi ijoo dubbatan bu'aan qorannoo isaanii hiikkaa guddaa kan qabu tahuusaati.

''Qorannoon kuni qorannoo NASA' waggaa dheeraa fudhateef sadarkaa murteessaa kan jedhamu dha.

Ogeessonni gara tujuba hawaa deeman qorannoof achitti yeroo dheeraa waan dabarsaniif,nyaata isaanii ji'a irratti biqilchuuf argannoon kuni faayidaa qabeessa dha,'' jechuun hogganaan olaanaa NASA Biil Neelsan dubbataniiru.

''Qo'annoo bu'uuraa guddina biqilootaa kuni dachee irratti iddoowwan hanqinni nyaataa jiru biqilootni haala rakkisaa keessatti akkamiin dandamachuu danda'u kan jedhuuf murteessaa dha,'' jedhan.

Adeemsa qorannoo Kanaan danqaa guddaa kan ture saamudni ji'arraa argame baayyeen jiraachuu dhabuu dha.

Bara 1969 irraa qabee waggoota fufan sadii keessatti abuurtonni NASA, samuuda biyyoo, cirracha, awwaaraafi kumbulloo kg382 ji'arraa fidaniiru.

Gareen qorannoo Yunivarsiitii Filooriidaa, biqilaa tokkoof biyyoo giraama tokkotu kennameefi. Saamuudawwan kunneen waggoota dheeraaf ugguramanii kaa'amanii tura.

NASA'N bara 1972 booda yeroo jalqabaaf bara 2025tti ji'arra nama qubachiisuuf karoorseera.