Kitaabni seenaa Pireezidant Wiihaa amala saal-qunnamtii giifti-duree saaxiluun rakkoo uume

Madda suuraa, Amazon
Kitaabaa seenaa pireezidantii Laayibeeriyaa Joorji Wiihaa himu keessatti amalli saal-qunnamtii gifti duree ibsamuun barreessaa kitaabichaa rakkoo keessa galche.
Barreessitoota kitaabichaa keessaa tokko sababa kanaatti biyyaa akka in baane dhorkameera.
Kitaabicha keessatti keewwatni tokko pireezidant Wiihaan waayee amala saal-qunnamtii haadha warraa isaa haala safeeffamuufi qaanessaa ta'een dubbateeraa jedhamee waabeffatameera.
Kitaaba san keessatti Wiihaan dubartootaa biroorra haadha warraa isaa maalii fuudhaaf akka filate yeroo ibsu inni tokko ''gahumsa sireerratti qabdu'' ta'uu ibseera.
Gifti dureen Laayibeeriyaa Klaar Mariyaa Wiihaa dhimma falmisiisaa kana gubbaatti hanga ammaa waan dubbatte hin qabdu.
Kitaabni kun erga maxxanfame waggaa 10 booda amma rakkoo kan uume gaaxezessaan dhalataa Laayibeeriyaa US jiraatu Heenerii Koostaa keewwata kitaaba kanaa waayee amala saal-qunnamtii giifti duree himuu online gubbaa maxxansuu isaati.
Kitaabichi mata dureen isaa "George Weah: The Dream, the Legend, the Rise to Power" kan jedhu yeroo ta'u, Piroofeesar Imaanu'eel Kilaarkiifi Ayiizaak Vaah Tuukpaah'n barreeffame.
Ayiizaak Vaah Tuukpaah kan amma biyyaa bahuuf osoo jedhuu qabamee jedhamu gargaaraa fi hoogganaa waajira nama siyaasaa beekamaa Aleeksaadeer Kuumiingis kan dura taa'aa dhaaba 'Alternative National Congress (ANC) ta'aniiti.
Keewwatni kitaaba kanaa maxxanfamuu hordofee aangoo isaanii kanarraa kan kaafame yeroo ta'u, Kitaaba san keessatti gaaffiif deebii waayee haadha warraa Wiihaa fi amala saal-qunnamtii ishee haasa'u barreessuu isaatiif dhiifamagaafateera.
Keewwatni maxxanfame icciitiiwwan dhuunfaa giifti duree saaxiluu qofa osoo hin taane akki itti barreefame dimshaashumatti dubartoota kan saalfachiisuufi xiqqeessudha jedhamee mormii jabaan irratti ka'eera.
Barreessaan kitaabichaa Ayiizaak Vaah Tuukpaah nageenya isaaf yaaddahuun osoo baqatuu daangaa biyyattiitti qabame jedhamuus mootummaan Laayibeeriyaa garuu soba jedheera.
Ministeerri Odeeffannoo biyyattii ibsa baaseen namni kun karaa daangaa biyyaa akka hin baane ittifamuufi kunis sababa daangaan cufaa ta'eef ta'uu hime.
Pireezidan Wiihaan ibsa baaseen ''Tuukpaan hordofamaa hin jiru. biyya keessa jiraachuufi biyyaa bahuufis bilisa'' jedhe. Barreessaan biroon kitaabichaa Laayibeeriyaan ala jira.
Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman maxxansa kanaan dheekkamaniiru. Kitaabicha balaaleffachuufis karoofachaa jiru.
Lammiileen Laayibeeriyaa gariin pireezidant Wiihaan wanti kitaabicha keessatti jedhaniiru jedhame dhugaa ta'uufi soba ta'uu akka ibsaniif barbaadu.













