
Madda suuraa, Getty Images
Ogeessi kubbaa miilaa tilmaamu Kiriis Suutan Arsenaal gara dirree Tootenhaam deemee 3 fi 0'n mo'atee deebiya jedhe.
Leenjisaan haaraa Tootenhaam Igoor Tudoor dandeettii kilabootaa jijjiiruun beekama. Tootenhaamiif kun ni barbaachisa. Yaaddoo kufaatiirraa ba'uuf, tapha tokko ykn lama mo'achuun isanirra jira.
Taphni kun Tootenhaamiif guddaadha. Abdii Arsenaal waancaaf qabutti bishaan naquufis isaan dandeessisa. Morkataasaanii magaalaa tokkoo kanarratti dhiibbaa gochuun isaan gammachisa.
Arsenaal tapha Wolvis waliin taphateen saatii dhumaterratti walqixaan xumureera. Kun ammoo Mikeel Arteettaaf gaddisiisaa ture.
Tootenhaam Arsenaaliin dhaabuuf waan danda'an gochuuf kutatanii kan ka'an ta'uu beekullee, Ze Gaanners garuu tapha kana waan mo'aman hin fakkaau jedhe Suutan.