Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

MM Abiy Ahimad Pireezidaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog waliin mari'atan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Pireezidaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog waliin mari'atan MM Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaan, daawwannaa hojiif Itoophiyaa kan dhufan Pireezidaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog simachuun marii bu'aa qabeessaa taasifneerraa jedhan. Pirezidantiin Israa’el kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee yeroo gahanitti, Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr.) fi Deetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiruuf.

Guduunfaa

  • 'Tiraamp sobduudha' - Ilhaan Omaar
  • Pirezidantiin Israa'el daawwannaa hojiif Finfinnee jiru.
  • Tiraamp guddina diinagdee US jaje, Iraan irratti doorsisa cimse
  • Tiraamp haasaa Kongiresiif taasise kanaaf sa'atii 1 fi daqiiqaa 50 fudhachuun rikardii qabateera
  • Dhimma Iraan irratti ''filannoon keenya rakkoo jiru mariin furuudha,'' jedhe, garuu biyyattii akka sagantaa nukilaraa dhaabdu akeekkachiise
  • Waltajjii kanarratti Dimokiraatota bakka bu'uun haasaa Tiraampiif deebii kan kennan bulchituun Virjiiniyaa Abigeel Ispanberger, pirezidantichi ''rakkoo Ameerikaa hudhee qabeef furmaata ga'aa hin kennine,'' jedhan
  • Tiraamp akkuma kanaan dura ammas haasaa isaa kana keessatti erga aangoosaa marsaa lammataa qabatee waraana saddeet dhaabsisuu dubbate
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan, dubbii Tiraamp, Iraan misaa'ela US rukutuu danda'u hojjeta jirti jechuun 'soba guddaadha' jette

    Bulchiinsi pireezdaant Tiraampi waayee niwukilaraa fi misaayela baalastikii kan dubbate "soba guddaa irra deddeebiin jedhamaa ture" jechuun dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan busheessan.

    Tiraamp haasawa kongiresiif godhaniin Iraan niwukilarii akka hidhattu "tasuma hin heyyamu" jedhe.

    Haasawa Tiraamp kana hordofee dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baaqel "sobni yoo irra deddeebi'amu dhugaa fakkaata" jechuun deebii kennan.

    Iraan yoo xiqqaate mormitoota 20,000 ajjeefte jechuun Tiraamp dubbateera. Kana malees "misaayelii awurooppaa yaaddessu ijaarte, misaayela Ameerikaa dhaqqabu ijaarte" jedhe.

    Iraan, "karoora shiraa niwiukilaraa ishee" hojiirra oolchuuf hojjechaa jirti jechuun Pireezdaant Tiraamp himate.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan kun garuu "namuu kijiba akkanaatiin gowwoomfamuu hin qabu" jedhan.

  2. Mootummaa waliin hojjataa kan jiru EZEMA'n paarti biyya bulchu ummata dirqisiisaa jira jechuun himate

    Waggoota shanan darbaniif mootummaa waliin hojjechaa kan ture Paartiin Haqaa Hawaasummaa Ummata Itiyoophiyaa, EZEMA'n Paartiin Badhaadhinaa ''daldaltoota irraa maallaqa dirqiin walitti qabuu” jechuun cimsee balaaleffate.

    Paartichi paartiin biyya bulchaa jiru filannoo waliigalaa 7ffaa, kan baatii Caamsaa keessa gaggeeffama jedhamee eegamuuf hawaasa daldalaa irraa maallaqa “dirqiin” walitti qabaa jira jechuun himate.

    Ibsa har’a baaseen gochi kun hatattamaan akka dhaabbatu gaafateera.

    Paartiin siyaasaa kamiyyuu akkaataa tumaalee seera Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin qofa filannoof maallaqa walitti qabuu akka danda’ullee eerera.

    Paartiin badhaadhinaa caasaa mootummaa fayyadamuun invastarootaa fi daldaltoota miseensa dhaabaa hin taane “sodaachisuun” maallaqa walitti qabaa jira jedhe.

    Kanaan duras sochii dhaabaaf mindaa hojjettoota mootummaa hir’isuu isaa yaadachiisuun, ammas haawaasa baasiin jireenyaa fi “imaammata gibiraa dogoggoraa” itti hammate irraa dirqiin funaanuun “yakka dachaadha” jedheera.

    Dhaabichi waamicha Boordii Filannoo Biyyaalessaaf dhiheesseen, paartiin biyya bulchaa jiru “qabeenya seeraan ala walitti qabu” akka dhaabu aangoo seeraa qabutti akka fayyadamu waamicha dhiyeessee jira.

    Boordichi dhimma kana bira darbuu akka hin qabne cimsee ibseera.

  3. Yugaandaatti dubartoonni bakkeetti wal dhungatan jedhaman lama hidhaman

    Poolisiin Yugaandaa dubartoota bakkeetti wal dhungachuu isaanii olloota isaaniirraa dhagahe jedhuun to'ate.

    Gochi dubartoonni umriin isaanii 20moota keessa ta'an kunneen raawwatan akkaataa seera farra-qunnamtii saala wal fakkaataatiin Yugaandaatti yakkadha.

    Poolisiin biyyattii Ibsa Kibxata baaseen dubartoonni magaalaa kaaba-lixa Yugaandaa Aruwaa lamaan to'ataman.

    Aangawoonni akka jedhanitti olloonni isaanii poolisiif gabaasuun dura suura isaan kaasanii turan.

    AFP'n akka gabaasetti dubartoonni kunneen ammallee mana murtiitti hin dhiyaanne.

    Seerri Yugaandaa gochoota akkanaa [hariiroo saala walfakkaataa gidduu] adabbii hamoo kanneen akka hidhaa umrii guutuu, adabbii du'aa fa'i tumee jira.

    Dubbii himaan pooliisii naannoo Josfiin Angushiyaa "dubartoonni lamaan gochaa hariiroo saala walfakkaataa raawwachaa turuu fi bakkeetti wal dhungachuu isaanii olloota irraa dhagahuu" himan akka AFP gabaasetti. Olloonni kunneen suura wayita isaan wal dhungatanii poolisiitti agarsiisaniiru jedhan.

    Jiraattonni dubartoonni lamaan mana siree tokko waliin turuus himan jedha poolisiin. Dhimmichi abbaa alangaatiif gabaafamuus hime.

    Seerri Yugaandaa dhimmoota hariiroo saala wal fakkaatoo akkasiirratti addunyaarraa isa cimaa dha jedhame.

    Seerichi mootummoota lixaa fi dhaabbilee mirga namoomaan balaaleffatamaa ture.

  4. Hariiroo biyyota lamanii cimsuuf, Moodiin Israa'el daawwachuufi

    Ministirri Muummee Hindiyaa Naareendiraa Moodiin daawwannaa guyyoota lamaaf Israa’el kan galan yoo ta’u, kunis erga waraanni Gaazaa jalqabee daawwanna isani jalqabaati.

    Moodiin bara 2027tti yeroo hogganaa Hindii ta'e kan Israa'el daawwatan.

    Moodiin paarlaamaa Israa’el, Knesset irratti haasawa kan taasisan yoo ta’u, MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi pirezidaantii biyyattii Isaa’ak Herzog waliinis marii ni taasisu jedhamee eegama.

    Moodiin Sagantaa daawwanna isaa irratti hoggantoota Filisxeem waliin wal arguuf karoora hin qabu jedhame.

    Daawwannaan kunis hariiroo biyyoonni lamaan gama ittisa, teeknooloojii fi daldalaa cimsuuf yeroo kaayyeffatanitti.

    Hariiroon biyyota lamaanii erga Moodiin gara aangootti dhufanii as haalaan guddatera.

    Haa ta’u malee, Hindiin hariiroo Israa’elii fi biyyoota Baha Giddu Galeessaa biroo waliin qabdu wal madaalchiftee deemuu waan barbaadduuf daawwannaan kun imaammata alaa Hindii irratti qormaata ta’uu danda'a jedhu xiinxaltoonni.

    Biyyoonni lamaan dhimma farra shororkeessummaa fi ittisa irratti tumsa qabu. Hndiin biyyoota meeshaa waraanaa Israa'el irraa baay'inaan bitattu keessaa ishee tokkodha.

    MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun daawwannaa Moodii kana ''seenaa qabeessa'' jechuun ibsaniiru..

    "Hariiroon Israa'elii fi Hindii gidduu jiru gamtaa cimaa hoggantoota addunyaa lama gidduu jiruudha. Kalaqa, nageenya, fi tarsiimoo waliinii irratti ni mari'annaa jechuun Naatinahun X irratti barreessan.

    Moodiin gama isaaniin Hindiin ''michummaa waggoota dheeraa Israa'el waliin qabdu, kan nagaa fi guddina waloof kutannoo cimaa qabuuti' jedhan.

  5. Manni-maree Nageenyaa UN qoqqobbii haaraa gaggeessitoota RSF irra kaa'e

    Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qoqqobbii haaraa gaggeessitoota Humna Addaa Sudaan (RSF) irra akka kaa'u beekise.

    Kunis RSF magaalaa El Fasher keessatti ajjeechaafi yakka garaa garaa namoota nagaarratti raawwachuurraa kan ka'e ta'uu beekise.

    Qoqqoobbiin haaraan Manni Maree Nageenyaa UN kun hoggantoota waraanaa garicha afur irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, itti aanaa gaggeessaa garichaa kan ta'e Abdul Rahim Hamdan Dagalo dabalatee akka ta'eedha kan ibsame.

    Waraana waliinii Sudaan waggaa sadiif itti fufe keessatti, humni RSF magaalaa El Fasher yeroo to'atu sarbamni raawwate akkaan hamaa ta'uu ibse manni marichaa.

    Torbee darbe gareen UN qorannoo gaggeesseen haleellaan namoota nagaarratti xiyyeeffachuun gaggeeffame duguuggaa sanyii (Genocide) ta'uu kan akeeku ta'uu beekise.

    Humni RSF yeroo magaalee El Fasher Humna Waraanaa Sudaan irraa fudhatu oppireeshinicha kan hogganaa ture itti aanaa itti gaafatamaa garichaa kan ta'e Abdul Raahiim Dagaaloo ta'uu UN kan ibse yoo ta'u, humnoonni inni hogganu namoota nagaa jumlaan ajjeesafi ajjeechaa sanyii adda baasuun irratti xiyyeeffate gaggeessaa turan.

    Hogganaan waraanaa biraa qoqqobbiin irra kaa'ame "Butcher of El Fasher" jedhamuun kan beekamu Abu Luuluu yoo ta'u, magaalaan El Feshar yeroo to'atamtu namoonni nagaan yeroo ajjeefaman viidiyoo of waraabee gadi lakkisee turee dheekkamsa guddaa uumee ture.

  6. Israa'el Hezboolaah waraana Ameerikaa fi Iraan gidduutti hirmaannaan Libaanos akka haleeltu akeekkachiifte

    Hezboollaan karaa kamiiniyyu waraana Ameerikaa fi Iraan gidduu jiraatu keessatti kan hirmaatu taanaan, Israa'el buufata xiyyaaraa dabalatee haleellaa bu'uuraalee misoomaa sivilii irratti xiyyeeffachuun Libaanosirratti haleellaa akka gaggeessitu akeekkachiisuu Roohitars gabaaseera.

    Aanga'oonni olaanoo Libaanos Roohitars dubbise lama, Israa'el ergaa akeekkachiisaa kana kan qaqqabsiiste karaa al-kallattiin akka ta'e ibsameera.

    Ministirri dhimma alaa Libaanos Yusuuf raajii gama isaatiin, Jenevaatti turtii gaazexeessitoota waliin taasiseen, Hezboollaan waraana Ameerikaa fi Iraan gudduurratti kan hirmaatu taanaan, biyyattiin Israa'el waliin walitti bu'iinsa haaraa keessa galchuu danda'a jechuun yaaddoo qaban ibseera.

    Ministirri dhimma alaa kun Iraaniin kan deeggaramu Hezboolaah haala kamiiniyu waraana Waashingiten fi Teehraan gidduu keessatti akka hin hirmaanne akeekkachiisuu isaanii APn gabaaseera.

    Mootummaan Libaanos waamicha kana kan dhiyeesse yeroo Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwachuu dandeessi jedhamee yaaddoon jabaataa deemettidha.

    Dhimma kanarratti odeeffannnoo dabalataa:

  7. Pirezidaant Tiraamp haasaa Kongiresiitti taasiseen lammiilee biyyattii hojii gootummaa hojjatan jedhe badhaasa

    Tiraamp haasaa kongireessi UStti taasiserratti lammiilee biyyattii hojii gootummaa hojjatan jedhe heddu medaaliyaafi badhaasa kabajaa badhaasera.

    Namoonni badhaafaman:

    • Rooyis Wiiliyaams – Manguddoo ganna 100 yoo ta'an, paayileetii xayyaara waraanaati. Yeroo Waraana Kooriyaa jeettiwwan waraanaa Sooviyeetii afur rukutee kuffisuun gootummaa hojjate jedhamee Meediliyaa Kabajaa Kongiresii badhaafame.
    • Iskoot Raaskan – Loltuu Humna Eegumsa Qarqara Galaanaa yoo ta'u, bara darbe Teeksaas keessatti balaa lolaa mudateen lubbuu namoota 160 ta'anii bishaan daakuun baraarera. Kanumaaf jecha gootummaa badhaasa Kabaja Gootummaa Addaa badhaafame.
    • Andiriiwu Woolf Humna Eegumsa Biyyaalessaa yoo ta'u, bara darbe Washingtan keessatti itti dhukaafamee madaa'ee ture badhaasa waraanaa olaanaa ta'e "Purple Heart" jedhamu badhaafameera.
    • Erik Siloovar – Paayileetii helikoptaraa yoo ta'u, yeroo oppireeshinii Venezuweelatti gaggeessuun Pirezidaantii biyyattii Nikolaas Maaduuroo to'atamu rasaasa afuriin rukutamee ture. Gootummaa raawwate jedhamuun Badaasa Medaaliyaa Kabajaa argateera. Namoonni biroo badhaafamanis jiru.
  8. ‘Tiraamp sobduudha’ - Ilhaan Omaar, Ilhaan Omaar yeroo sagalee ol fudhattee Tiraampiif deebistu daawwadhaa.

    Ilhan Omaar fi Doonaald Tiraamp har’a fuulaafi fuulaan walitti bahanii wal arrabsaniiru.

    Tiraamp ammas hawaasa Sumaalee Minisootaa jiran waliin dha’uun himachuu fi arrabsuun jechoota baayyeen maqaa balleessan.

    Yeroo pirezidanichi kana dubbatanitti bakka buutuun Dimokiraatotaa ummataa Minisotaafi dhalattuu Sumaalee Ilhaan Omaar Kongiresii keessaa baatee mormii qabdu agarsiifteetti.

    Dhalattuu Somaalee- Ameerikaa Kongiresiin filatamte jalqabaa kan taate Ilhaan Omaar, sagalee ol fuudhuun ‘Tiraamp ati sobduudha’ jechuun deebii kenniteetti.

    Dubartiin Kongirasii bakka buutuu Dimokiraatotaa taate biraan Ilhaan Omaar cinaa taa’aa turte Rashiidaa Tilaayibaa ammoo Ilhaan harka fuudhuun deegarsa qabduuf ibsiteetti.

    Haasaa isaa keessatti Tiraamp yeroo hawaasa Sumaalee arrabsee xumuru dubartiin bakka buutuu Dimokiraatotaaa hiixachuun Ilhaaniin harka fuuteetti.''Ani Muslimaa fi dubartii gurraattiidha,'' jette Ilhaan Omar bara 2019. Kun ilaalcha addunyaa keessa akka galtu ishee taasiseera.

    Dubartii jalqabaa hijaaba uffachuun Minesootaa bakka buute jedhamuunis hordoftoota amantaa Islaamaa biratti faarfamaa turte.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp fi Ilhaan Omaar yeroo garagaraatti wayita wal arrabsaniifi walqeeqan dhaga'amu.

    Kanaan dura Tiraamp dubartii 'obboleessa isheetti heerumte' jechuun arrabsuun isaa ni yaadatama.

  9. Iraan mormii yeroo darbeen wal-qabatee nama yakkamaa jette murtii du'aan adabde

    Manni murtii Iraan mormii yeroo darbe biyyattii raaseen wal-qabatee nama yakkamaa cimaa jedhe du'aan adabuu maddi oduu Rooyitars maddeen waabeffachuun gabaase.

    Namni murteen du'aa itti murame kun "diina Waaqayyoo" jedhamee akka himatameefi hiriira mormii ji'a darbe Iraan raasee tureen wal-qabata jedhame.

    Haa ta'u garuu manni murtii Iraan murtee du'aa kana ifa hin goone. Mohaammad Abbaasii nama murtiin du'aa itti murtaa'e yoo ta'u, mormii biyyattii keesssatti ka'ee tureen humna nageenyaa biyyattii ajjeese jedhamee mana murtiitti dhiyaate.

    Haa ta'u garuu, maatiin isaa himannaa isarratti dhiyaate kana dhara jechuun waakkatan.

    Gareewwan mirga namaaf falman akka jedhanitti, mormii yeroo darbe Iraan keessatti mudateen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman humnoota nageenyaa Iraaniin ajjeefamuu ibsan.

    Tarkaanfii mootummaan namoota nagaa hiriira nagaa bahan irratti fudhateen wal-qabatee muddamni Iraanifi US gidduutti dhalate hanga ammaatuu itti fufeera.

  10. MM Senegaal jaallattoota saala walfakkaataa irratti adabbii cimsuuf

    Ministirri Muummee Senegaal Usmaan Sonkoo adabbii hidhaa jaallattoota saala walfakkaatoo kan amma jirurra dachaan dabaluuf seerri dandeessisu akka ba'uuf yaada dhiheesse.

    Akkaataa yaada qondaala kanaan adabbiin kennamu hanga waggaa 10 ta'uuf deema.

    Wixinee seeraa kana kaabineen biyyattii torbee dura mirkaneessuun gara paarlaamaatti ergeera.

    Senegaal biyya jaallattoota saala walfakkaataa hin eeyyamnedha. Dhiheenya kana hidhaan namoota kunneen irratti erga hammaatee booda yaadi adabbii cimsuu kun dhihaate.

    Biyyattiin yeroo ammaa kanneen gocha kana keessa jiran hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa shaniin adabdi.

    MM Usmaan Soonkoo paarlaamaaf wayita haasaa taasisu ''namoota faallaa seera uumamaa deeman,'' adabuuf seerri kun cimuu qaba jedhe.

    Kanneen jaallattoota saala walfakkaataaf quuqaman tarkaanfii mootummaa yoo qeeqan, jaarmiyaaleen amantii ammoo adabbiin cimuu qaba jedhan.

    Jalqaba ji'a kanaa poolisiin namoota gocha kana keessa jiran 12 to'ateera.

    Kanneen keessaa lama hawaasa keessatti akkaan beekamu, tokko ammoo gaazexeessaa beekamaadha.

    Miidiyaaleen biyyattii ji'a kana keessatti walumaagalatti jaallattoonni saala walfakkaataa 30 ta'an hidhamuu gabaasan.

    Akkaataa wixinee seeraa kanaan namni gocha jaallattoota saala wafakkaataa dhaadhesse ykn gocha kana raawwatee argame hidhaa waggaa sadi hanga torbaan adabama.

    Ragaa ga'aa malee namni gocha kanaan nama himates ni adabama.

    Namni yakkamaa ta'ee argame maallaqa biyyattii (CFA) miliyoona 10 adabama.

    Doolaara kuma 18 jechuudha.

  11. Kamiseetti doktarri haala hin baramneen dhiigasaa arjoomuun lubbuu deessuu baraare maal hima?

    "Hammi dhiigaa qaamashee keessa jiru baay'ee gadi bu'aa ture. Gidduudhaanis gara of wallaaluutti deemaa turte" Dr. Sa'id Ahimad.

    Doktarri deessuu dhiigni baay'inaan dhangala'ee lubbuunshee haala yaaddessaa keessa turte dhiiga arjoomuun lubbuu baraaran miidiyaa hawaasaarratti jajamaa jiru.

    Ogeessi kun Dr Sa'id Ahimad kan jedhaman yemmuu ta'u, Daayrektara Medikaalaa Hospitaala Waliigalaa Kamisee ta'uun hojjechaa jiru.

    "Deessuun umrii waggaa 32 kun ALI Guraandhala 6, 2018 ganama naannoo sa'aa 4:00'tti ture gara dhaabbata keenyaa kan dhufte. Yeroo dhuftuttis miixuun eegalee ture" jedha ogeessichi muddannoosaa yeroo himu.

    Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Waliigalaa Kamisees haadha ulfaa tanaaf qoricha miixuu erga kennanii booda haati kun intala dubraa nagahaan deesse.

    Haata'u malee, yemmuu ogeeyyiin ofkaltii baasanitti dhiigni deessuu dhaabbachuu dide.

  12. Tiraamp dhuguma waraana saddeti dhaabsiseeraa?

    Pirezidant Doonaald Tiraamp haasaa isaa idilee waggaa Kongirasii irratti taasisuun ammas waraanota addunyaarratti dhaabsise jedhu irra deebiyuun tarreesseera.

    Akka jedhutti, erga gara pirezidaantummaatti dhufee waggaa tokko kana keessatti waraana biyyoota addunyaa garagaraa gidduutti ture saddet dhaabsiseera.

    BBC Verify kanaan dura tokko tokkoon ilaalee mirkaneeffateera.

    Akka Waayit Hawus baasetti waraanaa saddettan kunneen:

    • Israa'el fi Hamaas
    • Israa'el fi Iraan
    • Paakistaan fi Indiyaa
    • Ruwaandaa fi Dimokiraatik Rippablik Koongoo (DRC)
    • Taahilaand fi Kamboodiyaa
    • Armeeniyaa fi Azarbaajaan
    • Masirii fi Itoophiyaa
    • Sarbiyaa fi Kosoovoo
    • Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Israa'el-Hamaas dhaabsisuuf bekamtii fudhachuun sirriidha. Haata'u mal;ee, waraana dhaabsise inni jedhu kaan kan hin turreefi yoo turanis guyyootaaf qofa kan mudatanidha.
  13. Pirezidantiin Israa’el daawwannaa hojiif Finfinnee galan

    Pirezidantiin Israa’el Ayizaak Herzoog daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

    Pirezidantiin Israa’el kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahanitti Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr.) fi Deetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiruuf.

    Pirezidant Ayizaak Herzoog turtii Finfinneetti taasisaniin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti aanga’oota olaanoo mootummaa Itoophiyaa waliin marii taasisu jedhamee eegama.

    Imbaasiin Israa'el Itoophiyaa keessa jiru pirezidant Isaak Herzoog daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufe gammachuun simanna jedheera.

    "Hariiroon Israa'el fi Itoophiyaa gidduu jiru seena-qabeessa, cimaafi tarsiimawaa kan ta'edha," jedheera Imbaasichi.

  14. Tiraamp haasaa waggaa Kongiresiif taasiseen Iraan akeekkachiise

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haasaa waggaa Kongiresiif taasiseen bulchiinsa isaa jalatti diinagdeen dagaaguu ibse.

    Haasaa isaa kana keessatti Iraan sagantaa nukilaraa ishee akka dhaabdu akeekkachiisa dabarseera.

    Haleellaa bara darbe maqaa OperationMidnight Hammer, jedhuun buufataalee nukilaraa Iraan irratti gaggeeffame kan kaase Tiraamp, kanaan walqabatee ammas humni waraanaa US qophii ta'uu dubbate.

    ''Oppireeshinii sana booda nukilaraa gabbisuuf yaalii tokkollee akka hin taasisne akeekkachiifamanii turan. Garuu amma itti fufanii jiru. Yeroo ammaa sagantaa nukilaraa isaanii itti fufaa jiru,'' jedhe Tiraamp.

    Tiraamp dabaluun ''Iraan haleellaa US jalaa dheessuuf jecha waliigalteerra ga'uu ni barbaaddi, garuu ammallee meeshaalee waraanaa nukilaraa hojjechuu dhiisuu irratti kutannoo hin agarsiisne,'' jedhe.

    ''An gama kiyyaan dhimmi kun karaa marii dippiloomaasii akka furamun fedha. Garuu wanti tokko mirkana. Addunyaarratti biyyi shororkeessitoota tumsuun beekamtu kun akka nukilara hidhattu hin eeyyamu.''

  15. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

    Nu hordofaa!